Maarsiif 'Faaruun Biyyaalessaa' qophaa'e

Oskaar Kaasteliino, Barreessaa Faaruu Biyyoolessaa Maars
Maxxanfame

Pilaaneetii diimtuu sirna Soolaarii Maarsiif 'Faaruun Biyyaalessaa qophaa'e.

Lammiin Indiyaa gosa weelluu Opeeraan beekamuutti jiru Oskaar Kaastelinoo dhaabbata Waldaa Maarsa kan biyya UK ''UK Mars Sociaety'' jedhamuun Faaruu biyyaalessaa'' akka qopheessuu gaafatame.

Kaayyoon isaa dhalli namaa ergama Maarsirra jiraachuuf qabate yoo milkeesse muuziqaa addaa tokko qabaachuu qabu kan jedhu ta'uu Oskaar himeera.

Saayintiistoonni imalli dhalli nama gara Maarsiitti taasisu akka salphatuuf teeknoolojiiwwan gargaaran kalaquutti kan jiran yoo ta'u dhala namaa Pilaaneetii kanarra qubachiisuun haala danda'amurratti qorachaa jiru.

''Yeroo namoonni faaruu kana dhagahan waayee hegeree qabaachuu dandeenyu akka yaadaniin barbaada. Waayee ijoollee keenyaafi waayee ijoollee isaanii. Sirna soolaarii keessa deeddeebi'uun jiraachuuf dandeettiin akka jiruufi dhalootni kun tarkaanfii guddaa fudhachuuf carraa guddaa qaba'' jedha Oskaar.

Faarichi akkas jedha:

Raise to Mars, men and women

Dare to dream, dare to strive

Build a home, for our children

Make this desert, come alive...

Indiyaa naannoo gaarreen Himaaliyaatti akka guddate kan dubbatu Oskaar, urjiilee qulqulleessee argaa waan guddateef waayeen sirna soolaarii akka isa dinqaa ture hima.

''Bakka sana namni ni jiraa, qaroominni ni jiraa jechuunin yaadaa ture''

Pireezidantiin Waldaa Maarsii UK Dr. Roobert Zabriin ''sochii attam gaariidhaa jechuun yaadicha dinqisiifataniiru. ''Muuziqaan lubbuu namaa sochoosaas'' jedhan.

''Faaruun kun namoonni akka abjuu qabaatan godha. Waayee Maarsiifi isaa oliis akka yaadan godha'' jedha Oskaar.