Senegaal Goda-hambaa qarooma gurraachotaa bante

Hojii aartii goda-hambicha keessa jiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Yaadni Goda-hambaa kana ijaaruu kan dhiyaate waggaa 50 dura
Maxxanfame

Pireezidantiin Senegaal Maakiiy Saal Goda-hambaa qaroomina gurraachotaa magaala guddoo biyyattii Daakaaritti ijaarame eebbisiisanii bananiiru.

Agarsiisota jalqaba dhiyaatan keessa hojiileen aartii aartiistota Maalii fi Burkinaafaasoo Afrikaa keessaa, Kuubaa fi Heeytii ammoo Afrikaan alaa ni dhiyaata jedhameera.

Waggoota dheeraaf lafarra harkifamaa erga turee boodadha ijaarsi goda-hambaa kanaa deeggarsa mootummaa Chaayinan kan xumuramee eebbaaf gahe.

Firaans hojiilee aartii wayita kolonii biyyoota Afrikaa keessaa hatte akka deebiiftus Senegaaliifi biyyoonni Afrikaa biroon wamicha dhiyeessaniiru.

Maakiiy Saal Preezidantii Senegaal
Ibsa waa'ee suuraa, Maakiiy Saal Goda-hambaa qaroomina gurraachaa yoo eebbisan

Yaadni goda-hambaa kana ijaaruu kan dhiyaate waggaa 50 dura pireezidantii Senegaal duraanii, waloo jabaadhas jedhaman Li'oopold Sedar Seengaariin ture.

Seengaar barreesaa Eme Sezeer waliin bu'uura Falaasama 'Négritude' jedhuufi gocha aadaa Firaans biyyoota Afrikaafi Kariibiyaan irratti fe'uuf godhamu mormuu kaa'aniidha.

Hojii artii mukarraa hojjetame

Madda suuraa, Museum of Black Civilisations

Daayireekatarrii goda-hambaa kanaa bakki kun bakka kalaqa aartiin eenyummaa aardichaa agarsiisan itti yaalamu ta'a jedhan.

Torbanoota dhufan keessattis uummataaf banaa ta'a jedhamee abdatama.

Hojii aartii goda-hambicha keessa jiru

Madda suuraa, Museum of Black Civilisations

Ibsa waa'ee suuraa, Hajii aartii lammii Kuubaa

Gaazexessaan aartii lammii Senegaal BBC'f hojjetu Amaaduu Mustaafaa ''goda-hambaan kun nuuf tarkaanfii tokko fuuladuratti'' jedha.

Afrikaanonni amma dhufanii seenaa isaanii daawwachuu danda'uus jedha.

Hojii aartii goda-hambicha keessa jiru

Madda suuraa, Museum of Black Civilisations

Dizaayiniin gamoo goda-hambaa kanaa ijaarsa mana aadaa naannoo Kibba biyyattiitti beekamuun fakkeefameera. Magaala Dakaariif miidhagina dabaleera.

Gamoo god-hambichaa

Madda suuraa, Elimane Fall

Hojii aartii goda-hambicha keessa jiru

Madda suuraa, AFP

Preezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon hambaaleen Afrikaa hayyama malee fudhataman biyya irraa dhufaniitti akka deebi'an yaada dhiyeessaniiru.

Ministirri Aadaa Senegaaliis ''wanti Senegaal hundi Firaans jira'' jechuun ibsa kana gammachuun simatan.

Hojii aartii goda-hambicha keessa jiru

Madda suuraa, Museum of Black Civilisations

Hojii aartii goda-hambicha keessa jiru

Madda suuraa, Museum of Black Civilisations

Biyyoota Afrikaa kolonii Firaans jala turan keessaa hojiileen aartii Chaad hedduun Firaansitti argamu.

Hojii aartii goda-hambicha keessa jiru

Madda suuraa, Museum of Black Civilisations

Hoogganaan Goda-hambaa kanaa Senegaaliin ''wiirtuu kalaqaa fi aadaa gurraachotaa goona'' jedhaniiru.