Humna galaanaa Iraan dogongoraan walitti dhukaasuun 19 ajjeefaman

Ulaa Hormuuz

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Loltoonni humana galaanaa Iraan shaakala irratti dogongoraan walitti dhukaasuun miseensonni 19 ajjeefamuun 15 madaa'uu, humni galaana biyyattii beeksise.

Akka humni galaanaa Iraan jedhutti, dooniin Jaamaraan jedhamtuufi misaa'elii haaraa baattee turte tookko galoo Galaana Omaan irratti yeroo yaaliin dhukaasaa taasifamaa turteetti dogongoraan doonii biyyattii kan biraan rukkutamuun kan miidhaan kun qaqabe.

Shaakkaliin dhukaasuu kan ture doonii humna galaanaa Iraan lama jidduutti ture.

Yaaliin doonii farra-misaa'elii, Jamaraan irratti Dilbata darbe Galoo-galaanaa Omaanitti taasifame meeshaa waraanaa fe'attee osoo jirtuu doonii deggersa ibsaa kennuutti Konarak waliin walitti bu'uudhaan ta'uun isaa gabaafameera.

Balaan qaqqabe kun yeroo shaakala ulaawwan galaana lama wal-qunnamsiisu Hormuuz jedhamutti taasisaa jiranitti ture.

Humni waraanaa Iraan yeroo hedduu bakkawwan ulaa galaanaa ijoodha jedhamanitti shaakala gaggeessu.

Bidiruun deggersa ifaa kennuun duukaa turte "Konarak' jedhamtu kaleessa [Dilbata] waaree boodahda kan misaa'eliitti buute. Kun kan uumame ammoo shaakala loltummaa qaama galaanaa bakka Bandar-e Jask jedhamu kan qarqara Iraan gaba kibbaa jirutti taasifmaa turedha.

"Bidiruun sun bakka rukkutam ('ilaamaa') shaakalaatti erge siqxeen booda osoo walirraa fageenya gahaa bakka dhaabbateefi bakka rukkutamuuf xiyyeefatame gidduutti hin hambisiin dhaabbatte," jedha ibsi marsariitii TV Iraan.

Bakki balaan kun itti qaqabe qarqara ulaa galaanaa Jask jedhamu, magaalaa guddoo Iraan, Tehraanirraa kiiloomeetira 1,270 fagaattee Galoo-galaanoo Omaan keessatti argamti.

Jamaran fi Konarak, lamaanuu qabeenya humna waraanaa galaanaa Iraan.

map
Presentational white space