Rakkina Libiyaa: Osoo kumaatamni walitti bu'iinsa baqatanii buufanni xiyyaaraa haleelame

Planes on tarmac

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa qilleensaatiin balaan qaqabee jiraachuun hingabaafamen
Maxxanfame

Motummaan Gamtooman haleelaa buufata xiyyaaraa magaalaa guddittii Liibiyaa Tirippoolii keessatti hojjataa ture tokkicha irratti Wiixata darbe raawwatame balaaleeffate.

Balal'iinsii Buufta xiyyaara Idil-addunyaa Mitigaa kan haqamuufi imaltoonnis akka baha yoo taasifaman miidhaan qaqqabe jiraachuun hin gabaafamne.

Motummaan Gamtoomanis halleellaa qilleensaa kanaaf humnootii amanamoo Jenaraal Khaalifaa Haaftaar ammoo hajajaa baha kan magaalaa gudditti biyyattii to'achuuf yaalaa jiruu komataniiru.

Dubbii himaan humnoota Jeneraal Haaftaar fi xiyyaaroonni siivilii akka hin xiyyeefatamiin, Royitarsi gabaaseera.

Janaraal Haaftaar kan Waraana Biyyaaleessaa Libiyaa (LNA) hogganani gama isaanitiin, torbee darbe keessa motummaa UN'n deeggaramu irraa Tirippoolii fudhachuuf tarkaanfii akka fudhatu beeksiisee ture.

Ministirri mummee biyyattii Faayez al-Seraaj fonqolacha gaggeessuuf jechuun isa himatu.

Hanga ammaattis yoo xinnaate namoonni gara 2,800 ta'an naannoo Tiriippooliittii gadhiisanii bahusaanii, Motummoonni Gamtooman beeksiiseera.

Kana malees warreen hafanis sababiidhuma walitti bu'insichaatiin tajaajilawwan bu'uraa dhabuun balaaf saaxilamaa jiruus jedheera.

Libiyaan erga yeroo dheeraatii kaasee keessattuu erga Muammar Gaaddaafiin bara 2011 tti ajjeeffamiin as jeequmsa, tasgabbii siyaasaa dhabiinsaa fi qabsoo aangoo keessatti argamti.

Akkuma haalli biyyattii cimaa adeemeenis aanga'oonni addunyaas namoota isaanii biyyattii baasaa jiru.

Walitti bu'insa haaraa maaltu jira?

Ogganaan Motummoota Gamtoomanii kan Libiyaatti argamu, Ghassan Saalaame akka Wiixata jedhaniiti, haleellaan qilleensaa raawwatame kan seera namoomaa dhorkame cabseedha. Kunis bu'uraalee sivilii irratti waan xiyyeefateef jedheera.

Obbo Saalaame akka jedhaniitti, haleellichi ''jeequumsi lafarraa cimuusaa kan agarsiisuudha.''

Dubbii himaan LNA Ahimad Mismaarii akka Royitarsiitti himaniitti, kan xiyyeefatame tures ''xiyyara MiG amma buufata xiyyaarichaa dhaabataa jirudha.''

Buufanni xiyyaarichaas humnoota milishaa cimaadhaaf bu'uura yoo ta'u, to'annoo ministira dhimma biyya keessaa kan motummaa jalatti bula, akka gabaasaan BBC Afriikaa Kaaabaa Raanaa Jaawaad himaniitti.

Bufanni xiyyaaraa qabanaa'aa fi dullomaan Tirippooliitti argamu kunis dhiheenya kana keessa bakka walitti bu'iinsaa ta'eera.

Jeneral Haftaar

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Haftaar loltoonnisaanii Tirippooli akka qabatan ajajan

Jeneraalichi bara 1969 Gaadafiin deeggaraniiru otoo gara Ameerikaatti hin baqatiin.

Gaafa diddaan Gaadaafiirratti jabaatu garuu hoggaana garee mormituu ta'an.

Loltoonnisaa kibba Libiyaatti babal'achuun buufta boba'aa jalqaba bara kanatti qabataniiru.

Waltajjiin Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii torban tokko booda qindeessuu filannoo haaraaf kallattii akka kaa'utu eegama. garuu taa'amuun shakkisisaadha.