US Ministira haajaa alaa Iraan Javaad Zaraiif irra qoqoobbii keesse

Ministira haajaa alaa Iraan Javaad Zariif

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Waajiirri maallaqaa (department of the treasury) Ameerikaa Ministira haajaa alaa Iraan kan ta'an Mohaammad Javaad Zariif irratti qoqqobbii kaahe.

Qoqqobbiichi qabeenya kamuu Zariif Ameerikaa keessatti kuufataniifi harka dhaabbilee Ameerikaa jiran akka hin sochoone kan dhorkuudha.

''Javaad Zariif ajandaa hoogganaa olaanaa Iraan ( Ayaatollaah Alii Hamiinee) balaa qabu raawwachiisu'' jechuun sababni qoqqobichi irra kaahameef hoogganaa waajira maallaqaa US Steeven Muuchiin himaniiru.

Zariif addunyaa guutuutti dubbii himaa isa olaanaa bulchiinsa Iraaniitis jedhan.

''Amalli Iraan dhiyeenya kana agarsiisaa jirtu gonkumaa fudhatama kan hin qabne ta'uu Yunaayiteed Isteets ergaa ifa ta'e dhaamaa jirti,'' jedhaniiru.

Zariif US isaan irratti qoqqobbii kan keesse ajandaa qabattee jirtuuf yaaddoo waanan ta'eefi jechuun twiitara isaaniirratti barreessaniiru.

Qoqqobbiin US isaan irra keesse karaa kamiinuu isaanis ta'e maatii isaanii akka hin miines dubbatan.

Iraaniin alatti qabeenyiin anikaawwadhe hin jirus jedhan.

''Anaan ajandaa keessanitti yaaddoo guddaa akkan ta'e yaaduu keessaniif galatoomaa.''