Koofiyyaan Kirugistanitti keewwatamu hambaa addunyaa ta'ee galmaa'e

Maxxanfame

Koofiyyaan addatti Kiruugistaan keessatti keewwatamu hambaa kiliyaa UNESCO irratti galmaa'uun hawwata turistootaa ta'ee nu fayyada jetti biyyattiin

'Galmaa'uun isaa kuni hawaasni idila addunyaa biyya gaarreen itti heddumatu kana akka beekaniif carraa nuuf uuma' jedhan Ministir deeetaan Turizimii Kirugistaan Maksaat Uulu Damir AFP tti wayita himan.

Koofiyaa kana dhiiroonni kan keewwatan yoo ta'u bifa adii fiixeesaa irraa halluu gurraacha qabu dha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ejensiin dhimma Barnootaa, Saayinsii fi Aadaatu akka hambaatti koofiyyaa kana galmeessee.

Bara 2017 turistoonni mil 13 Kiruugistan daawwachuusaanii biiroo daldala Ameerikaatti marsariitiin hidhata qabu export.gov gabaasera.

Lammileen Kiruugistan koofiyyaan 'Kalpak ' jedhanii waaman kun tulluu cabbiin haguuge fakkaata jedhu. Duraanu biyyi giddugaleessa Eeshiyaatti argamtu kun guyyaa biyyaleessaa akka qabu ibsiteetti.

Paarlaamaan Kiruugistan magaalaa guddoo biyyatti Bishkek jedhamtutti walitti qabaman koofiyaa kana kabaja dhorkachuun yakkamoo yakka mitii jedhanii walfalmaa jiru.

Falmiin kunis bara 2017 koofiyichi saree irra kaa'amee erga argamee booda falmiin kun eegalme.

Kalpak hambaalee aadaa 40 UNESCO'n hambaalee kiliyaa yaa'ii waggaa taa'amen galmeesse keessaa tokko.

Akka Ejeensiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani kun jedhutti, hambaan kiliyaa beekamtiin kennameefi dhaloota dhufutti eegamee darbuu qabaata kan akka sirbaaf himamsaatti himamullee qaba,'jedha.

Kana malees bocni hambaa mul'atu kana akka eegamu qabu ibsa.