Sawudii: 'sababa sodaachisuu Iraaniif' gatiin boba'aa dabalu danda'a'

Mootii Sawudii Mohaammad bin Salmaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mootii Sawudii Mohaammad bin Salmaa
Maxxanfame

Mootiin Sawudii Mohaammad bin Salmaan sababa sodaachisuu Iraaniin' walqabatee gatiin boba'aa "hanga hin yaadamiin ol" dabaluuu akka danda'u addunyaa akeekkachiisan.

Addunyaanis gocha Iraan dhaabsisuu hin danda'u taanaan rakkoon gabaa addunyaa boba'aa kan guutuu addunyaati jedhan Mootichi.

Mohaammad bin Salmaan akka jedhanitti lolli Sawud Arabiyaafi Iraan gidduutti taasifamu dinadgee addunyaa akka malee raasuu mala.

Kana kan jedhanis, haleellaa zayita boba'aa biyyattii irratti torban lamaan dura qaqqabeen walqabatee yommuu ta'u, kanaafis ammoo Iraaniin himatan.

Yeroo dhimma CBS News'tti dubbatanitti akka jedhanittis, ajjeechaa gaazexeessaa Jamaal Kashogjiitiifis hanga tokko itti gaafatamummaa nan fudhadha jedhan Mootichi.

Haata'u malee garuu ajeechaa gaazexeessichaa dhuunfaa isaaniitiin akka ajajan waakkataniiru.

Mootichi yeroo sanatti garuu akka dhuunfaan Jamaal Kashogjiirratti xiyyeeffatanii turan qaaqamaa turan sababiin isaas gaazexeessichi hojii mootummaa Riyaada ifatti qeeqaa waan tureef jedhama. T

Jamaal Kaashogjiin Onkoloolessa 2, 2018 ture kan Qoontsilaa Sawud Arabiyaa Turkitti argamu keesatti kan ajjeefame.

Gaaffiifi deebii daqiiqaa 60 CBS sagantaa oduuf kennaniin akka jedhan: "Akka gaggeessaa Sawud Arabiyaatti itti gaafatamummaa guutuu nan fudhadha, keessumaa ammoo namoonni warri gocha kana raawwatan [ajjeechaa] raawwatan namoota mootummaa Sawudif hojjetan waan ta'eef."

Haata'u malee, ajjeechaa Jamaal Kaashogjii kana ofiin kallattiin ajajuu waakkachuun yeroo wanti sun raawwatamullees quba hin qabu jedhan.

Aanga'oonni Sawudii yakka ajjeechaa gaazexeessaa beekamaa sanaan booda ajjeechaa "fokkataa" raawwatan jedhamuun hadheeffamaa kan turan yoo ta'u sababa kanaan walqabsiisuun ammoo namoota 11 to'atamanii himanni irratti banameera.

Mootichi maaliif zayita boba'aa irratti akeekkachiisan?

Iraan dhaabbata zayita boba'aa Sawud Arabiyaa haleeluu keessaa harka hin qabu jetteetti.

Mohaammad bin Salmaan garuu akkas jedhan: "Yoo addunyaan gocha nagaa booressuu Iraan kana irrati addunyaan tarkaanfii hin fudhatu taanaan, gabaan addunyaa raafamuun fedhii addunyaa mara miidhu akka dhufu akeekkachiisan."

"Dhiyeessi zayita boba'aa addaan cituun gatiin isaa akka malee hanga eegamee ol kanan jireenya koo keessatti argee hin beekne olka'uu danda'a."