Koronaavaayiras: Tigiraayitti dargaggeessi tokko poolisiin ajjeefame

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Poolisii naannoo Tigiraay
Naannnoo Tigiraayitti yeroo muddamaa sababa koronaavaayirasiitiif torban darbe labsame hojiirra oolchuuf tarkaanfii fudhatamaa wayita jirutti walitti bu'insa uumameen dargaggeessi tokko poolisiin ajjeefame.
Ajjeechaan kun kan raawwatame naannoo Tigiraay aanaa Na'ideer Addeeti keessati ta'uu isaa ajajaan poolisii bakka sanaa Inispekter Yamaanee Kidaanemaayiraam BBCf mirkaneessaniiru.
Ajjeechaan dargaggeesa kanaa kan qaqqabe Sanbata dabe A L I Bitootessa 19, 2012 aanaa Na'ideer Addeeti keessa ganda Jiraa jedhamuun beekamutti yoo ta'u, sababiin ajjeefamuu isaa ammoo poolisiin namoota mana dhugaatii turan akka bittinaa'an wayita gochaa jirutti walitti bu'insa uumameen akka ta'e ibsameera.
Dargaggeessi ajjeefame kun maqaan isaa Haagoos Nigusee kan jedhamu yoo ta'u, rasaasa miseensa poolisii tokko irraa itti dhukaafameen battalumatti lubbuun isaa darbuu sab-qunnamtiin waajira aanichaa ibseera.
Ajjeechaa dargaggeessa kanaa waliin walqabatee miseensi poolisii shakkames to'annoo jala oolfamee qorannoon taasifamaa jiraachuu ajajaan poolisii bakka sanaa mirkaneessaniiru.
Naannoo Tigiraatti namoota shakkamanii qoratamuun bilisa ta'an 16 irraa kan hafe namni qabame hanga ammaa dhibus mootummaan naannichaa weerara koronaavaayirasii ittisuuf labsii yeroo muddamaa torban lamaaf ura jedhe akka labse Bitootessa 26, 2020 beeksisee turuun isaa ni yaadatama.
Labsii naannoon kun baaseen maaltu dhorkame?
Magaalaadhaa magaalatti akkasumas imala magaalaafi baadiyyaatti ni dhaabbata. Akkasumas giddugaloonni gabaa ummanni baay'inaan keessatti walgahu labsii kanaan dhorkameera.
Akkasumas cidhiifi taskaarri akka dhaabatu murtaa'u pirezidantiin itti -aanaa naannichaa Dr Dabrastiyoon himaniiru.
Labsiin kuni torban lamaaf kan turu ta'us barbaachisummaa isaa irratti hundaa'e dheerachuu danda'a jedhameera.
Labsiin kuni heera nananichaa fooyya'e keewwata 93 fi 103 bu'uura godhachuuni jedhaniiru qondaaltonni.
Itoophiyaa keessatti namoonni dhukkuba koronaavaayirasiin qabamani 12 yeroo ta'an kanneen keessaa 4 bayyanataniiru.
Haa ta'u malee, namni du'e hin jiru.
Ta'us, ummanni haala eegamun qajeelfamoota hojiirra oolchaa akka hin jirre taajjabuu isaanii Pirezidantiin Itoophiyaa ibsanii turan.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'















