Giiftii dureen Naayijeeriyaa dhiifama gaafatan

Gifti Duree Naayijeeriyaa

Madda suuraa, PIUS UTOMI EKPEI

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Giiftii dureen Naayijeeriyaa odeessa viidiyoo akka tasaa bahuun midiyaa hawaasaa dhuunfate ilaalchisee dhiifama gaafatan.

Giiftii duree Ayishaa Buhaarii tibbana wayita isaan intala obbooleessa abbaa warraa isaanii waliin mooraa pireezidantii keessatti wal mormanii agarsiisuu tokko midiyaalee hawaasaa dhunfate ture.

Ayishaan haadha warraawwan abbootii siyaasaa isaan dubbisu dhufan waliin erga wal arganii booda viidiyicha ilaalchisuun yaada kan kennan.

Haadholiin warraa kunnin kan isaan dubbisuu deeman Ayishaan turtii ji'a lama biyya alaa booda biyyatti deebi'uu sababeefachuuni.

''Carraa kanatti fayyadamuun tarii qaaniin ani ijoollee kiyya, miseensoota maatii kiyya dhihoo, lammiilee Naayijeeriyaa ilaalcha gaarii qabaniifi dhaabbileeen ani bakka bu'uu waa'ee viidiyoo marmaaraa jiruu ilaalchisuun dhiifama gaafachuun barbaada,''jechuun Innstaagram irratti maxxansaniiru.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Intalli obbooleessa Pirezidaant Buhaarii, Faatimaa Maammaan Da'uraa, kan viidiyicha waraabde bara 2018tti akka ture BBC'tti himte jirti.

Haa ta'u malee, viidiyichi baayyinaan karaa 'mischief-makers'' jedhamuutiin ballinaan dadabarfamaa jira.