Haleellaa Israa'eliin gidiraa Gaazaatti hammaate

Haalli jiraattota Gaazaa keessaa hammaachaa kan jiru ennaa tahu; bishaan, nyaata, qorichaa fi tajaajilli ibsaa garmalee xiqqaachaa jiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraanni Israa’el akkatti gaazexeessaan Rooyitars du’erratti deebii kenne

    Issaam Abdallaa

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Issaam Abdallaa

    Waraanni Israa’el ibsa Rooyitars du’a gaazexeessaa Issaam Abdallaa Jimaata darbe Kibba Libaanoonitti ajjeefame ilaalchisee baaseef deebii kenne.

    Waraanni Israa’el akka ibsetti, yeroo inni du'u sana gareen hidhattoota Libaanoon Hezbollaan daangaa Israa'elii fi Libaanoon haleelaa ture.

    Akka waraanni Israa’el jedhutti, Hezbollaan misaa’ela farra taankiitiin dallaa daangaa Israa’el rukute. Sana booda loltoonni Israa'el daangaa Israa'el keessa ''seenuuf jedhanii'' shakkuun taankii fi madfii dhukaasan jedhan.

    Sa'aatii muraasa booda, yeroo sanatti gaazexeessitoonni akka miidhaman waraanni Israa’el gabaasa argate.

    Taatee sana amma qorachaa jirra jechuun ibse.

  2. Gabaasa kallattii Dilbataan walitti deebineerra

    Raayyaan Israa'el dhiyeenya daangaa Gaazaa lakkoofsa guddaan walitti qabamaa jira

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Raayyaan Israa'el dhiyeenya daangaa Gaazaa lakkoofsa guddaan walitti qabamaa jira

    Erga Hamaas Israa’el irratti haleellaa raawwachuun namoota 1,300 ol ajjeessuun kaan butee deeme torban tokko darbe.

    Kana hordofee haleellaa qilleensarraa Israa'el Gaazaatti gaggeessaa jirtuun namoonni 2,200 ol ajjeefamaniiru.

    Waraanni Israa'el haleellaa gama lafoo, qilleensaa fi bishaanirraa jalaqabuuf karoorfachuu ibsa baaseen hime - tahus yoom akka tahu hin himne.

    BBC News Afaan Oromoo taateewwan waraana kanaan walqabatan jala jalaan hordofuun fuula kanarratti maxxansina. Nu hordofaa.