Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qoccarrii hojii: Qabxiilee tibba qormaata hojii irratti gochu hinqabaannee
Yeroo tokko tokko qormaata hojiif mindeefamuuf taasifamurratti waan hineegamne umamuu mala. Fakkeenyaaf yoom boqonnaa akka bahamu, bilbila kan dubbisan, waa'ee ogganaa saanii duraa waan hamaa kan dubbatanii fi kanneen biraa kan raawwatan ni mudatu. Haalli akkasii yoo baayyate garuu carraan hojiicha itti dhabu mudachu danda'a.
Dhimmoota tibbaa gaaffiifi deebii hoojiitti dubbachuun hinqabannee oggeessoota qaccarrii waliin dubbachuun akka itti aanuutti dhiyaateera.
1. ''Ogganaan kiyya gahaa miti''
Oggeessoonni yaada keessaniin walii galu.
"Yoo kan ogganaa keessan duraanii kan balaaleffattan ta'e, ogganaa keessan kan haraasaa akka hinbalaaleffanneef ragaan homaa hin argamu, jedha Daarektarri hojjattoota BBC Mubdoo Luwiis Riivaas.
Kanaafuu Ogganaa keessan duraanii waliin waliigaltee kan hinqabne yoo ta'es dhiisu isiniif wayya.
2. ''Hojii kiyya kan ammaa hinjaaladhu''
Kun dhugaa ta'uyyu akkas jechuu barbaachisaa hinta'u.
Yaada miira jibbaa qabu hunda dhiisuun barbaachisaa ta'usaa fi ''waan haaraa hunda fudhachuu qophaa'oodha'' jechuun caalaa akka barbaachisu gorsu oggeessoonni.
3. "Dadhabiina homaa hinqabu"
Namni gaaffii fi deebiin taasifamuuf kunis olaantummaa agarsiisu isaatiin alattis, ofi ilaaluu kan hinbarbaannee ta'usaa fi yaadawwan sammuu nagaatiin kennamuuf hunda fudhachuuf qophaa'u akka hintaanetti yaadama.
Jecha baraman kan akka "Rakkinni kiyya wanti hundinu gaariifi sirrii akka ta'u eegu kiyya'' jedhuu dhiisuun akka barbaachisu oggeessooni ni gorsu.
4. "Hojiin kun guyyoota boqonnaa meeqa qaba?''
Dhimmichi gaaffii fi deebii hojii kan jalqabaa yoo ta'ee, hojiicha akka argattan waan hinmirkanneefneefuu hameentaan mindaa fi bu'aalee jiran irratti wanti jiru balinaan waan hinbaramneef sadarkaa sanatti dhimma akkasii keessa galuun barbaachisaa hinta'u.
"Tikeetiii boqonnaaf ta'u argadhaa?'' jedhamee kan gaafatamu erga hojiin argamuun mirkaneefamee booda ta'u qabaata.
5. "Dhaabbanni keessan maal hojjata?"
Dhimmi akkasii kan gonkumaa gaafachu hinqabaanneedha.
''yeroo baayyee waayee dhaabbatichaa gaafilee ka'aniif deebii kennuu qabdu'' jechuun ogeessi dhimma hojjetaa kan ta'an Alisan Dooyila.
Kacaraan keessan eenyu akka ta'an qo'adhaa, marsariitii isaanii mil'adhaa marsaalee miidiyaa isaanii daawwachuuniifi odeessalee dhaabbata sanaa argaman dubbisuun gaariidha'' jedhu.
Odeeffanooleen dhaabbatichaa kan namni hedduun hin beekne karaa namoota beeknuu argamuu danda'an argachuuf yaaluunis gaariidha.
6. ''Miindaan isaa hangami?''
Waayee miindaa osoo dafnee kaasuu baannee gaariidha. Namni af-gaaffii geggeessuu hanga dubbicha kaasutti eeguun gaariidha.
Dursitanii waayee miindaa gaafachuun isinirra hin jiru. Sababni isaas hojichaaf gahumsa qabu jedhamtanii hin filatamne ta'a'' Jedha Dooyil.
7. ''Hojii kana hedduun barbaada''
Hojicha hedduu akka barbaaddan dursitanii ibsuun sirrii miti. Kan ifa gochuun gaarii ta'u hojichaaf fedha qabaachuu fi gahumsas qabaachuudha.
Nama af-gaaffii geggeessu hawwachuuf hin yaaliina. dhimmoota ofitti amanamummaa keessan qorurratti qaanii maqsaa.
Dhumarratti wanta ogeeyyiin irratti waliigalan
''Nama hunda caala hojii kanaaf gahuumsa kan qabu ana'' jecha jedhurratti ogeeyyii gidduu waliigalteen hin jiru.
Ogeeyyiin tokko tokko kana jechuun jebinaa fi ofitti amanamummaa qabnu agarsiisa jedhu.
Kaan dorgomtoota biroo osoo hin beekin ofiin hunda caalchisuun sirrii miti jedhu.
Faallaa kanaan ammoo hojii kanaaf gahumsan qaba jedhee amanuudhaa baadhullee nan baradha... jechuunis waan hin taaneedha.
Walumaagalatti af-gaaffiirratti hanqinoota qabnu ibsuurra muuxannoolee qabnu dubbachuun gaariidha.
''Hin beekuu'' deebii jedhu kennuun garuu sirrii miti.