'Gabaasni Aminastii waan gartokko jiru callaa agarsiisa' - mootummaa Itoophiyaa

Waajira Ministeera Haajaa Alaa itoophiyaa

Madda suuraa, Facebook page

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gabaasni Aminastii Intarnaashinaal baase tattaaffii Itoophiyaan jaarmiyaalee siyaasaa cimsuuf goochaa jirtuuf beekamtii kennuusaatti kan gammadne tahus, gabaasichi akka waliigalatti gar-tokkeedha jedhe ibsi motummaa Itoophiyaatiin bahe kun.

Gabaasni Aminastii Intarnaashinaal sarbama mirgaa lammilee Itoophiyaarratti raawwatameera jechuun guyyootaan dura baase dhimma ijoo miidiyaalee biyya keessaa fi alaa taheera.

Gabaasa fuula 50 qabu kanaanis humnoonni nageenyaa mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuuf jecha ajjeechaa, hidhaa jumlaafi hiraarsa ummatarraan geesiseera jedha gabaasni kun.

Gabaasa kanaaf deebii akka tahuuf jecha mootummaan Itoophiyaa, gama Ministeera Hajaa Alaan ibsa baaseen, adeemsi rifoormii yeroo tokko tokko gufuun mudatus, Mootummaan Itoophiyaa demokiraasii hunda hammate ijaaruuf yomuu kan kutatedha jedha.

Mootummaa Itoophiyaaf duutii lubbuu nama tokkooyyuu kan fudhatama hinqabnedha. Akka gabaasni Aminastii jedhutti, sarbamni kanneen akkasii mudataniiru taanaan, qorannoo walabaa tahe ni gaggeessinas jedha.

Gabaasa gar-tokkee

''Gabaasni kun waan gartokko callaa jiru agarsiisa. Jijjiiramoota siyaasaafi nageenyaa erga rifoormiin eegalamee as jiran agarsiisuurratti hanqina qaba.

Fakkeenyaaf, aanaalee gabaasa kana keessa jiranitti hojiilee nagaa buusuu milkaa'inaan xumuraman beekaa itti dhiisaniiru ykn bira kutaniiru.''

Rakkooleen hawaasaa iddoowwan garagaraa biyyattii keessa turan, heddumminaan furameera - iddoowwan gabaasichi irratti xiyyeeffate dabalatee.

Itoophiyaa har'aa keessa naannoofi lammiin kamuu mirga dhimmi siyaasaa biyyattii keessatti hirmaachuu qaba - federaalattis tahe, sadarkaa naannootti.''

Ibsi fi deebiin mootummaa Itoophiyaa baase kun dabalataan, gaaffilee shan miidiyaan 'The Guardian' dhimmootaa adda addaarratti gaafateef deebii kenneera.

Bara 2019'tti godina Gujii Bahaatti aanaa Gooroo Doolaafi godina Gujii Lixaatti aanaan Dugda Dawaatti namoonni 39 ajjeefamuusaaniirratti kan ittaanu deebiseera:

Mootummaan weerara koroonaavaayiras durarraa eegalee godinoota kanneen keessa duula nagaa kabachiisuu gaggeessaa tureera.

Godinaalee kanneenitti daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa, qe'eerraa buqqa'uufi haleellaan garagaraa hawaasaa fi qaamolee nageenyaarratti taasifamaa tureera.

Hawaasni naannoo kana jiraatan irra deddeebiin mootummaan naannoo Oromiyaafi federaalaa gidduu galuun akka nagaa kabachiisu gaafachaa turaniiru.

Haaluma kanaanis hawaasa nagaarratti midhaan akka hinqaqqabne ofeeggannoo taasisuun, duulli nagaa kabachiisuu gaggeeffamaa tureera.

Duula kanaanis naannichatti nageenyi mirkanaa'uu eegaleera.

Mootummaan gabaasaalee summaawaa tahan, kan seeraan ala lubbuu balleessuu, buqqisuu fi qabeenya barbadeessuun mootummaa himatan kana cimsinee balaaleeffanna.

Oduuleen dharaa kunniin humnoota nageenyifi tasgabbiin naannichatti akka hin mul'anne barbaadanidha.

Dhimma gaazexeessitootaafi paartilee mormituu irratti

Paartileen mormitootaa biyyattii keessa jiran walabummaa yaada ofii ibsachuu fi deeggartoota isaanii walin walqunnamaa jiru.

Gaazexeessitoonnis mirga isaanii fayyadamuun yeroo garagaraatti mootummaa biyya bulchu qeeqaa jiru.

Haatahu malee mootummaan biyyattii haasawaa jibbiinsaa qolachuuf waamicha uummataan dhiyaates ni kabaja.

Haaluma kanaanis yaada ofii bilisaan ibsachuu kan jajjabeessu tahus, kanneen haasawa jibbiinsaa fi oduu sobaa tamsaasan irratti tarkaanfii barbaachisu hunda ni fudhata.

Deebiin mootummaa maaliif dhabame?

Aminastiin gabaasa isaa keessatti akka ibsetti, qaamolee federaalaa fi naannoo dhimmichi isaan ilaallatuuf gama imeelii, xalayaa, bilbilaa fi qaamaan argachuuf yaaluus, milkaa'uu hin dandeenye jedha.

Mootummaanis erga gabaasichi bahe booda miidiyaa The Guardian'f deebii barreesseen, mootummaan odeeffannoo dhiyeessuuf yeroo mara tatttaaffii godha jedheera.

''Haa tahu malee, gaaffilee qaamolee hedduurraa dhiyaatanif deebii kenninus, kaanif ammoo yerootti deebisuu dadhabuun ni jira.

Keessattuu yeroo ammaa kana humni hunduu weerara Civid-19 qolachuurratti oolee wayita jirutti daranuu rakkisa jedhu.

Haatahu malee, dhimmichi haalaan murteessaa tahurraan kan ka'e, kanaaf deebii kennuun nurra ture - rakkoo qindaa'inarraa kan ka'e yeroon deebii kennuu dhabuun akka rakkootti fudhanna.''

Gabaasni Aminsatiin baase maal jedha?

Gabaasni fuula 50 qabu dhaabbatni kun baase, qorannoo waggaa tokko Oromiyaa Lixaafi Gujii Lixaatti, akkasumas godinaalee Bahaafi Jiddu-galeessa Gondar raayyaan ittisa biyyaatiin, poolisii addaatiin, qondaltota naannichaafi garee dargaggootaa isaan waliin hidhata qabaniin miidhaan raawwatameera jedha.

Ajjeechaa humni nageenyaa Itoophiyaa Oromiyaa keessatti bara 2019 keessa raawwataa ture keessaa 'nama sababa bilbilli isaa iyyeef qofa itti dhukaafamee ajjeefamuun' taatee tokkodha jedha.

Mata-dureen gabaasichaa "Mirga kabachiisuu dhabuun miidhaa mirgoota namummaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti raawwataman" jedha.

Akka gabaasni kun jedhutti MM Abiy Ahimad ajjeechaa seeraan alaa, hidhaa jumlaa, seeran ala namoonni akka buqqa'an taasisuufi qabeenyaarratti miidhaan dhaqabaa jiru yeroodhaan akka dhaabbataniif ifatti ajaja akka kennan gaafateera.

Erga MM Abiy Ahmad gara aangotti dhufanii booda mirgoota namummaa kabachiisuun tarkaanfiiwwan gaariin fudhatamaniin cinatti, sodaan siyaasaafi sabummaarrati xiyyeeffate wal faana mul'ataniiru.

Sodaan kunneenis Naannoo Oromiyaatti, Amaaraatti, Ummattoota Kibbaa, Harariifi Dirree Dhawaatti wal dhabdeen akka uumamuuniif sababa ta'aniiru.