Poolisootni Keeniyaa dubartii doqdoqqeetti hidhanii lafarra harkisan hidhaman

Maxxanfame

Keeniyaatti erga dubartiin tokko doqdoqqeetti hidhamtee reebamaa daandirra harkifamtee booda poolisootni sadii to’annoo jala olaan.

Dubartiin kun saamicha bulchiinsa Nakuruutti gaggeefame keessa harka qabdi jedhamte shakkamte.

Amma madaa harkaafi miilla isheef wal’aanamuuf hospitaala senteetti. Akka midiyaa biyyatti Citizen TV’tti dubbateetti poolisii kana raawwate beekti.

Wajjirri Qorannoo Yakkaa Keeniyaa (DCI) akka jedhutti poolisootni sadii to’annoo jala oolani wanta rawwatame kanaratti qorannoo gaggeefamu gargaaraa jiru.

Qaamni hojii poolisoota Keeniyaa hordofuufi gabaajen 'IPOA' ibsa baasen “namni yakka kana rawwaate yeroo adda ba’u murtee barbaachisuu irratti yaada ni kennina” jedheera.

Torban darbe dhaabbati kuni Bitootessa 25 yeroo sababa koronaavaayirasiin sa’aatiin sochii uggurame as namootni 15 polisootaan Keeniyaa keessatti ajjeefamanii 31 ammoo madaa’aniiru jedhee ture.

UNtti waajjirri mirga namoomaaf falmu gabaasaa dhiyoo baaseen biyyattii keessatti haleellaan poolisiin gaggeefamu kan akka reebichaa, aara nama boochisuufi rasaasa fayyadamuu, gudeeddiifi qabeenya barbaadeessuun hedduummateera jedha.