'Hojii yeroo biraaf dabarsuu' ykn dhibaa'ummaaf furmaata saddeet

Maxxanfame

Dhalli namaa yeroo baay'ee, bilcheessee hojjechuufis haa ta'uu nuffee, hojii tokko yeroo biraatti dabarsuun yeroo sana bilisa ta'ee dabarsuu fedha.

Sammuun namaa bilisummaa barbaada, kun waan dhugaadha, garuu hojii tokko yeroo biraaf dabarsuun hagam bilisummaa sammuu namaaf kenna laata?

Inumaa haalli kun hojiin walirra tuulamee dhiphina biraa keessa nama galchuu hin hafu.

Hojii baay'ee yeroo biraatti dabarsaa kan deemtu yoo ta'e ammoo rakkoo fayyaaf saaxilamuunuu ni jira.

Namni hojii battala kana xumuramuu qabu yeroo biraatti dabarsu tokko boqonnaa hin argatu, nyaatallee walaba ta'ee hin nyaatu, akka fedhetti hin bashannanu, waa'eema hojii sanaa yaada.

Ogeeyyiin xiinsammuu waan kanaaf fala ta'a waan jedhan qabxiiwwan saddeet nuuf gumaachaniiru.

1. Fedhii qofaan of hin abboomin

Ian Taylor Yuuniversitii Loughborough keessatti barnoota Motivation(sieessuu) barate.

Xiinsammuu namoota ispoortii hojjetanii irratti ogeessadha.

Namoonni yeroo baay'ee miira nan danda'aa qofaa hojii wayita hojjetan ni miidhamu jedha.

''Miira nan danda'aatiin waa hjjechuun si si'eessuu danda'a, garuu furmaata filatamaa miti'' jedhe.

Haalli hojii tokkoo nuffisiisaa yoo ta'e danda'een keesa darba jedhanii humnaa ol itti adeemuurra, haalli akkanaa hojii keesatti kan mudatu ta'uu fi kaayyoo barbaadan bira ga'uuf haala kan mijeessu akka ta'etti hubachuutu barbaachisa.

2. Hojii yeroo biraaf dabarsitu waan gaarii inni of keessaa qabus ilaali

Hojii yeroo biraaf kan dabarsituuf kufaatii sodaatteetii?

Fuschia Sirois Yuuniversitii Sheffield iraa waggoota 15f dhimma hojii yeroo biraaf dabarsuurratti qoratteetti.

Kan adda baaste garuu rakkoon hojjechuu dadahbuu yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu osoo hin taane miira ofii dhaggeeffachuu dadhabuurraa madda jetti.

Nan kufa jettee kan yaaddoftu yoo ta'e hojii yeroo biraaf dabarsuuf dirqamta, haala mijataa hin taane keessatti waa hojjechuu irraa fagaatta.

Kunis furmaata dhumaa hin ta'u, hojiin walirratti tuulamaa wayita deemu ammas yaaddoon heddummaataa deema, itti buutee eegaluufillee ni sodaatta.

Kanaafuu furmaanni gaariin jiru hojii hojjennuuf miira gaarii qabaachuu, waan gaarii hojiin kun nuuf qabu irratti xiyyeeffachuudha.

3. Dursii karoorsi

Hojii tokkoof dursitee yoo karoorsite wantoota si dogoggorsanii fi booddeetti si harkisan dandamachuun yeroo qabame keessatti xumuruu dandeessa.

Tarsimoo kana fayyadami: ''Yoon yeroo biraatti dabarse, maalin buufadha, yoon amma hojjedhewoo?'' jedhii of gaafadhu, xiinxali, malee waan yeroo qabduuf qofa hojii ofirraa hin dabarsin.

Fakkeenyaaf yeroo ati qo'achuu barbaaddutti hiriyaan kee yoo walarginee buna dhugna siin jedhe, beellama sana gara galgalaatti dabarsiitii, guyyaa qo'adhu.

Namoonni tarsimoo fi karooraan socho'an hojiisaanii xumuruudhaan kanneen hin karoorfanne harka lamaa hanga sadii caalu jedhu ogeeyyiin xiinsammuu.

4. Mala salphaan hojjedhu, hojii ofirra hin tuulin

Mala salphaa fi walabummaa sammuu keetii hin jeeqneen hojii eegali, osoo of hin dhiphisin jechuudha.

Hojii dura xumuruu qabduu fi itti aansitee hojjettu adda baafadhu.

Yeroo hojii tokko hojjettu kan biraa cinaan hin hojjetin, yeroo tokkotti hojii tokko.

Miidiyaa hawaasummaa, bilbilaa fi alarmiidhaan of hin dhiphisin.

Walaba ta'ii bashannanaa hojjedhu.

5. Of badhaasuudhaan of onnachiisi

Qorannoon yuuniversitii Cornell tokko akka mul'isutti dhalli namaa badhaasa fuulduratti eegu caalaa kan harkaan ga'atetti quufa.

Namni tokko hojii hojjetu keessatti yoo hin jajjabeeffamu ta'e hamilee dhaba, hojii sanas guyyaa biraaf dabarsa.

Kanaaf waan nama biraa irraa eegdu ofuma keetiif of badhaasi, of onnachiisi.

Hariiroo mataa kee waliin qabdu cimsi, of jaalladhu, bakka dadansaa deemi of bashannansiisi.

Isa booda hamileen hojii hojjechuu siif dhufa.

6. Egeree kee humnaa ol hin tilmaamin

Baay'een keenya fisa har'aa dhiisnee fuulduratti waan ta'uuf hawwinuun of dhiphisna.

Garuu waan har'a irra jirru haalaan hoogganuu baannaan waan boriif hawinu bira hin qaqqabnu.

Gaafa haala kanaan yaadnu waan egereen keenya qormaata tokkollee hin qabne nutti fakkaachuu danda'a.

Garuu egereen keenya dansaa ta'uu fi ta'uu dhabuun hojii nuti har'a hojjennurraa adda ba'ee waan ilaalamu miti.

7. Ofiif waan gaarii hawwi

Yeroo tokko tokko akka hiriyoota keenya jaal'annu of hin jaal'annu, akka orma mararsiifannu ofiif waan gaarii hin yaannu, yaadaan of miina.

Kunimmoo hojii keenyarratti dhiibbaa guddaa qaba.

Waan gaarii ormaaf hawwinu mataa keenyaafis hawwuu qabna.

Akkuma orma jaal'annu of jaal'achuunis barbaachisaadha.

8. Akkaataa qajeelaa ta'een of ibsi

Yeroo of ibsinu yookiin waa'ee keenya dubbannu jechoonni itti fayyadamnu baay'ee murteessoodha.

Waan hin taane ta'uu, waan ta'an immoo hin taane jechuun mataama keenya xaxaa keessa galcha.

Waa'ee kee yeroo dubbattu kallattiidhaan waan si ibsu dubbadhu, of ta'iitii.

Yeroo hojjettus sadarkaa kee beektee akka hojjettuuf kun si gargaara.