Afriikaatti bara kana namoonni 190,000 sababa Covid-19 du’uu danda’u jedhe WHO

Dubartoota Afrikaa

Madda suuraa, ISSOUF SANOGO

Maxxanfame

Tarkaanfiwwan fudhataman yoo bu'aa hin buusne ta'ee koronaavaayirasii Afriikaa keessatti namoota 190,000 ta'an ajjeesuu danda'a jedhe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO).

Lakkoofsi kunis meeshaalee fayyaa ardicha keessatti argaman irratti dhiibbaa uumuu danda'a jedha qorannoo haaraa dhaabbatichi taasise tokko.

Afriikaatti Daayirektarri WHO Matshiidoo Moo'eeti akka jedhanitti, vaayirasichi Afriikaa keessatti suuta suutaan tatamsa'aa jiraatus weerarichi yeroo dheeraadhaaf akka turu taasisuu danda'a jedhan.

"Koronaavaayiras akka biyyoota Afriikaan alatti jiran keessatti saffisaan tamsa'aaru sanitti Afriikatti tamsa'uu dhabuu danda'a garuu biyyoota Afriikaa yeroo kanatti lakkoofsa guddaa qaban keessatti yeroo dheeraa turuu danda'a," jedhan Dr Moo'eeti.

Dhaabbichi biyyoonni Afriikaa sirna fayyaasaanii akka jabeessan dhaameera.

"Mootummootaan tarkaanfiiwwan jajjaboon yoo hin fudhatamnee Covid-19 waggoota dhufan hedduuf jireenya keenya jijjiiru danda'a.''

Kanaafuu ''Qoranoo taasisuun adda baasuu fi yaaluun nurraa eeggama," jedhan Dr Moo'eeti.

Hanga Ammaatti Afrikaa keessatti kanneen Covid-19'n qabaman 54,083 yoo ta'an, kan dandamatan 18,400 oli.

Guutuu Afrikaatti hanga amaatti kan lubbuu dhaban ammoo 2,073.