Lammiin Jappaan poostaa namootaaf deddeebisu 'xalayaa 24,000 geessuuf maaliifan dhiphadha' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Jappaan nama hojjataa mana poostaa duraanii erga poostaa namoota biraan osoo hin gahiin manasaatti dhokserratti qorannoo taasisaa jiraachuusaa ibseera.
Qondaltonni mana jireenya isaatii xalayaa namootaaf geessuun irra turee garu mana isaatti hambise 24,000 argeera.
Namni ganna 61 kun xalayaan harkasaa jiru "namoota biraan gahuuf natti baay'ate" jedheera.
Manni poostaa Yookohaamaa taatee uumameen dhiifama gaafachuun xalayaa osoo hin ergamiin hafan saffisaan akka namoota biraan gahan waada galeera.
Manni poosta namni kun itti hojjatu kun bara darbe eega qorannoo keessoo gaggeefame booda sakkii keessa seeneera. Namni kunis himata isarratti dhiyaate amanuun hojiirraa ari'ameera.
Qondaltonnis poolisii waliin ta'u xalayaan 1,000 ta'an bara 2017 ji'a Muddee hamma Adoolessa bara darbee keessa badaniif himannaa yakkaarratti bananiiru.
Gabaasni akka agarsiisutti namni kun eega bara 2003 xalayaa adda addaa manatti dhokseera.
Yoo yakkamaadha jedhame namni kun hidhaa waggaa sadiifi birrii 138,000 akka kaffalu taasifama.













