Sudaan ajjeechaa barsiisaa tokkoof namoota 29 irratti du'a murteessite

Mormiito ajjeecha barsiisaa mormuun hiriira ba'an

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Manni Murtii Sudaan daraaraafi ajjeecha barsiisaa tokkoof qondaaltoota basaasaa 29 irratti murtee du'aa murteesseera.

Ahmad al- Kayir, ganna 36, Guraandhala hiriiraa mormii bulchiinsa mootumma Pireezdaantii Omaar al Bashiir irratti erga to'annoo jala oolee booda ajjeefame.

Abbaan alangaa murteen du'aa kun adabbii haqaadha jedheera.

Murtee booda abbaa murtii obboleessa al Khair, Saadiin, namoota 29 kanaaf dhiifamni akka godhamu ni barbaadda jedhe gaafatus, Saad garuu akka isaan ajjeefaman akka barbaadu himeera.

Abukaatoon namoota himataman kanaa murteen kun irra deebiin akka ilaalamuuf gaaffi akka dhiyeessu dubbateera.

Ahmad al Kayir reebameefi dararamee kan qoondaltota kanaan ajjeefame mana hidha bulchiinsa Kasalaa keessatti ta'uu manni murtii kun mirkaneesseera.

Bulchiinsa al Bashiir jalatti Sudaan murtee du'aa hojirra oolchaa kan turte yoo ta'u bara 2018 kessa namoonni lamallee murtee du'aan adabamaniiru.

Ajjeechaan barsiisaa kanaa mormii al Bashiir irratti gaggeefamaa ture daranuu akka guddatu taasisee ture.

Mana murtii Omdurmaan fulduratti murtee darbu baruuf namoonni hedduu walitti qabamanii turan.

namoota suura barsiisaa ajjeefame qabatanii murtee dhaga'uuf mana murtii dura turan

Madda suuraa, EPA

Hiriira mormii mootummaa ji'oota hedduuf gaggeefamaa turan irratti yoo xiqqaate namooti 170 ajjeefamaniiru. Boodarras aangoo qabatee wagga 30 booda Bashiir waraana biyyattin aangoorra fonqolchameera.

Jalqabaa ji'a kanaa irrattis himanna malaammaltummaan hidhaan waggaa lamaa irratti murtaa'eera. Manni murtii bashiir umuriin waan dullomeef hidhaasaa kan dabarsuu mana hidhaa osoo hin taane mana sirreessa keessatti akka ta'u murteesseera.

line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Haleella Sudaan Vidiyoo uummataan