Maaliitti 'milishoonni doqdoqee oofaa turan' loltoota 20 ajjeessan

Mallattoo yuunifoormii loltoota Maalii

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Maalii keessatti miseensonni waraanaa 20 milishoota garee finxaalessa Islaamaatiin ajjeefamaniiru jedhan qondaltonni biyyatti.

Haleellaan kunis Dilbata wirtuu waraanaa Sokooloo giddu-gala naannoo Seguu jedhamtutti raawwate.

Qondalli tokko AFP'tti akka himetti namoonni hidhatan mootoraan dhufudhaan loltoota hunda ajjeessan jedhan.

Loltoonni garee finxaalessitoota Islaamaa yookiin al-Qaayidaa waliin hidhata qaban yeroo baay'ee Maaliifi biyyoota biroo keessatti haleellaa ni raawwatu.

Bara darbe baha Maalii keessatti loltoonni 24 ajjeefamaniiru. Torbee tokko booda loltoonni 54 haleellaa biraatiin ajjeefamaniiru.

Taatee yeroo dhihootiin gareen loltootaa kun meeshaa waraanaarratti miidhaa geessisuufi hatuusaanii waraanni biyyattii ibseera. Yeroo sanatti loltoonni shan yoo ajjeefaman 60 kan ta'an immoo haleellaa kana jala lubbuun hafaniiru.

Namni iddoo haleellaan sun itti raawwatame ture tokko "haala hamaa ture" jechuun waan yeroos ture ibseera.

Sirni awwaalchaa loltoota ajjeefamanii Dilbata waaree booda taasifameera.

Map: Map showing Mali, with Sokolo, the site of an attack on soldiers by suspected militants
Presentational white space

Maalii eega bara 2012 yeroo gareen finxaalessitoota Islaamaa Tuareg to'annaa ofii jal galchanii jalqabdee wal dhabdeen hedduminnaan keessatti raawwata.

Maaliin gargaarsa Faransaay kutaalee garee finxaalesitootaan to'annaa jala galanii turan gargaarsa loltoota 4,500 ta'aniin deebisteetti. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii loltoota naga eegsisan 13,000 Maalii keessatti bobbaaseera.

Maalii adeemsa biyya keessatti nagaa buusuuf taasifteen lubbuun namoota kumaata'amatti laakka'amu darbeera. Waldhabdeen biyyattii keessatti uumame biyyoota ollaa kan ta'an Burkiinaa Faasoofi Niijer keessattillee darbeera.

Ministirri Haajaa Alaa Faransaay Filooreensi Paarli Ameerikaan deggersa taasisiftu akka itti fuuftu amansiisuuf mariidhaaf gara Waashingitan imalaa jiru.