Dirqamaan maseensuu Afrikaa Kibbaatti: 'Akkan hindeenyeef gadameessa koo baasan'

Maxxanfame

Bongekilee Misibii dubartii amma umuriin ishee ganna 48. Dubartoota hospitaala Afrikaa Kibbaatti argamu keessatti dirqamaan akka maseenan taasifaman keessaa tokkodha. Seenaashees kana fakkaata.

Dubartiin kunis umurii ganna 17 irra osoo jirtuu deessee booda fedhii ishee malee akka maseentu taasifamuu BBC'tti dubbatti.

Dubartiin kun wanti isheerratti raawwatame kanallee kan baruu dandeesse waggoota 11 booda daa'ima biraa da'uudhaaf ulfaa'uu barbaaddee wallaansarra osoo jirtuu ture.

Bongekilee Misibii dubartii umuriin ishee yeroo ammaa ganna 48 taatedha. Hospitaala Afrikaa Kibbaa keessatti argamu tokko keessatti dubartoota dirqamaan akka maseenan taasifaman keessaa tokkodha.

Komishiniin Walqixxummaa Koornayaarratti hojjetu akka jedhetti qorannoon dhimma kana irratti taasisaa jiru sababii ragaa namoota wallaanamaa turanii "miliqsuutiin" danqamaa jira.

Qorattoonni isaas hojjetoota hospitaalichaatiin yeroo gara garaatti sodaachifamaa akka jiran ibseera Komishinichi.

Komishiiniin kun erga gareewwan mirgoota namaaf quuqaman dhimma kana bara 2001 irraa kaasee kan raawwatama ture akka qalbii hawwatu taasisanii booda qorattoonni isaa hospitaala 15 daawwachuu himeera.

Qajeelchi Fayyaa Afrikaa Kibbaa garuu gabaasa kanarratti deebii gadi fageenya qabu hin kennine.

Haata'u malee, ministirri fayyaa Zweli Mkhize waa'ee kanaa irratti Komishiniicha waliin wal arguun mariyachuudhaaf gaaffi dhiyeessaniiru.

Aadde Misibiin rakkoo dabarsite ripoorter BBC Kileer Ispeenseritti akka itti aanutti himteetti.

Erga da'ee booda yeroon dammaqu gadi of ilaaleen akka jechuun gaafadhe: "Garaa koorratti faashaan guddaan kun maaliif hidhamee?"

Baayyee hin yaadadhu. Mucaa intalaa koon da'e. Yeroon da'u baayyee guddoo waan turteef akkan of wallaaluuf qoricha adoochu naaf kennameen baqaqsanii walaanuunan da'e.

Da'ee guyyoota shanii booda, mucaa intalaa fayyaalettiifi godaannisa guddaa garaa koo irratti qabadheen bahe.

Isaan booda waggoota 11 biroof wqanta ta'e hin beeku.

Yeroon irra deebiin ulfaa'uu barbaadetti ture kan wantan hin eegne ta'uu kanan hubadhe.

Guyyaan da'e irraa kaasee kininii ulfa ittisu fudhachaan ture. Kana waan ta'eef, laguun ji'aa mul'achuu dhiisuun isaa ana hin dinqu ture.

Haata'u malee garuu waanan heerumeef daa'ima biraa argachuu waanan barbaadeef doktora biran deeme.

Na qoratee erga gadi na teessiseen booda bishaan burcuqoon naaf kennee akkan gadameessa hin qabne natti hime.

'Gara jabina akka malee hamaadha'

Naasuun bakkan jirun wallaalee, kanan godhus nan dhabe. Ani da'ee haadha ta'ee waanan argeef rakkoon akkasii akka jiru natti hin dhaga'amne ture.

Gadameessikoo kan na keessaa ba'e ergan da'ee booda ta'uu akka malun yaade.

Wanta isaan ana irratti hojjetan gara jabina akka malee hamaadha.

Achiin booda gara miidiyaaleen deeme. Itti aansuun ammoo gara ministeera fayyaan deeme. Dhumarratti ammoo gara hospitaalan itti da'ee deemuun doktora guyyaan ani da'e achi ture jedhamee biran deeme.

Dhiifamallee naan hin jenne. Lubbuu koo du'a irraa oolchuudhaaf akkan maseenu gochuu isaa natti hime.

Maalirraa akka inni ana oolchuuf yaalaa ture garuu hanga ammaallee hin beeku. Hospitaala sana keessa galmeewwan hin jiran.

wanti kun ana qofaa miti kan mudate. Akka qorannoon jalqabame tokko agarsiisutti namoonni biroon 47 rakkoon ana waliin walfakkaatu qaban jiru. Dubartoota kana keessaa gariin HIV waan qabaniif akka ta'e itti himame, ani garuu hin qabu. Ani maaliif akka kana godhan hin beeku.

Doktorri unka waliigaltee mallatteessuu koo natti hime. Ani garuu hin mallatteessine. Ani yeroo sanatti waanan of hin dandeenyeef nama gargaarsa barbaadu waan ta'eef ofiif murteessuu hin danda'u ture.

Doktorichi haati koo yeroo ani da'u kan na waliin turtes waliigaltee sana mallatteessiteetti. Isheen garuu hin mallatteessine jette.

Taateen kun jireenya koo jijjiire.

Dhuma irratti kaadhimaa koo waliin addan bahe. Anis inni dhala argachuu waan barbaaduuf, animmoo waanan isaaf da'uu hin dandeenyeef akka deemu hayyameef.

Yeroon doktoricha arge maal akkan barbaadun gaafatame.

Ani daa'ima argachuu baayyeen barbaada. Torban kana keessa naman waliin hojjedhu ulfooftee argeen hawwuurraa kan ka'e baayyee obsuun dadhabe.

Intalli koo obboleessa/obboleettii argachuu barbaaddi. Yeroo waliin daandiirra deemnutti ijoollee argitee akkan isheef da'u na gaafatti ture.

Ani ammallee hanqaaquu dhala ta'u waanan qabuuf hospitaaichi baasii bakka gadameessaa koo naaf bu'u kaffaluu qaba.

Ani namni rakkoo uumame kanaaf itti gaafatamu jiraachuun fedha.

Mirgoonni akka dubartootaatti qabnu waan nu jalaa sarbameef doktoroonni kana akka itti fufuun raawwataniif hayyamuu hin qabnu.

Doktoroonnis akka qoratamuu qaban beekuus qabu, yeroo nuti jireenya keenya dhabnu isaan jireenya isaanii jiraatu.

Anis kanaaf, doktora rakkoo kana ana irratti uume dhiifama akka jedhun barbaada. Rakkoon anarra ga'e kun godaannisa gonkumaa baduu hin dandeenyedha