Halleellaa Waxabajjii 16 fi taatewwan hindubatamiin

Maxxanfame

Ministirri Mummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad guyyaa itti aangoo qabatanii kaasee haasawwan taasisaniifi tarkaanffiiwwan yeroo gabaabaa keessatti fudhataniin deeggarsa lammiilee Itoophiyaa baayyee hawwachu danda'aniiru.

Deeggarsa isaanii kanas ifatti mullifachuuf koree hawaasaa tokko hundeeffamuun Waxabajjii 16, bara 2010 adabaabaayi Masqalaatti hiriira ummataa gaggeessuuf midiyaaleen kan beeksisee, guyyaan hiriiricha erga jala bu'ee ture. Kaanis qophiin attattamaan waan raawwatameef fiixaan bahu dhiisuu danda'a jechuun shakkaa turan.

Garuu sochii qindeessitoonni hiriirichaa taasisaniin, jiraattoonni magaalaa Finfinneefi naannooshee qophii hiriirichaatiif sochiilee adda addaa yoo taasisan mulatu turan. Tishartiifi maxxansiwwan suuraa Ministira Mummee qaban magaalaa keessatti baliinaan nagadaman.

Hiriiricharrattis ministirri mummichaa akka argaman waan himameef, guyyaa Sanbata Waxabajjii 16 bariin ture hirmaattoonni hiriirichaas kallattii afraniinu gara adabaabayichaatti yaa'u kan eegalan. Kanaafu sa'aatii qophiitiin dura adabaabaayichi namoota kumaatamaan lakkaa'amaniin kan gutame ture.

Hirmaattoota adabaabaayi Masqalaatti argaman keessaa irra caalaan uffata suuraa Dr Abiy qabuufi akkasumas dhaadannoowwan adda addaa qabachuun ture kan argaman.

Muummichi Ministiraas uffata yeroo kaan uffataanirra adda ta'e fi barmeexaa akkasumas golgaa ijaa gurraacha keewwatanii qondaaltota motummaa kan biroo waliin addabaabayii wayita qaqqabaniittis ummanni walitti qabame ture siiksuufi gammachuun simatani.

Isaanis waltajjirraa kallatti gargaraatti naanna'un ummata galateeffatan.

Miidiyaaleen biyya keessaa harki caalaan hiriira kana kallattiin addabaabayii Masqaalaarraa dabarsaa waan turaniif namoota hedduutu hordofaa ture.

Kaayyoon hiriira uummataa addabaabahii dirree Masqalaa kanaa inni guddaan, MM Abiyi Ahmad namoota achitti walitti qabamuun harka walitti rukute simante galateenfachuu fi karoora isaanii gara fuulduraa ilaalchisuun erga haasawa taasisuun xumuraniin akkuma gara teessoosaaniitti deebi'anii waanti nama rifachisu kan mudate.

Dho'iinsa

Namni waltajjicha beeksisaa ture akkuma kan afaan Amaaraatiin dubbatame gara Iniliffaatti hiiku eegaleen, kallattii teessoo MM fi qondaaltotni mootummaa biroon cinaa sagaleen dhuka'aa dhaga'ame.

Haata'u malee yeroo sanatti dhuka'aa boombii ta'u battala kan baran namoota waltajjichatti dhiyoo turaan qofaadha.

Sagaleen dhuka'aa akkuma dhaga'ameen MM fi namoonni itti dhiyoo turan teessoorraa ka'uun gara itti dhohe osuma millachaa jiranu, eegdonni MM marsuun muddamaan waltajjirraa buusanii konkolaataa seensisuun gara waajjirasaanii geessan.

Iddoo boombiin itti dho'e biratti jeequmsa waan mudateef humnoonni tikaa namoota miidhaman gargaaruuf yaalaa turan.

Hiriirtonni waltajjiirraa fagaatanii turanii fi namoonni TV'n hordofaa turan maaltu akka mudate homaa quba hin qaban ture.

Midiyaalee sirnichaa waltajjirratti raawwatamaa ture kallattii tamsasaa turan keessaa tokko ETV yoo ta'u, suuraalee dho'insichaan booda dhiyeessaa turees kan waltajjiirraa fagaatan ture.

Haleellaan raawwatamuun isaa erga miidiyaalee hawaasaa fi kanneen birootiin ibsame booda, uummata keessattu, namoota addabaabahii sana turanitti naasuufi aarii itti uumee ture. Namoonni muraasni MM irra miidhaan waan qaqqabe itti fakkaate miira aarii keessa galanii turan.

Haata'u malee, MM waajjirasaanitti deebi'anii daqiqaa muraasa booda TV biyyaleessaatiin dhiyaachuun nagaasaanii ta'u himuun, namootarraa garuu bombiin miidhaan gahu erga himanii booda dallansuun kallattii gadhiisuuf ture qabbanaa'e.

Haata'u malee, namoonni hiriiricharratti hirmaatan muraasni tarii balicha waliin hidhata qaba konkolaata jedhan haleeluu eegalan.

Dho'iinsa booda

• Dho'iinsaan booda tajaajlli elektikii fi bilbilaa addaan cite. Sababii kanaanis bilbilaan wal arguun rakkisaa ta'e ture.

• Tajaajilli bilbilaa addaan citnaan haala nageenya namoota hiriira deeggarsaa kanarratti hirmaatani waan hin beekamneef yaaddoo uumee ture.

• Guyyota muraasa boodas biiroon MM ''hiriirrichi akka gufatuuf jechu, gochii tajaajila ibsaa fi Neetwoorkii bilbilaa addaan kutuu raawwatame'' jechuun gochichi kan itti yaadamee raawwatame ta'u agarsiise.

• Televizhiniin biyyaaleessaa ETV'n Dho'iinsaan booda kaameeran achi ture suura otoo hin agarsiisiin hafuu hojjataan dhaabbatichaa achi ture BBCtti himeera.

• Boodarraa shiboon kaameraa namoota hin beekamneen cituun Kaameeraan miidhamee ture.

• Dho'iinsaan booda hiriirtonni dallansuun namoota qooda qabachuutti shakkanis reebaniiru. Poolisoonni dhaabsisuuf giddu seenanis konkolaattootni caccabaniiru.

• Yeroo dho'insi mudaterra eegalee MM dabalatee anga'oonni olaaanoon namoota miidhaman hoospitaala deemanii gaafachaa turan, dhiigas arjoomanii turan.

• Boodarra poolisoonni fi humnoonnii tikaa harka keessaa qabachuun shakkamanii fi dirqamasaani hin bane jedhaman to'atamuun gabaafame.

• Biiroon MM jijjirama dhufe gufachiisuuf shira xaxame koreen qoratuu fi gochasaanii qorachuun seeeratti dhiyeessu hundeeffamuun ibsame.

• Ogeeyyiin FBI yakka Ameerikaatti raawwatamu qorachuu fi to'achuu fi qorachuun beekaman deeggarsa kennuuf ergamuun ibsame.

• Sadaasa bara darbee abbaan alangaa Federaalaa obbo Biraanuu Tsaggahee dho'iinsa boombii itti gaafatamaa humna tika biyyaaleessaa kan turaniitu hoogganee jedhan.

Har'a ammoo waggaa tokkooffaa yaalii ajjeechaa MM'tti aanga'oonni motummaa afur ajjeefamuun dhagahameera. Gochi ajjeechaa raawwatame kunis walirraa olee ykn itti yaadame raawwatamusaa gara fuula duraatti kan adda bahu ta'a.