Koronaavaayiras: Dhaabbileen yeroo weerara kana keessa buufatan eenyufaadha'aa? Kan kasaaran hoo?

Madda suuraa, Getty Images
Sababa Covid-19 hojiin daldalaa ugad gad-bu'eera. Gama biraatiin ammoo teeknooloojiin carraa kanaanhedduu isaaniif taates ni jiru. Dhaabbileen sababa weerara koronaavaayirasii kanaan buufataniifi kasaaran eenyufaadhaa?
Dhaabbilee bu'aa buufatan
1. Zuum
Covid-19 namoonni heduu manasaanii taa'anii akka hojjataniif sababa ta'eera. Gabaan appii namoota gama viidiyoofi sagaleedhaan walitti kan fidu kanaa ol ka'eera. Fayyadamtoonni guyyaa tokkoo miiliyoona 10 irraa gara miiliyoona 200'tti guddateera.
Haaluma wal fakkaatuun fayyadamtoonni maayikiroosooftii dabaleera. Erga ji'a darbeetii asitti fayyadamtoota miiliyoona 44 kan argate yoo ta'u, kunis isa dura turerraa %40 dabaleera.
Sooftiweeriin walgahiilwwaniifi wal qunnamtiidhaaf gargaaruu 'Teamviewer' jedhamus bu'aa buufateera.
2. 'Geemii'
Sochiin ugguramuusaarraa kan ka'e oonlaayinii geemii taphachuun baay'ateera.
Fakkeenyaaf, durayyu jaallatamaa kan ture 'Call of Duty' namoonni miiliyoona 10'tti siqaniin ni taphatama.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti gurgurtaan 'Geemii' waggaa kana %35 guddateera.
Ta'us garuu taphoonni haaraan hojjatamaa hin jiran. Dhaabbileen kunniin hojii dhaabuunsaanii waggaa itti aanutti damee kanarrti dhiibbaa guddaa uuma jedhameera.
3. Neetfiliiksii
Manneen agrsiisa fiilmii (cinema) cufaa ta'uusaaniirraa kan ka'een fiilmonni marsariitiirratti daawwatamaa jiru. Kanarraa kan ka'een, Neetfiliiksii yeroo koronaavaayiras kanatti waggoota darban caalaa hordoftoota hedduu horateera.
Fakkeenyaaf, Neetfiliiksiin hordoftoota haaraa miiliyoona 16 horateera. Neetfiliiksiin kan dorgomu 'Diizinii Pilaas' illee bu'aan argatu dabaleera.
Hordoftoonni Ispootifaayis miiliyoona 130 gahaniiru.
4. KilaasPaas
Manni ispoortii itti hojjatamu (Gym) cufamusaarraa kan ka'e namoonni fuulasaanii gara marsariitii naannessuuf dirqamaniiru. Marsariitiin ispoortii akka KilaasPaas baay'ee barbaadamaaru.
Marsariitiin Peelootan jedhamu sochii ispoortii isaan mul'isan keessaa isa tokkodha. Sababa Covid-19 istuudiyoonsaa cufamus %60'n bu'aa buufateera.
Yuu Tiiyub irratti namoonni sochiilee ispoortii mana keessatti hojjatamuu danda'an barsiisanis bu'aa buufataaru.
Isaan keessaa tokko kan ta'e Joo Wiiksi hordoftoota Yuu Tiiyub irratti qabuun riikordii addunyaa cabseera.
5. Amaazoon
Gurgurtaa oonlaayiitiin dhaabbanni kun bu'aa guddaa buufataara. Hojjattoota dhaabbatichaaf of eeggannoo gahaa taasisuu dhabuudhaan ni qeeqama.
Hamma komii hojjattootaaf of eeggannoo gahaa taasisuu dhabuusaa adda bahuuf Faransaay namoonni wanoota barbaachisoo hin taane bituurraa akka of qusatan goooteetti.
Galiin hundeessaa Amaazoon Jeef Beezos biiliyoona 24 dabaleera.
Dhaabbilee kasaaran
1. Tajaajiloota geejjibaa
Dameen balalii xiyyaaraa, akkasumas gurgurtaan konkolaataa haalan gad bu'eera. UK fakkeenyaaf yoo fudhanne erga 1946 as gurgurtaan konkolaataa yeroo duraatiif gad bu'eera.
Gama biraatiin tajaajila taaksii kan kennu Ubar hojjattoota kumaatamaan laakka'aman ari'eera.
2. Gurgurtaa teeknooloojiirratti kan hojjatan
Qaamonni osoo hin oomishini gurgurtaa i bittaarratti hirmaatan yeroo kanatti hojii dhabaniiru. Keessumaayyu, dhaabbileen bu'aalee teeknoolojii gabaadhaaf dhiheessan sababa Covid-19 daldallisaanii hir'ateera.
Marsariitiin namoonni kutaa ciisichaa dablataa qaban itti kireessan 'AirBnB' bu'aansaa gad bu'eera. Hojjattoota 1,900 hojiirraa ari'eera.
Yeroo kanatti manneen nyaataafi waajjiraaleen akka duraatti hojjachaa hin jiran.
Yaada manneen nyaataafi tajaajiloota biroorratti sassaabuun fayyadmtootaaf marsariitiin dhiheessu Yeelip jedhamu hojjattootasaa tokko sadaffaa dhabeera.
Kireeffataafi kireessaan waajjiraalee WiiWoork jedhamus kasaaraa keessa galeera.













