Jeneraalonni waraanaa Raashiyaa torba Yuukireen keessatti du’uun miidiyaaleen biyyoota Lixaa himan
Letenaant Jeneraal Yaakoov Rezaantseev hogganoota waraanaa Sanbata kaleessaa ajjeefaman jedhaman keessaa sadarkaa olaanaa kan qabu dha, akka Ministeera Ittisaa Yuukireen jedhutti.
Loltoonni Raashiyaa hamilee gadi-bu’aa qabaachuun qondaalota waraanaa gameeyyiin kuni gara sarara fuulduraa dhaqanii akka lolan godhe.
Sababni du’a qondaalota kunneen loltoota baraaruuf jecha gara sarara fuulduraa waraanaatti siquu tahuu mala jedha xiinxalaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar.
Qajeelfamni Waraanaa Raashiyaa loltoonni sadarkaa gad-aanaarra jiran ajajni yoo isaaniif kenname malee homaa akka hin goone dhorka.
Qondaalli waraanaa Biriitiish sooroma bahan duuti jeneraalota kunneenii, ‘’duulli waraanaa caasaa ajaja waraanaa Raashiyaa salphisu adeemsifamuu agarsiisa,’’ jedhan.

Madda suuraa, Reuters










