Haleellaa Israa'eliin gidiraa Gaazaatti hammaate

Haalli jiraattota Gaazaa keessaa hammaachaa kan jiru ennaa tahu; bishaan, nyaata, qorichaa fi tajaajilli ibsaa garmalee xiqqaachaa jiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lammiileen Israa'el 500,000 ta'an qe'eerraa buqqa'an - Raayyaa Ittisa Israa'el

    Hamaas torban Sambata darbe haleellaa gara jabinaa biyyattiirratti erga raawwateen booda lammiileen Israa’el gara walakkaa miliyoonaa ta’an qe’eerraa buqqa’an jedhe Waraanni Israa’el.

    Dubbi himaan Waraana Israa’el Jonataan Konrikaas ibsa toora interneetiin kennaniin, "Hawaasni naannoo Gaazaa hundi qajeelfama mootummaan kenne hordofanii baafaman.

    Namoota nagaa naannoo lolaa sanatti akka argaman hin barbaannu," jedhan.

    Lammiileen Israa’el buqqa’an 500,000 kun waldhabdeen garee hidhattoota biraa Hezbollaa waliin dabalaa dhufe hordofee hawaasa naannoo daangaa kaaba biyyattii Libaanoosirraa buqqa’an kan hammatu.

    Haleellaan misaa'elaa xumura torban darbee Hezbollaan raawwatameen lammii Israa'el nagaa fi loltuu tokko ajjeeseera.

    Gama biraatin, namoonni miliyoona tokkoo ol ta’an naannoo Gaazaa keessaa buqqa’aniiru. Mariin koridoorii gargaarsa namoomaa gargaarsi akka seenu fi namoonni Gaazaa keessaa akka bahan eeyyamu irra-deddeebiin diigamee jira.

    ''Haala rakkoo namoomaa guddaa Israa'el keessatti mul'atu dubbachaa jirra,'' jedhan Mr Konrikaas. Garuu ''haalli Gaazaa caala kan hammaataa ta'uu, akkasumas ''sekondii tokkoof illee wal jala jijjiiruu akka hin barbaanne'' beeksisan.

  2. Gaazaa baqachuu: ''Eessa deemaa akka jirru hinbeeknu''

  3. MM Maalizhiyaa Hamaas-Filisxeemiif deeggarsa ‘hin raafamne’ akka qaban irra deebiin himan

    Anwaar Ibraahim

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Anwaar Ibraahim

    Ministirri Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahim biyyisaanii ''deeggarsa hin raafamne uummata Filisxeem'' Hamaasiif qabaachuu himan.

    Ibraahim Ittigaafatamaa Biiroo Siyaasaa Hamaas Ismaa'il Haniyeeh waliin bilbilaan haasa'uu dubbatan.

    ''Haala hamaa Gaazaa keessa jiru ilaalcha keessa galchuun, atattamaan haleellaan boombii akka dhaabbatuufi Raafaa keessatti ulaan deeggarsa namoomaa akka hundeeffamu cimseen gaafadha,'' jechuun Ibraahim fuula X, kan duraan tiwiitara jedhamuun beekamurratti maxxansan.

    "Israa'el siyaasa qabeenyarraa buqqisuu hordofuu ishee dhiistee, Hamaas waliin atattamaan dhukaasa dhaabuufi waldhabdee deemaa jiru xumuruuf murtoo nagaa dhugaadhaan hordofuunis dirqama."

    Haala kanaan gargaarsa namoomaa, keessumaa bifa nyaataafi qorichaatiin namoota rakkataniif kennuuf kutannoo qabna

  4. Akkam jirtu?

    Gabaasa kallattii dhimma Israa'eliifi Filisxeemitti deebineerra.

    Rookkeettii dhukaasuun akkuma itti fufetti jira.

    Haalli hammaataa Gaazaa keessa jirus akkasuma itti cimeera.

    Kun osoo kanaan jiruu ammoo Pirezidantiin US Joo Baayidan Israa'el daawwachuuf jedhamaa jira.

    Kanneen jedhaniifi kaan isiniif dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa.

    Mandara Gaazaa haleellaan barbadaa'e

    Madda suuraa, EPA

  5. Hordoftoota keenya gabaasa kallattii har'aa goolabne

    Bor ganama odeeffannoo haaraa waraaana Israa'eliif Hamaas ilaallatuun dachaana.

    Nagaan bulaa!

  6. Iraan waraanni gara naannolee kaanitti babal'ataa jira jechuun akeekkachiifte

    Ministirri Haajaa Alaa Iraan, Hoseen Amiirbidoollaahiin waraanni Israa'elii fi Hamaas gara adda waraanaa birootti babal'achuun ''gara sadarkaan hin hafnetti siqaa jira, '' jedhan.

    Ibsa X irratti baheen, ''yeroon furmaata siyaasaa darbaa jira,'' jechuun Israa'el Gaazaa irratti ''yakkaa fi ajjeechaa raawwachuun,'' himatan.

    ''Haasaa hogganoota Maaleezhiyaa, Paakistaaniifi Tunisiyaa waliin taasisaniin.Yakk Zaayanistii Gaazaa irratti raawwatu hatattamaan akka dhaabtuufi deeggarsi namomaa akka qaqqabu, '' jechuun barreessan.

    ''Ammas jala mureen dubbadha yeroo furmaata siyaasaa dhumaa jira; lolli gara adda waraanaa birootti babal'achuun sadarkaa hin hafnerra gaheera,'' jedhan.

    Meeshaalee waraanaa  Israa'el dhihoo daangaa Libaanositti.

    Madda suuraa, EPA

  7. Hamaas magaalota Israa'el irratti haleellaa haaraa raawwachuu hime

    Gareen hidhataa Filisxeem Hamaas har'a magaalota Israa'el Teel Aviivifi Yeruusaleemitti ''misaayela dhukaasuu'' himeera.

    Birgeediin Al Qassaam ibsa baaseen, haleellaan miilanaa ''isa Israa'el namoota nagaa irratti xiyyeeffatteef,'' haaloo bahuufi jedheera.

    Gaazexeessituun BBC sagalee dhukaasa rookkeettii dhagahuun booda dahoo Yeruusaalem jiru keessa akka turte himteetti.

    ''Waajirri BBC namootaan dhiphate hamma dhukaasi qabbanaa'utti kutaa ''baqannaa'' keessa turre jetteetti.

  8. 'Waraana dheeraafi gatii olaanaa kaffalchiisu taha' - Ministira Ittisaa Israa'el

    Ministarri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaat, ''waraanni kuni yeroo dheeraa kan fudhatuufi gatiinsaas olaanaa taha, garuummoo ni injifanna- uummata Yihuudiif, Israa'elif, akkasumas qajeelfama biyyooti lameen waloon qabaniif,'' jechuun Ministara Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkenitti himan.

    Ameerikaan deeggarsa Israa'elif kennaa jirtuufis galateeffataniru. Halleellaa Hamaasiin booda waraanni Ameerikaa- xayyaara waraanaa lama baha Meditaraaniyaanitti akka qubachiiftes eeraniiru.

    Yeroo amma Israa'el kan jiran Ministarri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken, Ameerikaan cichoomaafi dirqama Israa'el biyyaafi uummatashee eeguuf qabdu ni hubatti jedhan. Kanaanis, ''deeggarsi Ameerikaa yoomiyyuu wajjin jira, '' jedhan.

    Antoonii Bilinkeniifi Yo'aav Gaalaat
  9. Namoonni 1000 ol jijjigaa gamoowwanii jala jiru - qondaalota Gaazaa

    Namoonni 1,000 ol ammallee jijjigaa manneeniifi gamoowwan haleellaa qilleensarraa Israa'eliin manca'an jala jiru jedhe humni ittisaa Filisxeem.

    Iyaad Al-Bozoom dubbii himaa ministeera biyya keessaa Hamaasiin geggeefamuu yoo tahu lakkoofsa namoota achi buuteen hin baramne kanaa mirkaneesseera.

    Erga waraanni kuni torbee darbe eegalee lammiileen Filisxeem 2,750 kan ajjeefaman yoo tahu, 9,700 ammoo madaa'aniiru jedhe ministeerri fayyaa Filisxeem. Kanneen ajjeefaman keessaa 58 West Baank keessatti yoo tahu, 1, 250 kan tahanis madaa'aniiru.

    Gareen Gaazexeessitoota Filisxeem ammoo kanneen ajjeefaman keessa 11 gaazexeessitoota jedheera.

    Caccabaa manaa Gaazaa keessaa

    Madda suuraa, EPA

  10. Israa'el halkan edaa xiyyeeffannoowwan waraana Hamaas 100 ol haleelte

    Israa'el sa'aatiiwwan 24 darban keessas Gaazaa boombiin haleeluu itti fufteetti.

    Miidiyaalen Israa'el halkan edaa humni biyyattii xiyyeeffannoowwan waraanaa 100 ol haleeluu ibseera. Haleellaawwan kun kaampiiwwan, koomaandi poostiifi buufataalee rookkeettii farra taankii akka ta'aniis gabaasan.

    Qondaaltotni fayyaa Paalistaayin hanga ammaa lakkoofsi namoota haleellaa Israa'eliin ajjeefamanii 2,700 gahuu ibsu.

    Gamoo jireenyaa haleellaa Israa'eliin barbadaa'e

    Madda suuraa, Reuters

  11. Bilinken mariif gara Israa’elitti deebi‘an

    Blinken

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Antonii Bilinken

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken daawwannaa guyyoota afurii booda ammas Israa’elitti deebi‘an.

    Waraana Gaazaarratti marii ittifufuuf hoggantoota waliin Yerusaalemitti ni marii'atu jedhamee eegama.

    Bilinken Kamisa darbe jalqaba Teel Aviiv kan dhaqan Ameerikaan Israa’eliif deeggarsa qabdu agarsiisuuf ture.

    Sana boooda marii dippiloomaasii ittifufuuf jedhanii gara biyyoota Arabaa ja’atti imalan.

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden guyyoota dhufan keessatti waamicha biyyattiirraa erga argatanii booda Israa'el akka daawwatanitu himame

  12. 'Addunyaaf waantan dhaamu - jiraachuu barbaanna'

    Daa'ima ganna 15 Ramez Barhoum

    Raamez Barhum ol adeemaa umriin ganna 15ti.

    Raamez amma mana barumsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Kibba Gaazaa, Raafaa keessatti argamutti da'eeffateera.

    ''Mana keenya cinaatti boombiin dhohe. Namoonni nagaan ni ajjeefaman, maatiin guutuun mana keenya cinaatti, warri ijoolleesaanii waliin ajjeefaman. Garmalee sodaannee turre,'' jechuun BBC'tti hime.

    Manni kan eessumasaa cinatti argamus boombiin rukutamuu dubbate. Yeroo sana ture gara mana barumsaa kanatti kan baqate.

    ''Waanta suukanneessaan arge. Mucaa waggaa tokkollee hin guunne miilli isaa lamaa fi mataan isaa irraa cite, qaamnisaa ni ciccite [arge].

    "Ani dandamachuu dadhabeera. Ijoollee kana naannoo keessan ilaalaa, jiraachuu barbaaduu fi dhiisuu isaanii gaafadhaa," jedha.

    "Jiraachuu barbaanna. Abjuun keenya lubbuun jiraachuudha, kana qofa barbaanna."

  13. Kaampii baqattootaa Gaazaatti gamoowwan akkaan barbadaa'an

  14. Namoonni 500,000 kaaba Gaazaa keessaa baqatan - Waraana Israa’el

    Haleellaa Israa'el  jalaa namoonni bakka dawoo barbaaduuf baqataa jiru

    Madda suuraa, EPA/EFE

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'el jalaa namoonni bakka dawoo barbaaduuf baqataa jiru

    Dubbi himaan Idil-addunyaa Raayyaa Ittisaa Israa’el (IDF) Letenaal Koloneel Joonaataan Konrikas hanga ammaatti namoonni 500,0000 ta’an kaaba Gaazaa gadhiisan jennee tilmaamna jedhan.

    Namoonni gara kibba Gaazaatti akka hin baqanne Hamaas danqaa ta’uu himatan.

    Waraanni Israa’el karaa namoonni nageenyaan kaaba Gaazaa keessaa irra bahan lama jiraachuu ibsuun, tarkaanfiin waraanaa fudhatamu jabaataa wayita adeemu namoota nagaa magaalaa Gaazaa keessa turuun balaaf kan saaxilu ta’aa adeema jedhan.

    haadholii meeshaalee fi ijoolleessaanii qabatanii lafoo baqachaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Jimaata darbe daandii Waraanni Israa’el nageenya akka qabu himurratti namoonni 70 ajjeefamuu gabaafame ilaalchisee Korniikas gaafatamanii, irra deebi’uun Waraanni Israa’el namoota nagaarratti akka hin xiyyeeffanne dubbatan.

    Garuu si’a tokkotti yeroo ibsa kennanitti haala tarkaanfiin waraanaa itti fudhatamu yeroo hunda miidhaa namoota nagaarraan akka hin geenye guutummaatti hambisuun akka hin danda’amne himan.

    “Nuti Hamaas haleella, bu’uuraalee misoomaasaanii rukunna, gaggeessitootasaani adamsaa jirra.. Yeroo iddoo itti qiyyaafatte adamsitu, tarii yoo deemaa jiraate, tooftaa akka dursitee akkeekkachiisuu fi bantii manaa rurrukutuu gargaaramuu hin dandeenyu ta’a– sababiin isaas yeroo sanatti namni irratti qiyyaafatame akka irratti xiyyeeffatame baree miliquu danda’a," jedhan.

  15. Namoonni 199 butamanii Gaazaa keessa jiru - waraana Israa'el

    Alaabaa Israa'el fuuldura Ministeera Ittisaa Israa'el fuuldura

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubbi-himaan Humna Ittisaa Israa'el (IDF) Daani'el Haagaarii waan jedhan, namoonni Hamaasiin butamanii Gaazaatti to'annoo jala jiran 199 tahuu himan.

    Guyyaa Dilbataa lakkoofsi namootaa 155 jedhanii himanii turan.

    Ibsa miidiyaaleef kennaniin, waraanni biyyattii "maatii warra butamanii hunda beeksiseera," jedhan.

  16. Zakkaa: Tola-ooltota lammiilee Israa'el du'aniif kabaja horaa jiran

  17. Qondaalli waraanaa Israa'el kibba Gaazaatti dhukaasa dhaabuuf waliigalteerra hin geenye jedhan

    Ameerikaa, Israa’eli fi Masriin kibba Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu fi yeroo walfakkaatutti ulaa Raafaa banuuf waliigaluu maddeen dhimma nageenyaa Masrii lama Rooyitarsitti himanii turan.

    Rooyitars akka jedhutti, dhukaasa dhaabuun ganama sa’aatii lamarraa eegalee yeroo walfakkaataatti karaa Masriin to’attu deebi’ee banama jedhame.

    Dubbi himaan Waraana Israa'el garuu dhukaasni kibba Gaazaatti labsamuu quba hinqabu jedhe.

    Qondaalli Waraana Israa'el kun maddeen nageenyaa erga dhukaasa dhaabuuf waliigalamuu ibsanii booda kana jedhan.

    Dubbi himaan Waraana Israa'el Litenat Koloneel Richaard Hechit: ''waliigaltee dhukaasa dhaaburratti walii hingalle hangan ani beekutti. Gabaasa waliigame jedhu jedhu anis argeera,'' jedhan.

  18. Daa'imni ganna 6 haleellaa farra-Musliimaan ajjeefamuu poolisiin hime

  19. Ulaan cehumsa daangaa Raafaah maali?

    Daangaan Gaazaa Raafaah Masriitti baasu, ulaa bahumsaa Gaazaan to'annoo Israa'el jala hinjirre qabdu isa duwwaadha.

    Ulaan qaxxaamuraa kun ulaa Gaazaa keessaa itti bahan isa qofaadha - ulaawwan kaan Israa'el cufteetti.

    Ulaan qaxxaamuraa kun gama kibbaan Masriin kan waldaangessu ogguu tahu, naannoo akkaan gammoojjii tahe Sinaayitti kan baasudha.

    Masriin ulaa kana banuurratti to'annoo cimaa kan keesse ennaa tahu, kunis hariiroo gaarii hin taane biyyattii fi Hamaas jidduu jiruun walqabata.

    Adooleessaa fi Hagayya 2014 keessa takka banamaa, takka cufamaa tureera - innis garuu kanneen miidhaman, dhukkubsatanii fi lammiilee biyyoota alaaf ture.

    Yeroos akkuma ammaa kana Israa'el fi milishoota Filisxeem jidduu waraanni adeemaa ture.

    Lola marroo ammaa kanaan haleellaa qilleensaa Israa'eliin ulaan cehumsaa kun haleelamuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

    Danaa ulaa cehumsaa Gaazaan qabdu agarsiisu
  20. Waa'ee Gaazaa odeeffannoo muraasa

    Gaazaan (Gaza Strip) dheerina km41 fi bal'ina km10 bakka qabdudha.

    Baay'inni uummataa naannichaa miiliyoona 2.2 ennaa tahu, danaan kun bakka jiraattonni akka bahan ajajaman 'Evacuation area' agarsiisa.

    Naannoo haalluu diimaan dibamerraa gara kibbaa akka cehan ajajni kan kenname ogguu tahu, lammiilee Filisxeem miiliyoona tokko tahantu keessa jiraata.

    kaartaa Gaazaa Strip mul'isu