Daanyaan Somaaliyaa US viizaa dhorkatte Waancaa Addunyaarraa akka hafu FIFAn ibse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Murteessaan kubbaa miillaa (daanyaan) Somaaliyaa erga Ameerikaa seenuu dhorkamee booda Waancaa Addunyaarraa akka hafu jaarmiyaan kubbaa miillaa addunyaa bulchu FIFAn beeksiseera.

Bara 2025 murteessaa (daanyaa) cimaa jedhamuun kan badhaafame Omaar Abdulqaadir Artaan murteessitoota Waancaa Addunyaa US, Kanaadaa fi Meeksikoon waliin qopheessinaniif filataman keessaati.

Garuu aanga'oonni US akka hin seenne dhorkan. Artaan balalii Istaanbul irraa ka'een erga Mayaamii qubatee booda, addatti qorannoon dabalatee irratti gaggeeffame.

Eegdonni daangaa erga qoratanii booda addatti fooyanii daangaa US seenuu ittisan.

Aanga'aan Gumuruukaa fi Eegumsa Daangaa US (CBP) Artaan ''US seenuuf ulaagaa seeraa waan hin guutneef'' dhorkamuu CNNtti himan.

Qaamoleen nageenyaa erga sakatta'anii booda Ameerikaa seenuu akka dhorkan himuurraan kan hafe, sababa itti dhorkame bal'inaan hin ibsine.

Somaaliyaan biyyoota Pirezidant Doonaald Tiraamp akka lammiileenshee US hin seenne dhorkaa irra kaa'e keessaa tokko.

Erga bulchiinsi Tiraamp biyyootarra dhorkaa viizaa kaa'ee namoota biyyoota alaarraa gara US imalanirratti sakatta'iinsaa fi qorannoo cimaatu taasifama.

FIFAn ibsa baase keessatti hojimaata immigireeshinii biyyoota dorgommii kubbaa miillaa qopheessanii keessatti ga'ee akka hin qabne eere.

Eenyu akka seenuu fi hin seenne eeyyama kennuu fi dhowwachuu kan danda'u biyya qopheesse ta'uu ibse.

Waldaan Kubbaa Miillaa Somaaliyaa dhimma kanarratti FIFA quunnameera.

Aanga'oonni Somaaliyaa murteessaan Ameerikaa seenuu dhorkame Artaan, dokumanatii seera qabeessaa fi paaspoortii dippiloomaatii eessattuu imaluuf isa dandeessisu qaba jedhan.

Taateen kun wayita biyyoonni kaanis Waancaa Addunyaarraa dhorkamuu himatanitti dhagahame.

Keessattuu biyyoonni Afrikaa hedduun viizaa Ameerikaa waan dhorkamaniif dorgommii addunyaa kanarraa qoollifatamuu komataniiru.

Biyyoota garee kubbaa miillaa isaanii rakkoon akkanaa mudachuu ibsan keessaa tokko Iraan.

Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miillaa biyyattii Mahdii Taaj taphattoonni isaanii tapha guyyaa tokkoof US seenanii akka ba'an eeyyamuu ibsanii, miseensonni kaan garuu dhorkamuu himan.

Bara 2018 murteessaa kubbaa miillaa (daanyaa) kan ta'an Omaar Artaan, dorgommii waancaa biyyoota Afrikaa (AFCON) dabalatee, dorgommiiwwan ispoortii hedduurratti murteessaa ta'ee hojjeteera.

Lammiileen Somaaliyaa namni kun murteessaa Waancaa Addunyaa ta'ee filatamuun Somaaliyaafis ta'e guutummaa Afrikaaf milkaa'ina guddaa akka ta'etti gammachuu ibsataa turan.

Garuu sababa US gara biyyashee seenuu dhorkiteef dorgommii kanarraa hafuun baayyee isaan mufachiiseera.

Omaar Artaan murteessaa idiladdunyaa ta'uun Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa (CAF) fi FIFA dhaan beekamtii argateera.

Waldaaleen kubbaa miillaa addunyaarra jiran hunduu FIFA jala kan jiran waan ta'eef Omaar Artaan CAF jalatti galmaa'ee beekamtii argachuunsaa FIFA jalatti akka beekamtii argatu isa taasisa.

Omaar Artaan murteessitoota (daanyota) biyyoota Afrikaa 20 caalan irraa walitti dhufan waliin Masiriitti leenjii murteessummaa fudhateera.

Murteessaan kun kanaan dura dorgommii kubbaa miillaa taphattoota Afrikaa umrii waggaa 20 gadii fi 23 gadii taphachiiseera.

Dorgommii Kubbaa Miillaa Afrikaa (CAF) taphattoota umrii 23 gadii bara kana Masirii fi Morookoo gidduutti Morookootti taphatame irratti hirmaachuun murteessaa ta'ee tajaajileera.

Taphoota Chaampiyoonsi Liigii Afrikaa fi taphoota gulaallii Waancaa Addunyaas taphachiiseera.

Bara 1995 magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqadishootti kan dhalate Omaar Artaan, barnootasaa hanga sadarkaa olaanaatti Moqadishootti hordofe.

Barnoota Development Studies jedhamuun digiriisaa kan argate, murteessaan tattaaffii ijoollummaarraa kaasee taasiseen damee kubbaa miillaa keessatti sadarkaa kanarra ga'uu BBCtti hime.

Guyyaa tokkotti Waancaa Addunyaarratti hirmaatee akka taphachiisu abdii qabaachaa akka ture ibsee ture.