Keeniyaa keessatti hojjettoonni uffata biyyasaaniitti oomishame akka uffatan ajajaman

Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataa(bitaa) fi Itti Aanaa isaanii Wiiliyaam Ruutoo(mirga) uffata Keenyaa keessatti hojjetame uffatanii
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataa(bitaa) fi Itti Aanaa isaanii Wiiliyaam Ruutoo(mirga) uffata Keenyaa keessatti hojjetame uffatanii
Maxxanfame

Mootummaan Keenyaa hojjettoonni mootummaa biyyattii guyyaa Jimaataa fi guyyaa ayyaanaa uffata biyyattii keessatti oomishame uffachuu akka qaban ajaja dabarse.

Karoorri kun indastiriiwwan biyya keessaa jajjabeessuuf yoo ta'u ajandaawwan gurguddoo arfan Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataan hojiirra oolchuuf jiran keessaa isa hangafaati.

Ajaja kana nama gorsaa seeraa ta'e Janaraal Kenedii Ogeetoo jedhamantu karaa gaazexaa 'Daily Nation' dabarsan.

Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataa fi Itti Aanaa isaanii Wiiliyaam Ruutoo kabaja Guyyaa Goototaarratti
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataa fi Itti Aanaa isaanii Wiiliyaam Ruutoo kabaja Guyyaa Goototaarratti

Barreeffamichi akkas jedha:

''Oomishaalee indastirii keenyaa fayyadamuun damee manufaakchariingii guddisuu fi carraan hojii bal'inaan akka uumamu gochuudhaan ajandaawwan misoomaa gurguddoo arfan biyyattiin qabattee jirtu milkeessuuf hojjetaan mootummaa hunduu guyyaa jimaataa fi guyyaa ayyaanaa uffata keenyaa keessatti oomishaman uffachuun barbaachisaadha''

Ibsa waa'ee viidiyoo, Faayaan aadaa saba Masaay Keenyaa jiraatan madda galii guddaadha

Namna guyyaa jedhametti uffata kana hin uffanne adabbiitu mudatamoo maal ta'a kan jedhu wanti mirkanaa'e hin jiru.

Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataa fi Itti Aanaan isaanii Wiiliyaam Ruutoon 'Guyyaa goototaa' magaalaa Mombaasaatti Dilbata darbe kabajamerratti uffata oomishaalee Keenyaa ta'an uffachuun fakkeenya ta'aniiru.

Qondaaltonni mootummaa fi hojjettoonni guyyaa kanarratti argamanis uffata Keenyaa uffataniiru.

Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataan wayita uummata kabaja Guyyaa goototaa irratti argaman dubbisan
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataan wayita uummata kabaja Guyyaa goototaa irratti argaman dubbisan