Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baarseloonaan leenjisaa isaa Ernistoo Vaalveerdee hojiirraa gaggeessuun Kiikee Seetiyeen qacare
Baarseloonaan leenjisaa isaa Ernistoo Vaalveerdee hojiirra gaggeessuun bakka isaa leenjisaa duraanii Riyaal Beetis Kiikee Seetiyeen qacare.
Vaalveerdeen Baarseloonaa waliin walitti aansuun waancaa Laaligaa lama kan mo'ate yoo tahu bara kanas Baarseloonaan garaagarummaa galchiidhaan caalee liigicha dursaa jiru.
Haa tahu malee leenjisummaa isaa jalatti kilebni Kaataalanotaa kun gahumsa guddaa agarsiisuuf kan rakkate yoo tahu Shaampiyoonsi Liigiidhaan xumuraaf dhaqqabuus hin dandeenye.
Setiyeen leenjisaa haaraan Baarseloonaa umuriin ganna 61 tahe bakka bu'es Riyaal Beetis erga bara 2005 as liigiicha keessatti sadarkaa 6ffaan akka xumuru taasisuun hirmaannaa Awurooppaa Liigii akka argatan taaiseera.
Dabalataan walakkaa xumura waancaa [Copa del Rey] ykn waancaa Ispeen isa guddaa jedhamuuf dhaqqabsiisedha.
Baarseloonaan Vaalveerdee waliin walii galtee keenya adda kutuuf walii galleerra jechuun erga beeksisee leenjisaa haaraa kana waggaa lamaa fi walakkaaf qacaruu beeksise.
Kilabichi Vaalverdee kilabicha waliin akka maatiittii turuufi gumaacha ogummaa isaaniif galata dhiyyeessera.
Taphataan sarara giduu duraanii Baarseloonaa Zhaaviin akka hojii leenjisummaa kana fudhatamu gaafatamee akka dides ibsameera.
Gama biraan leenjisaan duraanii Tootenaaham Maroshiyoo Poochetiinoos akkasuma Baarselonaa leenjisa jedhamaa turus kilaba masaanuu taate Ispaanyool leenjisaa turuu isaan carraa kana hin fudhanne jedhame.
Leenjisaa haaraa Seetiyeen amma qacarame tapha kubbaa miilaa Baarseloonaan ittiin beekamuun akka beekamutu himama.