Raashiyaan haleellaa naannawa Kiiyivitti raawwattu 'haalaan akka hir'istu' himte

Raashiyaan kana kan jette wayita bakka bu'oonni ishii fi Yuukireen Tarkii magaalaa Istaanbuulitti akkaataa waraanicha nagaan xumuruun danda'amu irratti mari'ataa jiraniiti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Meeshaan waraanaa keemikaalaa ''haala lola kanaa akkaan geeddara'

    Barreessaa Olaanaan Nato Jeensi Istoltenbargi

    Madda suuraa, Nato

    Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaa Olaanaan Nato Jeensi Istoltenbargi

    Barreessaa Olaanaan Nato Jeensi Istoltenbargi Raashiyaan Yukireeniifi michoonni ishee meeshaa waraanaa fayyadamuuf qophaa'aa jiru jechuun himannaan dhiyeessite na yaaddessee jira jedhan. Warra kaan dursanii himachuun fayyadamuuf ofiin haal-duree uummachuudhas jedhan.

    Himannaawwan Yukireenii fi Nato irratti dhiyaatanis soba jedhan.

    Fayyadamni meeshaa waraanaa kamuu ''waan seera idil-addunyaa diiguuf'' guutummaatti kan ''haala waraanichaa jijjiruu'' ta'a, baayyee balaa qabaata jedhan.

    Rakkoon kun sababii faca'uuf ummata Yukiree keessaa qofa osoo hin taane biyyoota Nato illeen miidhuu danda'a jedhan.

    Kanaan duras Raashiyaan Saalisbusy keessatti dabalatee meeshaa waraanaa keemikaalaa fayyadamuu yaadataniiru.

    Kunis sababii ''baayyee balaafamaa waan ta'eef'' waraanicha dhaabuun barbaachisaa ta'uu mul'isas jedhaniiru.

  2. Raashiyaatti jireenyi %14 oliin qaala'e

    Shopping at a supermarket in Moscow

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gabaa Moskootti

    Weerara Yukireen hordofee, Raashiyaatti qaala'insi jireenyaa akkaan dabaluu ragaan haarayaa mul'ise.

    Ragaan mootummaan baase akka agarsiisutti, torban dabre keessa gatiin meeshaalee bu'uuraa kanneen akka shukkaaraa, hanga %14n dabaleera.

    Daballiin gatii kunis hanguma maallaqni Raashiyaa 'Rouble' haalaan gadi bu'aa adeemutti, dabalaa akka adeemu kan eegamudha.

    Ruubil erga waraanni Yukireen jalqabame kaasee guddoo cabe - barana %22n kan gadi bu'e yoo tahu, kunis gatiin meeshaaleen bu'uuraa akkaan akka dabalu taasiseera.

    Ragaan qaala'insaa kun kan dhagahme erga gabaan aksiyoonaa Raashiyaa ji'a tokkoof cufamee Kamisa irra deebiin erga baname boodadha.

    Viidiyoowwan marsaalee hawaasaa gubbaatti deddeeman akka agarsiisanitti, namoonni Moskootti gabaa bahan shukkaaraafi meeshaalee kaan bitachuuf wayita walsaaman agarsiisa.

  3. Ergamaan Addaa Ameerikaa aanga'oota Itoophiyaa waliin maal irratti mari'atanii?

  4. Abraamoovich marii nagaa keessatti qooda bahee jira - Kireemlin

    Abraamovich fi Puutiin

    Madda suuraa, Mikhail Svetlov/Getty Images

    Kireemlin irraa ganama har'aa wanta dhagahame keessaa waa'ee marii araaraafi abbaa qabeenyaa kilaba Cheelsii Abraamoovich isa tokko ture.

    Dubbi himaan Kireemlin Dimiitrii Peeskov dhimmoota kaasan keessaa - tujaarri amma qabeenyisaa uggurame Romaan Abraamoovich, shoora marii araaraa keessatti taphate isa tokko ture.

    Akka dubbi-himaa kanaatti, abbaan qabeenyaa kilaba kubbaa miilaa Cheelsii kun ''adeemsa sadarkaa jalqabaa keessatti qooda fudhateera,'' jechuun, dhimmichi garuu amma harka garee biyyoota lamaan bakka bu'uun mari'atanii irra jira jedhan.

    Gama kaaniin ammoo, dippiloomaatota US biyyattii keessaa hari'aman irrattis dubbatan. Dippiloomaatota Ameerikaa kanniin kan biyyaa hari'uuf dirqamne, erga dippiloomaatoonni Raashiyaa waajira muummee UN, Niiw Yoork argamu irraa gugsamuu isaanii hordofeeti jedhan.

  5. 'Dooniin waraanaa Raashiyaa buufata kibbaa irratti barbadoofte'

    Doonii ibiddi itti qabatee

    Madda suuraa, Ukrainian Navy/Facebook

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii ibiddi itti qabatee

    Dooniin waraanaa Raashiyaa guddaan tokko magaalaa buufata doonii kan taatee Beerdyaanskii cinaatti barbadaa'uu Waraanni Yukireen beeksise.

    Humni Galaanaa Yukireen barreeffama fuula Facebook isaarratti maxxanseen, dooniin Raashiyaa guddoon 'Orsk' ganama kana galaana keessatti haleelamuun ibiddi itti qabateera.

    ''Doonii guddoon qubattee turte Orsk'n qabeenyummaanshee kan warra weerartootaa ta'e kan haleelamte buufata humnootii Raashiyaatiin to'atame Berdyaansk keessatti,'' jedheera.

    Miidiyaan Yukireen ammoo Dooniin Raashiyaa tokko dhidhimuu fi kan biraa lamatti ibiddi qabachuu, akkasumas kuusaan meeshaa waraanaa fi boba'aa haleelamuu gabaaseera.

    Haata'u malee odeeffannoo kana maddeen biraa irraa mirkaneessuun baayyee rakkisaadha.

    Humnootiin Raashiyaa torbanootaan dura Berdyaansk to'achuun buufaticha wantoota isaan barbaachisan ittiin guuttachuuf itti fayyadamaa jiru. Buufatichis Kiriimiyaa fi magaalaa marfamtee jirtu Maarupool jidduutti argama.

  6. Paarlaamaawwan biyyoota 10tti kan dubbate Zeleniskiin haasawaa isaa akkamiin tolfata?

  7. 'Wixineen US HR6600 yoo ragga'e Itoophiyaa, nageenya Gaanfa Afriikaa miidha'

  8. Hoogganootni Lixaa walgahii Nato'f Biraasals gahan

    Hooggantoota biyyoota Lixaa

    Hoogganootni biyyoota Lixaa miseensa Nato dhimma Yuukireen irratti mari'achuuf Beeljiyeem Biraasals galan.

    Hooganoonni kun weerara Raashiyaan Yuukireenirratti bante ji'a tokko guuteen walqabatee tarkaanfiin isaanii itti aanu maal ta'uu akka qabu mari'atanii murteessuuf walgahan.

    Hooggantootni kun yaa'ii isaanii eegaluu dura ''suura maatii'' kan ka'an yeroo ta'u seenaa tokkummaa kanaa keessatti walgahiin ammaa kun hiika guddaa qabaata jedhamaa jira.

    Raashiyaan Yuukireeniin sababoota weerarteef keessaa tokko yaada Yuukireen Nato'tti makamuuf qabdu hambisuudha.

    NATO'N hanga ammaa deeggarsa waraanaa hedduu miseensotarraa guuree Yuukireeniif dhiyeessaa jira. Loltoota isaa hedduus gara Baha Awurooppaatti ergaa jira.

  9. Nato'n loltoota hedduu gara Baha Awurooppaa ergaa jiraachuu ibse

  10. Loltoonni Raashiyaa hanga 15,000 ajjeefamaniiru jedhe NATOn

    Loltuu Yuukireen

    Madda suuraa, Getty Images

    Loltoonni Raashiyaa 7,000 hanga 15,000 ta'an waraana ji'a tokko guute keessatti ajjeefamuu qondaalli olaanaa NATO tokko APtti himan.

    Itti dabaluun loltoonni Raashiyaa 30,000 hanga 40,000 ta'an lola keessatti ajjeefamuu ykn ammoo madaa'uu akka hin oolle yaadama jedhan.

    Raashiyaan erga Bitootessa 2 loltoonni 500 jalaa ajjeefamuu himteen booda lakkoofsa loltoota ajjeefamanii hin ibsine.

    Raashiyaan waggoota 10 Afgaanistaan keessa turtetti loltoota 15,000 ture kan dhabde.

    Yuukireenis loltoonni meeqa akka jalaa ajjeefaman ifatti hin himtu, torbee lama dura pireezidantiin biyyattii loltoonni 1,300 jalaa ajjeefamuu himanii turan.

  11. Haleellaawwan saayibarii Raashiyaa warri Lixaa baay'ee sodaatan

  12. Raashiyan haaloo bahuuf jecha dippiloomaatota US ari'uuf

    alaabaa raashiyaa fi US

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan murtee Ameerikaan dippiloomaatota Raashiyaa 12 ari'uuf dabarsite haaloo bahuuf jecha dippiloomaatota Ameerikaa haga tokko akka ariitu himte.

    Ameerikaan ji'a darbe keessa dippiloomaatota Raashiyaa waajjira UN kan Niiwu Yoorki jiru keessa hojjetan yaaddoo nageenya biyyaaleessaaf jecha akka ariitu beeksiftee turte. Boodas nama Raashiyaa UN keessa jiru tokko basaasaadha jechuun ariiteetti.

    Wiixata darbe Ministeerri Haajaa Alaa Raashiyaa ambaasaaddara Ameerikaa Mooskoo jiran Joon Sulivaan waamuun pireezidant Joo Baayidan Puutiin 'yakkamaa waraanaati' jechuun waamuu mormii qabu ibseera.

    Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa akka ibsetti, Bitootessa 23 maqaan dippiloomaatota Raashiyaa keessaa akka bahan jedhamanii isa dhaqqabuu beeksiseera.

    Dippiloomaatonni Ameerikaa meeqa Raashiyaa keessa akka ari'aman ifa hin godhamne.

  13. Zeleniiskiin hiriira mormiif waamicha dhiyeessan

    Volodimiir Zeleniiskii

    Madda suuraa, Mootummaa Yuukireen

    Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskii waraanni Raashiyaan Yuukireen irratti bante ji'a tokko guutuu sababeeffachuun guutuu addunyaarratti hiriirri mormii Raashiyaa balaaleffatu akka godhamu waamicha dhiyeessan.

    "Waraanni Raashiyaa kun kan Yuukireen qofaarratti baname miti. Hiikaan isaa bal'odha," jedhan Zeleniiskiin yeroo jalqabaaf ergaa Afaab Ingiliziin dabarsaniin.

    "Raashiyaan bilisummaa keenyarratti waraana labsite. Kun Raashiyaaf jalqabbii qofadha," jedhan.

    "Raashiyaan bilisummaa uummata Awurooppaa hundaa, akkasumas kan addunyaa guutuu of harka galfachuu feeti."

    Itti dabaluunis "Addunyaan Raashiyaa dhaabuu qaba. Addunyaan waraana dhaabuu qaba," jedhan.

    Mallattoo Yuukireen bakka bu'an qabachuun hiriirawwan mormii akka godhaman waamicha dhiyeessan.

    "Addabaabayii keessanitti baha, karaatti bahaa. Of mul'isaa, sagalee keessanis dhageessisaa," jedhan.

  14. Ashamaa!

    Fuula gabaasa kallattii haaraan dhufneerra.

    Odeeffannoowwan wayitaawoo waraana Raashiyaa fi Yuukireen ji'a tokko lakkoofsise akkasumas taateewwan ijoo biroo irratti xiyyeeffatan isin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii!