Ji'a Seenaa warra Gurraachaa: Manni Boob Maarlee faaya cuquliisaan faayame

Bob Marley

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Faayyi kun Boob Maarliidhaaf kan 'English Heritage' irraa argate isa jalqabaati
Maxxanfame

Weellisaan gosa sirbaa Reegeen beekamu Boob Maarleen keennaa kabajaa dhaabbata 'English Heritage' irraa faaya cuquliisa mana isaa Landan jiru yeroo albamii isaa 'Exodus' jedhu hojjate keessa jiraataa ture keessatti saaquun kabajni kennameeraaf.

Faayaan kunis bakka Boob Maarleen baandii isaa waliin bara 1977 Cheelsii keessa jiraate bakka bu'a.

Kunis namoota gosti isaanii lakkoofsaan muraasa ta'an keessaa dhufan beekkamitii kennuuf ega yaadame booda kan dhufedha.

Sirboota Boob Maarleefi baandii isaa kan albamii 'Exodus' keessaa, 'Three Little Birds' fi 'One Love' isaasan dhaggeeffattoota biraatti hedduu jaalatamaniidha.

Woloo Beenjaamiin Zeefaanihaa

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Beenjaamiin Zeefaanihaan faaya mana Boob Maarliirratti maxxanfame saaqeera

Faayzaan kun karooraan qabatamee kan turedha. Sababni isaas teessoon Maarlee teelee yookiin filannoo irratti galmaa'ee hin jiru waan tureef.

Maarleenis hidhaa bara 1977 kan qoricha sammuu nama adoochu yookiin kaanaabiis waliin walqabatee pooliisii jalaa miliquuf jecha teessoo garagaraa kennaa ture.

English Heritage akka jedhetti manichi teessoo baandiifi jireenya Maarlee ture.

Bara 2015 English Heritage kan gamoowwaniifi iddoowwan seena qabeessaa ta'an 400 ol too'atu kun, namoota beekamoo yookiin hawaasa keessatti bakka guddaa qaban irra deebi'ee qoratu garee tokko hundeessee jira.

Faaya cuquliisa Landan keessatti argaman 900 keessaa %4 qofa kan namoota gurrachaafi Eezhiyaadhaaf kenname.

Boob Maarlii

Madda suuraa, Erin Combs

Ibsa waa'ee suuraa, Boob Maarliin albam isaa 'Exodus' xumuru ,'Three Little Birds' fi 'One Love' dhaggeeffatoota biraan gaheera

Faayaan cuquliisni kun iddoowwaniifi namoota ogummaa garagaraatiin "beekamoo" ta'an faana walitti hidhamiinsa qaba.

Ciminnisaanii "dhiibbaa isaan hawaasarratti qabaachuu danda'an ture". Isaan waggoota 20 dura du'aniis hanga har'aa ni yaadatamu.

Weellistoonni akka Joon Leegand, Fireediifi Moozaart fa'aa beekamitii kana warroota argataniidha.

Barreessaafi woloon Raastafarii kan ta'e Beenjaamiin Zeefaanihaa gaafa Kibxataa faaya kana saaqeera.

Zeefaanihaan akka jedhetti, "waa'ee faaya kanaa wanni Boob Maarleen jedhu jechuun ulfaataadha.

Garuu yeroo ta'e akkas jedhee ture, "Ofii keetiif jiraadhu, kabajaan jiraachuu dandeetta, namoota biroof jiraadhu irra deebitee jiraachuu dandeetta," kanaafuu innis ummataafi weelluu isaatiif akkana jechuu danda'a. "

Hayyuun seenaafi namni miidiyaa Deevid Ooluusogaa akkas jedhaniiru: "Inni weellisaa qofa miti, weellistoota gurraacha ta'an birootiif bakka bu'aa aadaa nama ta'eedha."

An English Heritage blue plague for Bob Marley

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Faayyi cuquliisni mana Boob Maarliin bara 1977 keessa jiraataa turerratti maxxanfamee