Tiwiitar maxxansa Tiraamp ''seera hokkora leellisuu'' cabseera jechuun akka hin mul'ane dhorke

Maxxanfame

Tiwiitar maxxansaalee Doonaald Tiraamp keessaa tokko seera ''hokkora leellisuu'' jedhu sababa cabsuuf dhoksuu isaa beeksise.

Dhaabbatichi maxxansa Pireezidantii Ameerikaa kana haquurra bakka maxxansa kanaa akeekkachiisa kaaheera. Yeroo tuqan garuu maxxansicha ni agarsiisa.

Akeekkachiifni kuniis fedhii uummatni maxxansa kana arguuf qaburraan kan ka'e akka hin haqamne gochuu ni dubbata.

Tiraampiifi Tiwiitar gidduu ataakaroon erga eegalee bubbuleera. Guyyoota muraasa duras Tiwiitar maxxansa Doonaald Tiraamp keessaa isa tokko irratti akeekkachiisa haqummaa odeeffannoo kaahee ture.

Maxxansi Tiraamp seera ''hokkora leellisuu'' cabsuun akka dhokatu ta'e kan isaan waayee ajjeechaa nama gurraachaa Miniyaapolisiifi haala nageenyaa san hordofee dhalateerratti maxxansaniidha.

Kantiibaan haala nageenyaa to'achuu waan hin dandeenyeef ''Eegdota biyyaalessaan erga'' jedhanii maxxansanii turan Tiraamp.

Inni itti aansuun akeekkachiisan ''yeroo saamichi eegalu dhukaasa banuunis eegala'' kan jedhu garuu isa seera ''hokkora leellisuu jedhu cabse waan ta'eef dhokateera.

Imaammatni Tiwiitar maxxansaalee namoota dhageettii guddaa qabaniif seera dhaabbatichaa cabsanii haquu caala akeekkachisa irratti maxxansuu kan bahe walakkeessa bara 2019'tti. Seerri kun hanga ammaatti fayyadamaa Tiwiitaraa isa guddaa Tiraamp irratti hin raawwanne.

Waggootaaf tiwiitar Doonaald Tiraampiin akkuma maamiltoota isaa kanneen biroo yoo seera cabsan akka adabu waamicha dhiyaachaafi ture hin fudhanne.

Yerooo duraatiif kan Tiwiitar Tiraamp irratti tarkaanfii fudhate kan Roobii darbe akeekkachiisa haqummaa odeeffannoo maxxaansa Tiraampirra kaa'e ture.

Tiraamp tarkaanfii tiwiitaraan duuba miidiyaalee hawaasummaarratti to'annoo cimsuuf dhaadachaa kan turan yoo ta'u, tarkaanfii isa lammataa tiwiitariin sa'aa muraasa dura seera haaraa ittisa seeraa addaa miidiyaalee hawaasaaf kennamee ture haqu mallatteesaniiru.

Seerri haaraan kun adeemsota keessa darbu waan qabuuf hojiirra ooluu eegaluuf yeroo dheeraa fudhata jedhameera.