Injinar Taakkalaa Uumaa: 'Fayyisaa Leellisaa atileetii saba tokkoo qofa miti, kabaja biyya keenyaati'

Maxxanfame

Atileet Fayyisaa Leellisaa meedaaliyaa Olimpiikii Riyoo irratti argate yaadannoo wareegamtootaaf dabarsee kenne.

Sagantaa Finfinnee, Galma barkumeetti gaggeeffameerratti, aangawoonni mootummaa, dinqisiifattoonni isaa fi maatiin Fayyisaa Leellisaa aragamaniiru.

Abbaan Fayyisaa BBCtti ''Ilma kiyya du'asaatin guyyaa eegaa ture malee, gammachuu kana arga jedhee yaadee hin beeku,'' jechuun himaniiru.

''Gaafa mallattoo diddaa sana argisiise biyyuma kanattuu ni deebia'a jedhee hin yaanne. Har'a lubbuun jiraatee gammachuu kana arguun kiyya ammayyuu abjuu natti fakkaachaa jira," jedhan Obbo Leellisaa Gammachuu.

Fayyisaan maal jedhe?

Uummanni Oromoo ummata Guddaan juni walin walcabsee waggoota dheeraadhaaf waanjoo agabrummaa jala ture.

Falmii hammaataa taasifamaa ture kanaan dararaa fi miidhaa irra gaheen abdii kutatee taa'ee hin beeku jedhe.

Dhaloonni qubee ciniinsuu waggoota dhibbaaf shantamaa oliitif fala kenne.

Adeemsa qabsoo ture keessatti aarsaa guddaa kanfalamullee qabsoo finiineen gabrummaa hundeen buqqifneerra jedhe.

Riyootti waaadaan meedaaliyaa Lana warra qabsoo kanarratti wareegamaniifan yaadannoo bara har'aa akka naaf ta'u akkuma waadaa seneen milkaa'uu kootti baayyee gammadeera.

Faawundeeshinii maqaa isaatiin hundeessuuf qophii akka xumuree fi faawundeeshiniin kunis maatii namoota qabsoorratti wareegamanii kan gargaaru ta'uus himeera.

Injifannoo argame kana kunuunfachuu qabna " injafannoon tokkummaadhaan utubamuu qaba," jedhe Fayyisaan.

Faawundeeshinichi hojiilee dargaggootaa atileetiksii irratti himaatanillee nideeggara jedhe Fayyisaan.

Atileet Fayyisaan 'Galfata qabsoo' meedaaliyaa isaa pirezedaantii itti aanaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Abbootii Gadaatti dabarsee kenneera.

Angawoonni mootummaa maal jedhan?

Kantiibaan Ittaanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa, ''Fayyisaa Leellisaa atileetii saba tokkoo qofa miti, kabaja biyya keenyaati,'' jedhaniiru.

Fayyisaan qabsaa'aa ofirra darbee cunqursaa sabasaa addunyaatti mul'ise jedhan. "Yeroo namni hundi dubbachuu dadhabetti sagalee uummatasaa ta'e waan ta'eef goota Oromoo, goota Itoophiyaati," jedhan.

Kan akka Fayyisaa fiigichaan nuboonsan baayyee qabaannus, Fayyisaan garuu warra kanarraa adda jedhan. "warri kaan injifatanii yoo gammadan inni garuu injifatee sabasaatiif gadde" jedhan.

Akkuma hiriyootasaa fiigee qabeenya guddaa horachuu osoo danda'uu rakkina uummata kanaa gurra addunyaa hunda biraan waan gaheef jagina keenya yeroo hundaati jedhan.

Qabsoo keenyaan hidhaa harka keenyaa hiikkanneerra kan jedhan injinar Taakkalaan amma kan nuhafu tokkummaa keenya cimsinee fuulduratti tarkaanfachuu qofa ta'uus eeran.

Lammiileen biyya alaa wayita turetti warra deeggarsa godhanii akka biyyatti galu gargaaranis galateefataniiru.

Pireezidantii Ittaanaa Oromiyaa Shimallis Abdiisaa

''Fayyisaan bIlisummaan kuni akka dhufuuf gahee Olaanaa gumaacheera.

"Giddugala Fayyisaa yeroo gabaabaa keessatti ni ijaarra. Giddu galli kuni siidaa Fayyisaa Kan qabuufi bakka kennaawwan qaqqaaliin akka Fayyisaan kennee kuni keessa taa'u yeroo dhihootti ijaaruuf waadaan seena' jedhan.

Faawundeeshinii Fayyisaa leelisaatiifis mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa Olaanaa akka godhus himan.

Irreechi baranaa milkaainaan akka xumuramuuf uummanni akka tumsuufis waamicha dhiheessaniiru.