Koronaavaayiras: Lakkoofsi namoota Ameerikaatti koronaavaayirasiin du’anii 50,000 caale

Maxxanfame

Lakkoofsi namoota Ameerikaatti koronaavaayirasiin du’anii 50,000 caaluu isaa ragaan Yunivarsiitii Ameerikaa Joons Hopkiins mul’ise.

Sa’aatii 24 darbe qofa namoonni 3,000 ol Ameerikaatti du’aniiru.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan biyyattiitti qabamanimmoo 870,000 olidha.

Biyyi uummata miliyoona 330 ol qabduu Ameerikaan biyya lubbuu namoota baay’ee vaayirasichaan keessatti darbe ta’uun jalqabarratti argamti.

Biyyoota vaayirasichaan hubaman keessaa US sadarkaa jalqabaarra jiraattuus, lakkoofsi ummatashee kan Ispeeniifi Xaaliyaanii fagootti ni caala.

Waayit Hawuusitti miseensa taaski foorsii farra weerara ittisa koronaavaayirasii kan ta’an Dr Dibooraa Biiriks akka jedhanitti ‘’addunyaa keessatti hammi du’aa kan Ameerikaa xiqqaadha,’’ jedhan.

Kunis, hamma ummata biyyattiin qabduu fi namoota du’an walbira qabamee yeroo ilaalamudha.

Hammi du’aa Ameerikaa kan Ispeen,Xaaliyaanii,Faransaay, Beeljiyeemiifi UK irraa 1.4’n xiqqaata.

Ameerikaan Chaayinaafi Awurooppaatti aanuun giddugala vaayirasii kan taate yoo ta'u pirezidantiin biyyattii Chaayinaan waa'ee dhukkuba kanaa iftoominaan hin dubbanne jedhanii qeeqaa turaniiru.

Gaazexessaan BBC Roobart Kaf jedhamu wanti guddaan lakkoofsa ummataati jedha.

Ameerikaan biyya namoonni hedduu du'uun keessatti gabaafame taatus, ragaan jiru garuu guutuu isaa hin ibsu jedha.

Baayina namoota kan Awurooppaa wajjiinillee otoo madalaamte, Awurooppaa keessatti lubbuun namoota baayeen darbe.

Ameerikaa keessaa kutaa Niwuyork fi kutaaleen biyyatti hafanitti weerarri mul'atee wal bira madaalamu gargari.

Baayinni namoota du'aanii akkaataa itti lakka'amus murteessaadha, Fakkeenyaaf Faransaayii fi Beelijiyeem keessatti namoota shakkamanii fi qabaman walitti qabanii lakka'uun lakkoofsa namoota hedduummeessera.

Ameerikaa keessatti booda kana lakkoofsichi akka guddatu kan taasise tarii vaayirasichaan du'uu malu jedhamee lakkaa'amaa waan tureefi jedha Roobart.

Kana jechuun kan qorannoon duuni isaanii koronaavaayirasiin ta'u hin mirkanoofne jechuudha.