Baangilaadish qondaala waraanaa pireezidantii jalqabaa biyyattii ajjeese fanniste

Bangilaadeesh

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Qondaalli waraanaa duraanii pireezidantii jalqabaa Baangilaadish kan turan Sheek Mujibur Rahmaan ajjeesuun himataman fannifamanii ajjeefaman.

Ajjeechaan kuni bara 1975 raawwate.

Sababa kanaaf Abdul Majiid magaalaa guddoo biyyattii Daakaa keessatti akka fannifaman ta’eera.

Kunis, murteen du’aa akka hafu pirezidantiin biyyattii gaafatanii milkaa’u dhabe jennaani.

Qondaalli kuni waggoota 25 erga baqatanii jiraataa turanii booda baatii darbe biyyatti deebi’ani jennaan hidhamani.

Raahmaan abbaa Ministira Muummee biyyattii ammaa, Sheek Hasiinaa, yeroo ta’an maatii isaani hedduu waliin fonqolcha waraanaa bara 1975 ture kan ajjeefaman.

Ajjeechaan yeroosii Baangilaadesh Paakistaan irraa walabummaa argattee waggaa afur booda raawwate.

Abdul Majiid erga fonqolcha saniitii biyyuma keessa jiraachuu itti fufanis bara 1996 Sheek Haasinaan erga filamtee booda gara Hindii akka baqatan amanama.

Bulchiinsi Ministira Muummee kanaas seera namoota abbaa ishee ajjeese jijjiiruun bara 1998 Abdul Majiidiifi qondaaltonni waraanaa biroo du’aan akka ajjeefaman murtaa’e.

Manni murtii olaanaa Baangilaadesh bara 2009 murtee kana deeggare jennaan kanneen ajjeechaa raawwatan shan ajjeefamanii turan.