Mana Barumsaa Naayijeeriyaatti barattoonni 'harkaafi miilli hidhamee dararamaa turan gadhiifaman

Madda suuraa, Reuters
Poolisiin Kaaba Naayijeeriyaatti argamu namoota Mana Barumsaa bultii addaa Islaamaa keessatti harkaafi miilli hidhamee dararamarra turan 67 gadhiisise.
Namoonni umriin isaanii torbaa hanga 40 ta'an kuni achi keessa dararaan garaa garaa akka irra gahaa ture poolisiitti himan.
Ji'a darbe illee barattoonni dhiiraa 300 ol mana barumsaa bultii bulchiinsa ollaa taate, Kaadunaatti akka gadhiifaman ta'eera.
Manni barumsaa bultii Islaamaa, Almajiriis, jedhaman Kaaba Naayijeeriyaa gara caalu hordoftoota amantaa Islaamaa ta'anitti baay'eetu argama.
Ibsa poolisiin gaafa Wiixataa gadhiiseen, dhiironniifi namoonni gurguddoo hidhamanii turan ''haala sukaneessaan qabamani turan,'' jedhe.
Barsiisonni lamaafi abbaan qabeenyaa mana barumsichaa bakka dhalootaa pirezidantii biyyattiitti jiraatan to'atamaniiru.
Namoonni 300 ol mana barumsaa kanatti galmaa'anis hedduun isaanii poolisiin dhufun dura miliqani jedheera gaazexessaan BBC Ishaaq Kaalid.
Kanneen hidhaa turan fincilaa kan turan yoo ta'u hedduun isaanii hidhaa harka isaanirra jiru waliin gadhiifaman jechuun dubbii himaan poolisii Kaatsiinaa BBC'tti himeera.
Manneen barumsaa kuni waggoota dheeraaf Quraana kan barsiisaa turan yoo ta'u kanneen amala badaa qabu jedhaman waliinillee dalagaa turan.

Madda suuraa, Reuters
Meeshaaleen guutamuu dhabu
Manneen barnootaa bultii Islaamaa Kaaba Naayijeeriyaa argaman keessatti dararaan akka raawwatu gabaasaaleen hedduu ni himu.
Inumaa takka takka barattoonni daandiirra bahanii kadhachuuf dirqamu.
Kana dura Pirezidant Buhaarin Baatii Fulbaana keessa yeroo barattoonni bulchiinsa Kaduunaa keessaa gadhiifamanitti, dararaa raawwata jedhamu kana balaalleffatanii turan.
Hoggantoonni amantiifi aadaa qondaaltota waliin ta'un ''dararaa raawwatu hambisuufI rakkoo beekamu garuu hawaasni callise saaxiluu qabu,'' jedhan.















