Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaanitti ammas mormiin biyyaalessaa deebi’ee ka’e
Ajjeefamuu barattootaatu mormiin guutuu biyyattii keessatti deebi'ee akka ka'u sababa ta'e.
Kutaa bulchiinsa Kaaba Kordofaan keessatti barattoota mormiif bahan keessa shan waraana biyyattiin ajjeefamaniiru.
Kanneen ajjeefaman keessaa afur ijoollee sadarkaa lammaffaa barataniidha.
Dhaabbilee Sudan keessatti jijjiiramni akka dhufu dhiibbaa uumaa jiran keessa adda duree kan ta'e, Waldaan Ogeeyyii Sudaan ajjeechaa kanaaf Manni Marii Waraanaa biyyatti itti gaaftamaadha jedha.
Ajjeechaa alanaa kana sabeebachuunis guutuu biyyaatti mormiin akka gaggeefamu dhaameera.
Manni Maree kun atattamaan aangoo gara qaama waraana hin hidhaneetti(civilian) akka dabarfamus gaafateera.