Sanyii jaldeessaa seera namaaf baheen Ameerikaa galte

Maxxanfame

Gosti jaldeessaa buufata bineensootaa biyya Arjantiinaatti argamu tokko keessa erga waggoota 20 turteen booda gara Ameeriikaatti fudhatamuuf murtaa'e.

Jaldeessi 'Oraangutuun' jedhamtu' kunis gara buufata bineensootaa Ameerikaatti argamu akka galtuuf kan murtaa'e haala ilmaan namootaa qofa eeguuf baheen.

Jaldeessi moggaasni Saandiraa jedhamu kan kennameef kunis Boonas Ayiras keessatti karaa seeraan alaatiin qabamtee turte jirti. Kanaafis, abbookaatoonni mormaaf turaniiru. Isaan boodas mormichaan waan inijifataniif gara Ameerikaa akka galtu taate.

Muritichaanis, seenaa Arjantiinaa keessatti seera ilmaan namaatiif baheen jaldeessa bilisa baate kan jalqabaati.

Abbookaatoota Eleen fi Liibaraatorii jedhaman kan qabdu jaldeessi tun, isaaniis murtiin kun ilmaan namaa mirga bineensootaa kabachiisuu akka qabaatan kan agarsiisuudha jechuun himaniiru.

Jaldeessi kunis sanyiini ishee kan dhalattee Jarman Bahaatti kan argamu bakka jireenyaa bineensootaa keessatti yoo ta'u,bara 1995tti Boonas Ayirasiitti gurguramte turte.

Haala sanaanis, waggoota dheeraaf qofaa akka jiraatu dirqisiifamushee gabaafameera.

Sanyiin jaldeessaa moggaasa Saandiraa jedhu kennameef tunis, bakkeen turii bineensootaa keessa jiraataa turte bineesnoota miidhuudhaan bara 2016tti himamtamuunsaa gabaafameera.

Haa ta'u malees kunuunsa bineensootaaf taasifamuuf lafa turtii ta'uun tajaajila jedhamee yaadamuun irra deeniin akka banamu taasifame.

Sanyiin jaldeessaa tanaa bakka turtii Ameerikaatti keessa jiraatutti kanneen isheen walfakkaatan bineensoota 21 waliin kan jiraattu yoo ta'u, lafti bilisaan keessa sochootu qophaa'efiira.

Jandeessoonni gasa Oraangutuun jedhamuun beekamanii kunneenis addunyaarratti kanneen sanyiinsaanii baduuf jiru keessatti argamu.