Deeggartootni kubbaa miilaa of kennuun duukaa bu'an dhiphina hamaaf saaxilamaa jiru

ADeggartuu erga biyyishee Biraazil mo'amtee boo'aa turte.

Madda suuraa, Chris Brunskill Ltd/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartootni Biraazil miira guddaa keessa galuun tapha Jarman bara 2014 mo'atte irratti deeggaraa turan.rmany in 2014
Maxxanfame

Deeggartoorni kubba miilaa of kennuun garee deeggaran waliin bu'an haala kana fakkaatuun miira keessa galanii dhiphachuun of miidhu.

Qorannoon akka jedhutti deeggartootni miira guddaa keessa galuun deeggaran yeroo gareen isaanii mo'amu waan dhiphataniif dhibee onneef saaxilamu.

Qorannoo Oksifoordi bara 2014 yeroo Biraazil Jarmaniin Waancaa Addunyaa irratti mo'amtu hanfuca deeggartoota Biraazil fudhachuun gaggeeffamee ture.

Qorannichis hoormooniin Kortisol jedhamu yeroo Jarman 7 fi 1'n Biraaziliin mo'attu akka malee ol ka'ee argame.

Kun dhiibbaa dhiigaa fi onnee irrattis miidhaa guddaa fiduu danda'a.

Qorattootni dhiira moo dubartoota irratti caala kan jedhu irratti garaagarummaa hin argamne. Hammi dhiphina sanaa waluma wal fakkaata ture.

Deggaaartotni ofii isaanii qaama garee taphatuu keessa of galchuun miira keessa galanii deeggaran yeroo taphicha ilaalanis qaamani isaanii miira garaagaraa keessa galaa taphichi xumurama. Qaamni isaanii hormonota adda addaa maddisiisuun deebii kenna jedhan Oksifoorditti qorannoo gaggeessuun kan beekamtu Dr Maartaa Niwusan.

Deeggartoorni darbanii darbanii deeggaranis akkasuma dhiphinaaf saaxilamu. Garuu akka namoota yeroo hunda of kennuun deeggaranii sana mitii.

Hoormooniin Koortisol jedhamu yeroo dheeraaf ol ka'ee turuun;

  • Hidda dhiigaa dhiphisaa deema
  • Dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa
  • Onnee durumaan dadhabaa deemte akka malee miidha

Hoormooniin kun yeroo ol ka'u namootni akka yeroo hundaa miira dhiibbaa jala ykn balaaf saaxilamanii jiran keessa galan taasisa.

Baay'een dhiphataniiru. Gariin ammoo ilaaluu iyyuu hin dandeenye.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baay'een dhiphataniiru. Gariin ammoo ilaaluu iyyuu hin dandeenye.

Qorannoon kanaan dura gaggeeffame deeggartootni gaafa taphni gaggeeffamu kilabas tahe biyya isaanii gidduutti miira isaanii irraa kan ka'e dhibee onneef akka saaxilaman agarsiisa ture.

Qorattootni yuunvarsiitii Oksifoordi tapha dura,yeroo taphaa fi taphaan booda deeggartoota 40 irraa hancufa fudhachuun qorannicha taphoota Waancaa Adunyaa sadii irratti gaggeessan.

Dhiphinni guddaan kan jiru ammoo xumuraaf darbuuf biyyi ykn kilabni deeggaran yommuu mo'amudha.

Namootni baay'een gaddaan guutamuun yaa'u. Kanaafuu kilabootni taphaan booda ibsaa dimimisaa tahe istaadiyeemii keessatti fayyadamuun muuziqaa suuta bashannansiisu taphachiisuu qabu jedhan qorattootni.