Haleellaa Tarkii fi Siiriyaa: Erdoogaan fi Puutiin Kurdiiirratti waliigalan

Maxxanfame

Tarkiifi Raahiyaan waliigaltee 'seena qabeessa' jedhame fi humnoota Kurish Tarkii keessatti daangaa Siriyaa irraa baasuuf jedhamee walii galan.

Tarkii baatii kana keessa humnoota Kurdi naannawwa kaaba Siriyaatti argaman 'nannoo nageenyaan' uumuu jedhaan halleellaa banuunshee ni yaadatama.

Raashiyaan michuu Baashaar al Assaad kan Siriiyaa kan turte yoo ta'u, Siriyaa keessa qaamoonni alaa jidduu galuu saanii yaaddoo qaba.

Tarkii fi Raashiyaan amma waliin daangaa eegsiisu.

Waliigaltee kunis erga US waraanashee akka baaftu akka tasaa beeksifteen booda ture yoo ta'u, kunis naannichatti olaantummaan tarkiifi Raashiyaa akka dagaagu taasiseera.

Tarkiidhaaf kunis Kurdoota balleessuun naannichatti olaantumaa kan ennuufi yoo ta'u, raashiyaan ammoo daangaa Siriyaatti akka to'atuuf ni gargaara.

Erga waliigaltichi ibsmeen sa'aatiiwwan booda Tarkiin, hanga humnootiin Kurdii 'naannoo nageenyaatii' bahaniitti dhukaasa daabamee ture ilaalchisee halleellaa eegaluuf waliigaltee biraa hinbarbaachisu jettee jirti.

Maaltu waliigalame?

Tarkiin daangaa dheerina km 120 magaalaa Ras al-Ain hanga Tal Abyaad jiruun 'naannoo nageenyaan' uumuun baqattoota Siriyaa miliyoonotaan lakkaa'amniin qubbachisa jechuun jechaa jirti.

Raashiyaan halleellaa Tarkiin balaa walitti bu'iinsa gama lamaaniinu jiru hambisuuf gaggeessitu deeggaruuf.

Ibsi Taarkiifi Raashiyaan kenname akka jedhuutti ''humnootiin Kurdii magaaloota Manbii fi Tal Rifaat'' kanneen naannoo haleellaan itti gaggeefamuun alatti argaman keessaayyu ni qulleeffamu.

Milishoonni Kurdish waan gaafatame kanaaf walii galusaanii hinhimne.

Karooricha keesatti, raashiyaa Tarkii waliin ta'uun kaaba Siriyaa keessaatti to'annoo gaggeessuun humnootiin Kurdii akka gara daangaa Siriyaa fi Tarikiitti hindeebiin mirkanneessuuf hojjatu. Sochii kanas Roobii harraa eegalu.

raashiyaafi Tarkiin naannicha humnootiin Kurdii keessa hinsochooneetti mataasaa gamtaadhaan sochii taasisuu Roobii kana eegalu.

Ibsi kunis erga Pirezidaantiin raashiyaa Vladimiir Putiiniifi Erdoogaan waliin mari'ataniin booda kan dhufeedha. T

Mr Assaad Pirezidaant Putiin galateeffachuun ''sochiichi fiixaan akka bahuuf deegarsa barbaachisu hunda akka taasisuuf himee ture. Sochii nagaa eegsiisuu daangaawwan Siriyaa loltoota poolisii Raashiyaa waliin taasifamu hanga daangaa Tarikiifi Siriyaa gahuutti akka gaaggeefamu akka deegaran dubbachu'' Kremiliin jedheera.

Attamiin asi geenyee?

Waggoota afur darbaniif gamtaan humnoota Kurdi kan waraana USn ogganamee kaaba Siriyaa keessatti garee loltoota Islaamaa (IS) irratti waraana gaggeessaa turan. Garuu isaanis kan gartii milishoota Ittisa Ummata Kurdii (YPG)n keessatti heddumatu yoo ta'u, tarkiinis akka dhaaba shororkessaatti ilaaltiin.

Torbaan lamaan duras Pirezidaanntiin Ameerikaa Donaald Tiraamp waraanasaa daangaa Siriyaa irraa akka baasu labse. battaluma sanatti ture tarkiin Kurdoota irratti haleelaa kan labsite.

Raashiyaan daangaa Siriyaarratti loltoota qubachiifte kan jirtu yoo ta'u, isaanis daangaa kuni qaamoolee biyya alaatiin qabamusaatti yaaddoo aka qaban himu ture.

Tarkiin torban darbe keessa dhukaasa dhaabuuf kan waliigalte turte yoo ta'u, kunis humnootiin waraanaa Kurdii akka bahaniif carraa keenuuf jedhamee ture.