Mahaammad Saalaa, Luwiiz fi Aliisan taphattoota collee ta'aniiru
Tapahoota Piriimer Liigii Ingilizii torban kanaan Maanchister Siitiin Cheelsiidhaan wayita mo'atamu, Liiverpuul ammoo Boornimaawuziin 4 fi 0 dhaan injifatee dursummaasaa mirkaneesseera.
Gareewwan sadarkaa dhumaarra jiran keessaa Saawuzhaampitan wayita mo'amu, Barnileen ammoo erga Fulbaanaatii yeroo duraaf milkiin galeera.
Maalumaafuu, taphattoonni cocolleen dandeettii addaa agarsiisuun gareewwan filatamoo Gaarzi Kiruuksi keessa galan eenyufaadha?

Madda suuraa, BBC Sport
Gooli eegaa-Aliisan(Liiverpuul)

Madda suuraa, Rex Features
Warri Liiverpuul kan liigicha dursuu danda'aniif sababa malee miti. Hanga yoonaatti gooliiwwan ja'a qofatu itti gale. Leenjisaa garechaas gooli eegaa saafila kanarratti amantiisaanii waan cimsan fakkaatu.
Boornimaawuziin 4 fi zeeroo dhaan wayita mo'atanis gooliin osoo itti hin galin of kabachiisanii ba'an.
Sarara Ittisaa- Diyoogoo Daaloo(Yuunaayitiid), Deeviid Luwiiz (Cheelsii), Yaangi (Yunaayitiid)

Madda suuraa, Rex Features
Diyaagoo Daaloo: Dargaggeessi sarara ittisaarraa kubbaa qabatee fuulduratti harreeduun kubbaawwan hedduu gara gooliitti akka geeddaraman taasiseera. Eenyuu fi wayita akkamiitti akka kubbaa dabarsu ni beeka. Umuriinsaa waggaa 19 ta'ullee tapha sanbata darbeerratti dandeettii ajaayibsiisaa agarsiiseera. Maanchister Yuunaayitid wayita Fulhaam waliin taphatetti kubbaawwan gara fuulduraatti haala bareedaan darban shan keessaa 4 kan Diyaagoo Daalooti.
Deeviid Luwiiz: Maanchister Siitiin osoo sarar fuulduraa hin cimsatin seenuunsaanii warra cheelsiif carraa gaarii ture. Keesumaammoo hojiin Luwiiz Raahiim hojjete salphaa hin turre. Kubbaawwan warra garee Maanchister Siitii irraa gara manii Cheelsiitti ergaman torba salphaatti of duuba deebisuu danda'eera.
Ashlii Yaangi:Gooliin inni Fulhaam irratti galche ajaayiba ture. Ji'oota kudhaniif eegamaa turee, amma humna haaraan kan ka'e Yaangi, umurii tapha kubbaa miilaa keessaa isa baasuu danda'u keessa seenullee ammallee gareesaatiif bu'aa guddaa buusaara.
Sarara gidduu- Deel Alii, Nigooloo Kaantee, Luukaas Tooriyeeraa, Filippee Andarsan

Madda suuraa, Rex Features
Deel Alii: Taphataan sarara fuulduraa Harii Keen fi sarara gidduu Kiristiyaan Eriksan bakka hin jirretti Deel Aliin dandeettii olaanaadhaan gareesaa tajaajileera. Inumaa utuu haala kanaan itti fufee gara fuulduraatti wanti inni dursaa garechaa hin taaneef sababi tokkollee hin jiru.
Dorgommii hanga ammaatti hirmaate keessatti gooliiwwan 50 ga;cheera.
Nigooloo Kaantee:Warri Maanchister Siitii nama jabaa akka Deeviid Luwiiz sarara gidduurraa qabaatanillee kubbaa gara gooliitti oofuu garuu hin dandeenye. Gama biraatiin Cheelsiin kubbaa daangaa Siitii keessatti argatan cimina Nigooloo Kaanteetiin gara gooliitti jijjiiraniiru.
Lukaas Toriyeeraa: Dhiyeenya kana gara Totenhaam kan dhufe namni kun yeroo gabaabaa keessatti garee kanaan wal bareera.Tapha gaafa sanbataa Hadersifiildi waliin taphatan akka mo'atan kan godhe isadha.
Filippee Andarsan: Sara gudduurratti cimaa kan ta'e taphataan lammii Biraaziil kun inumaa goolii galchuullee eegaleera. Hanga yoonaatti taphoota ja'a keessatti goolii shan galcheera.
Sarara fuulduraa- Mahaammad Saalaa (Liiverpuul), Maarkos Raashfordi(Yuunaayitid), Soon Hiyuungi Miin(Tootenhaam)

Madda suuraa, Rex Features
Mahaammad Saalaa: Taphataan sarara fuulduraa lammii Masirii kun gara dandeettiisaa ajaayibaatti waan deebiye fakkaata. Boornimaawuz irratti goolii sadi galchuun hatirikii hojjeteera.
Saalaan dandeettiisaa kanaan yoo itti fufe gareensaa Liiverpuul shakkii tokko malee waancaa nyaachuu danda'a.
Maarkas Raashfoordi: Torbee darbe wayita Maanchister Yuunaayitid fi Saawuzhaampitan 2 fi 2 walqixa bahan goolii lamaanuu kan Yuunaayitidiif mijeesse Raashfoordi ture.
Torbee kanas goolii Huwaan galcheef kubbaa mijeessee kennuun alatti goolii tokkollee maqaasaatiin galmeessiseera.
Soon Hiyuun Miin: Taphataan sarara fuulduraa lammiin Kooriyaa kun tapha Leestar waliin taphatan irratti goolii jalqabaa yoo lakkoofsisu goolii lammaffaa Deel Alii galchemmoo mijeesseera.













