Iraanitti yoo xinnaate namoonni 210 koronaavaayirasiitiin du'an

Madda suuraa, EPA
Iraan keessatti yoo xinnaate namoonni 210 olii koronaavaayirsaiin du'uusaanii maddeen hospitaalaa himan.
Biyya Iraan keessatti namoonni koronaavaayirasiin qabaman 210 ol du'uusaanii maddeen sirna fayyaa biyyattii BBC Pershiyaatti himan.
Lakkoofsi namoota vaayirasichaan miidhaman jedhamee Kamisa galgala ibsame kun kan gama mootummaan ibsamu akka caalu dubbatama
Akka ragaan mootummaa ifa taasise jedhuutti lakkoofsi namoota vaayirasichaan falaamanii 388. Haa ta'u malee kana hedduun irratti walii hingalan.
Namoonni hedduun dhukkuba kanaan qabamanis kanneen magaalaa guddittii Tehraan fi magaalaa Qom lafa dhukkubichi itti eegale keessa jiraataniidha.
Mootummaan Iraan garuu babal'achuu vaayirasii kanaa dhoksuuf kan yaalaa jiru yoo ta'u, lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii ilaalchisuunis odeeffanno dhoksaa jira.
Keessumaa erga ittaanaan Ministira Fayyaa biyyattii vaayirasichaan qabamunsaaniii dhagahameen booda naasuun biyyattii keessatti babal'achuutu himama.
Haaluma babal'ina vaayirasichaa kanaan wal qabatees biyyattiin paarlaamaa 'hanga beeksiifni kennamuutti' jechuun cuftee jirti.
Murteen paarlaamaa cufuu kunis erga Ministeera Fayyaa biyyattii waliin mariin taasifameen booda ta'u qondaalli paarlaamaa tokko miidiyaa biyya keessaatti himan.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa balaa koronaavaayirasii sadarkaa yaachisaa addunyaa olaanaarratti argama jedheera.
















