DJ Arafaat: Weeliisaan beekamaa Ivorii Kost balaa tiraafikaan due

DJ Arafat

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, DJ Arafat
Maxxanfame

Biyya Ayvorii Kost keessatti DJ Arafaat, baayyee beekamaafi biyyoota Afrikaa biroo Afaan Fireenchiin dubbatan keessatti haalaan bekamaa ta'e balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun isaa akka darbe TV'n biyyattii RTI jedhamu gabaaseera.

Weellisaan beekamaa kun Wixata ganama yeroo lubbuun isaa darbe umuriin isaa ganna 33dha.

Namni kun akka "mootii' dhiichisa coupé-décalé jedhamuutti ilaalama. Sirba inni hedduu ittiin beekamu, Dosabado jedhamu ammoo Yuutiyuub irratti miliyoona shanii ol daawwatameera.

Weellisaan kun jaalala motoraa/doqdoqeedhaaf qabuunis ni beekama ture. Kanaafis, sirba isaa kan dhiyoo baatii Caamsaa keessa gadhiise keessattis Moto Moto jechuun sirbee namoonni miliyoona afurii ol ta'an Yuutiyuub irratti daawwataniiru.

Ministirri Aadaa Ayvoori Koost Maurice Kouakou Bandaman gadda isaanii ibsatanii nama muuziqaan beekamaa ta'e kanaaf kabaja agarsiisuudhaaf sirni gaggeessaan ni raawwatamaaf jedhan.

Weellistoota bebbeekamoo ta'an akka Daavidoo warra Naajeeriyaafi raapperiin warra Ayvoori Koost dabalatee jaallawwan isaa kan ta'an artistoonni hedduunis gadda isaanii ibsachaa jiru.

DJ Arafat

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, DJ Arafat

DJ Arafaat, maqaan isaa kan sirriin Ange Didier Huon yommuu ta'u, badhaasa Coupé-Decalé Awards jedhu irratti bara 2016 fir 2017 artistii hunda caalaa beekamaa ta'ee badhaafameera.

Coupé-decalé (jechuun "murii/kutii fiigi jechuudha"). Wallee yeroo Ayvoorii Koost wal waraansa keessa jirtu jalqaba jaarraa 20ffaa keessa kan uumameefi hangam rakkoon walitti bu'insaa jiraatellee dargaggoonni bohaaruu barbaadu jechuun dubbateera gabaasaan BBC Hatouma Diarra Abijaan irraa.