Biyya Paarlaamaa keessatti dubartii tokkollee hin qabne

Madda suuraa, Getty Images
Vaanu'aatuu keessatti walqixxummaa korniyaaf kan qabsooftu Yasmiin Bornuum dubartoota irratti sarbamni mirgaa hanga kanaa qaqqabuun nagaa miti. "Sirna murtee olaanaa biyyattii murteessuu keessatti dubartoota dhabuun nagaa miti'' jetti.
Aardii Oshiiniiyaa, Kibba garba Paasifikiitti odolawwan 80 ta'an irraa biyyi ijaaramte Vaanu'aatuun miseensotni paarlaamaa qabdu 52, hundi isaanii dhiirota.
Bakka bu'ootni uummataa biyyatti hunduu dhiira ta'uun biyyi kun tarree biyyoota sadii yeroo ammaa paarlaamaan isaanii dubartoota hin qabne keessaa tokko taateetti.
''Dhimmi keenyi, wantootni dursa laannuuf qaama murtoowwan gurguddoo biyyattii murteessu keessatti iddoo hin aragannee'' jetti Bornuum.
Kanarraa kan ka'e bara 2016'tti intarneet fayyadamuun maqaa 'Sista' jedhuun dubartoota biyyattii hubachiisuu eegalte.

Madda suuraa, Chris Morgan/BBC
Biyyittii keessattii dubartootni siyaasa keesatti hirmaannaa gahaa akka hin qabaanne danqaaleen jiran hedduudha.
''Paartileen siyaasaa hunduu dhiirotaan hoogganamu. kaadhimama isaanii ofii filatu. achiis filannoon booda gara paarlaamaatti kan ergaman dhiirotuma''
Seenaa biyyattii keessatti dubartoota shan paarlaamaa biyyattii galuu danda'an keessa tokko Hildaa Liinii jedhamu.
Waggoota 11'f miseensa paarlaamaa turan.
Amma miseensi tokkoyyuu dhibuun biyyarraan miidhaa guddaa gahaa jedhu. Seerri fayyaa maatii 'Family protection Act' seera ta'ee bahuuf dhiirota kanattii waggaa sagal fudhatee jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni lamaan biroon paarlaamaa keessatti dubartoota hin qabne paapaaw Niiw Giinii fi Mikrooneesiyaadha.
Isaanis akkuma Vaanu'aatuu biyyoota odolawwan xixiqqoo hedduurraa ijaaramaniidha.
Amma dubartootni biyyattii walqixxummaa koorniyaa biyyattii keessatti mirkaneessuuf akkasumas diinagdeefi hawaasummaan of jabeessuuf qabsootti jiru.

Madda suuraa, Chris Morgan/BBC
Vaanu'aatuun lammiilee 275,000 kan qabduyommuu ta'u, lammiileen harki caalaan amantaa Kiristaanaa kan hordofu ta'us, dubartootarratti yakki raawwatamu hangaan guddaadha.
Akka namoonni walqixxummaa koorniyaaf qabsaa'an jedhanitti biyyattii keessatti dubartoota umurii 15 gadi jiran sadii keessaa tokko durba ta'uu isheen ni qoccolamti.
Namoota manneen hidhaa jiran keessaa harka 60 kan ta'aniis sababuma yakka kanaan kan hidhamaniidha.
''Walqixxummaan koorniyaa akka mirkanaa'u yoo deeggaruu baatte biyyattiin hin jijjiiramtu'' jetti Bornuum.

Madda suuraa, Getty Images
Amma biyyattii keessatti paartii siyaasaa miseensotni isaa hundi dubartoota ta'an hundeessuun jijjiirama hawwan fiduuf jiru.
Paartii miseensotni isaa hunduu dubartoota ta'an 'Leleon Vanua Democratic Party' Hiildaa Liiniin kan hoogganamu yommuu ta'e, filannoo bara 2020 gaggeefamurratti hirmaachuuf jedhu.
Kaayyoon isaaniis walakkaan teessoo paarlaamaa dubartootaan akka qabatamu gochuudha.

Madda suuraa, Chris Morgan/BBC
















