Kabaja masqalaa Bishooftuun walqabate maaltu umame?

Bataskaana Kidaana Miratii Dabra Matsihwt -Bishooftuu

Madda suuraa, Zewde

Maxxanfame

Kaleessa bataskaanni Kidaana mihirat osoo gara lafa damaraatti immalaa jirruu alaabaa hin heyyamamiin qabattanii jirtu jedhamnee akka hin dabarree dhorkame jechuun tajaajiltoonni waldichaa BBC'tti himaniiru.

Barreessaan betakinatii Aaanaa Ada'aa Magaabii Xibab Iwunatu Xilaahun gamsaanitiin, guyyaa damaraatiin dura bulchiinsa magaalattii waliin haala kabaja ayyaanichaarratti mari'achusaanii himu osoo walii hingaliin adda baane jedhaniiru.

Marii bulchiinsa magaalattii waliin taasifameen, kabajni Irreechaafi Masqalaa nagaan akka kabajamuuf itti gaafatamtoota bataskaanaa, waldaale hafaa buusan, dargaggoota mana barnootaa Sambataa waliin ta'u dubbatu barreessaan kun.

Haa ta'u malee alaabaa asixxaa hinqabnee qabachuufi dhiisuu ilaalchisuun mariin taasifame hirmaattoota amantaa gara biraa hirmaachisunsaa nutti hintollee jedhu.

Isaan boodas Kantiibaan magaalattii wamuun erga waliin mari'ataniin booda alaabaa asixxaa hinqabne waan dhorkameef qabattanii bahu akka hindandeenye, garuu ayyaanicha miidhagiisuuf riivaanoota adabaabayoota irratti hidhu kabajachu akka dandeenyu waliigalleera jedhu.

Malaaka Salaam Abbaa Rufaa'el Bataskaana Qiduus Gorgisii Bushooftuutti bulchaa yoo ta'an, ayyaana masqalaa kabajuuf bataskaanoonni magaalatiitti argamanu hundi haaluma karoora qabameefiin gara adabaabaayi masqalaatti kan bahan ta'u dubbatu.

Haa ta'u malee uffannaani tajaajiltoonni bataskaana Kidaana Mihirati uffatan alaabaa asixxaa hinqabne qabanne jechuun faarfattoonni akka hidabarree dhorkaman jedhu.

Miseensa mana barumsaa Sambataa kan ta'e tokko BBC'tti akka himeetti, akkuma bataskaanaa ka'uun hanga meetira 500 deemanii booda uffannichaaf jecha dargaggootaan dhaabamu hima.

Hirmaatoota kanaja masqalaa bataskaana Kidaana mihrat -Bishooftu

Madda suuraa, Zewde

''Jalqaba faarfachaa dargaggoota kannee dabarre turre'' kan jedhu tajaajilaan kun, booda bulchaan ganda shanii poolisii qabatanii dhufuun daandii itti cufuu hima.

''Uffannaanni itti fayyadamnu kanuma duraan ittiin dhima bahaa turreedha. Koopiifi uffannichis haallu diimaa, magariisaafi kelloo qaba. Kana osoo hinbaafannee hindabartan nuun jedhan'' jechuun himu.

Batasikaanitiin haallu kana bara dheeraaf itti fayydamaa kan turte ta'u ibsuun ''kunis mallattoo masqalichaan dura tureedha. Mallattoo lammaffaa akka hinbadneef Nohiif kennameedha'' jedhu barreessaan kun.

Qaamooleen nageenyaa hindabartan jedhanii dhorkanis alaabichi kan paartilee siyaasaa waliin walitti dhufuudha jedhamusaanii kan dubbatu tajaajilaan mana barnootaa Sambataa kunis, waan dhorkamaniif gara batasikaanaatti deebii'usaanii hima. ''Waggoota 27 darbaniif wayitan batasikaanitti tajaajileetti dhorkamne hinbeeknu turre, baran garuu ni dhorkamne'' jedhan.

Erga tajaajiltoonniifi miseensoonni batasikaanni Kidaana Mihratii hindhune hubataniin booda, namoonni gara adabaabaayi masqalaa deemee ture deebii''usaa Malaaka Salaam Abbaa Rufaa'eel ni dubbatu. haaluma kanna walqabatees, osoo damaraa hinbobbeessiin deebii'u dubbatu.

Bulchiinsoonni bataskaanootaa amantoonni akka xombora qabsiisaniif amansiisuuf yaalan illeen diduun kadhannaafi heebbi erga taasifmeen booda osoo xombora hinbobbeessiin dhiisanii deemaniiru bulchaan bataskaana Gorgiisii BBC'tti himaniiru.

''Harra ganama akka agarreeti ammoo damaraan gubateera, garuu eenyu akka gube hinbeeknu'' jedhaniiru.

Bulchaan kun itti dabaluunis rakkinni akkasii bataskaana Kidaana Mirat qofatti osoo hintaane achuma Bataskaana gubbaa Bishooftuu Dabra Sibihaat Qidus Silaale ttis ta'u himu.

Akkasumas waldaan hafaa naannichaa tiishartii fakkiiwwan haalluun diimaa, magariisaafi keelloo qabu akka baafatan taasifamu dubattaniiru.

haa ta'u malee tiisharii kana bara darbees ayyaana cuuphaaf itti fayyadamnii kan turan ta'us baran waan dhorkamaniif naxalaan uffachuun adabaabaayi dhufaniiru jedhu.

Poolisiin magaalaa Bishooftuu ammoo damaraan jedhame kaleessaa qabsiifamuu mirkanneessanii ragaa dabalataa kennuuf ammoo odeeffanno dabalaa walitti qabaachu akka qaban ibsaniiru.

Akkasumas bilbilli kantiibaa magalattii waan hinhojjanneef dhimmicharratti yaadasaanii ibsuu hindandeenye.