Koronaavaayiras: Pirezidaanti Isaayaas marii guyyoota lamaaf gara Itoophiyaatti qajeelan

Pirezidaanti Isaayaas Afawarqii

Madda suuraa, Yemane G Maskel

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Tibba kana argaan isaanii dhabamee kan ture Pirezedaantiin Ertitaa Isaayyaas Af-warqii Ministirra Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimed waliin kora guyyaa lamaa gaggeeffachuuf gara Itoophiyaatti imaluu isaanii Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana Gabramasqal fuula tiwiitera isaaniirratii beeksisan.

Pirezedaanti Isaayaas marii guyyaa lamaa taasisuuf jedhame kanaaf ganama kana gara Finfinneetti imalu Ministirri Odeeffannoo biyyatti kan beeksiise.

Obbo Yemaana Gabra Masqal karaa fuula tiwitara isaaniitiin akka himaniitti, dureewwan lamaan kun turtii guyyoota lamaa keessatti mata dureewwan garaa garaa irratti marii ni taasisu.

Akka Obbo Yemaanan himaniitti, waa'een walitti dhufeenya biyyoota lamaanii dhimma ijoo irratti mari'atan keessaa tokkodha.

Kana malees Isaayaasiifi Abiy kora guyyoota lamaaf gaggeessan Kanaan waa'ee mata dure addunyaa ta'e haala Covid-19 fi weerara awwaanisaa naannicha mudataa jiru irrattis attamiin ittisuun akka danda'amurratti marii ni taasisu jedheera.

Jilli Pirezidaanti Isaayaas waliin gara Itoophiyaatti imale kunis kan Ministira Dhimma Alaa Eritraa Obbo Osmaan Saaleh fi Gorsaa Pirezidaantii Yemaana Gabra'aab hamate ta'uus ibi kun dabalee himeera.

Haata'u malee, torbanoota darba keessaa Obbo Isaayaas dhukkubsachuufi wallaansaaf biyyaa ala jiraachu ilaalchisee oduun hinmirkannoof bal'inaan midiyaalee hawwasaarratti qoodamaa turuun ni yaadatama.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Itoophiyaafi Eritiraan waliin galtee nageenyaa erga walii mallatteessuun waldhabdee biyyoota lamaan jidduu waaggoota 20 oliif tore erga salphisanii amma waggoonni lama lakkaa'ameera.

Yeroo kana keessattis dureewwan biyyota lamaanii yeroo garaa garaatti gara biyyota kanneenniitti imaluun haala walitti dhufeenyi biyyoota lamaan itti cimurratti marii taasissa turunsaanii ni yaadatama.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa