Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Mootummaan Naannoo Tigraay weerara dhibee Covid-19 ittisuuf labsii yeroo muddamaa labse
Mootummaan Naannoo Tigraay weerara koronaavaayirasii ittisuuf labsii yeroo muddamaa labse.
Labsii yeroo muddamaa weerara dhibee Koronaavaayiras ittisuuf labsame kuni torbeewwan lamaaf tura jedhameera.
Naannichatti hanga yoonaa namni dhukkuba kanaan qabame jiraachuun isaa hin beekamu. Qondaaltonni namonni 16 qoratamnii bilisa ta'u isaanii garuu ibsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa daangaa biyyootaa cufuu, manneen barnootaa cufuu, hojjettonni manaa akka hojjetan gochuu dabalate kaanillee murtesseera.
Murteen Naannoon Tigraay murteesse naannicha keessa sochii taasifamurratti malee imala gara naannichaatti taasifamu irratti waan murtaa'e hin jiru.
Naannolee sagal Itoophiyaa keessa jiran keessaa kan labsii muddamaa labse Tigraay qofaadha.
Maaltu dhorkame?
Magaalaadhaa magaalatti akkasumas imala magaalaafi baadiyyaatti ni dhaabbata. Akkasumas giddugaloonni gabaa ummanni baay'inaan keessatti walgahu labsii kanaan dhorkameera.
Akkasumas cidhiifi taskaarri akka dhaabatu murtaa'u pirezidantiin itti -aanaa naannichaa Dr Dabrastiyoon himaniiru.
Labsiin kuni torban lamaaf kan turu ta'us barbaachisummaa isaa irratti hundaa'e dheerachuu danda'a jedhameera.
Labsiin kuni heera nananichaa fooyya'e keewwata 93 fi 103 bu'uura godhachuuni jedhaniiru qondaaltonni.
Itoophiyaa keessatti namoonni dhukkuba koronaavaayirasiin qabamani 12 yeroo ta'an kanneen keessaa 4 bayyanataniiru.
Haa ta'u malee, namni du'e hin jiru.
Ta'us, ummanni haala eegamun qajeelfamoota hojiirra oolchaa akka hin jirre taajjabuu isaanii Pirezidantiin Itoophiyaa ibsanii turan.
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'