Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Euro 2020: Taphattoonni kubbaa miilaa akka loltuutti nagaa gaafachuun mormii kaase
Abbaan Taayitaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa olaantummaan to'atu (UEFA) akka loltuutti nagaa kennuu gareen Kubbaa Miilaa Turkii agarsiisan irratti qorannoon gaggeessa jedhe.
Gareen Kubbaa Miilaa Turkii kun mallattoo nagaa loltuu kana kan agarsiisan tapha calallii EURO 2020tiif yeroo taphataan gartuu Eevartan, Senk Tosun, Albaaniyaarratti goolii galche ture.
Tapha Istaambulitti Jimaata darbe taphatame kanaan Turkiin 1-0 kan mo'atteetti.
Yeroo taphni kun gaggeeffamaa jiru kanattis loltoonni Turkii loltoota warra Kurdii Kaaba Sooriyaa jiran waliin wal waraanuu jalqabanidha.
Tosun suura nagaa loltummaa kana Instagram irratti kan maxxanse yommuu ta'u ergaa: "Biyya keenyaaf, keessumaa warra biyya keenyaaf lubbuu isaanii hin mararamneef" kan jedhu waliin ture.."
UEFAn mallattoo ergaa siyaasaa qabu agarsiisuu hin hayyamu.
Tapha Albaaniyaa mo'ate kanaan Turkiin garee EURO 2020 tiif calalamaa jiran keessaa tokkoffaarra jira.
Roobii darbe Turkiin naannoo to'annaa Humnoota Dimokiraatawaa Siiriyaa (SDF) warra Kurdiin durfamuun to'atamurratti haleellaa banteetti.
Haleellaa kanaanis gama lamaanuurraa namoonna nagaafi loltoonni ajjeefamaniiru.
Instagram irratti Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Turkiillee suura kutaa leenjii isaanii keessatti taphattootaafi leenjifamtoota waliin yeroo mallattoo nagaa loltummaa kana agarsiisan maxxanseera.
Suurri kunis erga akkas jedhu waliin maxxanfame:
"Galmi imala kanaa shaampiyoonaa ta'uudha! Taphoota torbaan booda EURO 2020 tiif darbuudhaaf garee H keessaa dursuun itti fuufneerra. Nuti injifannoo kana gootota loltoota keenyaaf taasifna."
Dubbi Himaan UEFA Filiip Taawonsend akka Burqaa Oduu Xaaliyaanitti himetti, mallattoon nagaa Turkii kun "sodaachisuu fakkaata," jedhe.
"Waantan isiniif mirkaneessuu barbaadu, haala kana ni qoranna. Mee haa qulqulleeffadhu," jedhe.
Danbiiwwan UEFA, "mallattoowwan, jechoota, wantotaa ykn malawwan biroo ergaa sodaachisuu dabarsan taateewwan ispoortii irratti hin hayyamaman.
Keessumaa ammoo ergaawwan sossodaachisuu kan akka dhimma siyaasaa, falaasamaa, amantaa ykn kan arrabsoo ta'an dhorkamoodha."