Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 429 gahe

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 3645f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 30 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Jibuutiin sa'aa 24 keessatti namootni 210 Covid-19'n qabamaniiru jette

    Qorannoo sa'aa 24 darban namoota 1,123 irratti gaggeefameen duuba namootni 210 vaayirasichaan qabamuu Mootummaan Jibuutii beeksise.

    walumaagalatti hanga ammaatti namootni biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman 1, 828 gahaniiru.

    Kanneen du'an ida'ama hanga ammaa jirun sagali.

    Namootni 1,052 dhibee kanarraa fayyaniirus jedha ibsi mootummaa.

  2. Iraan keessatti guyyoota sadan darban namoonni haaraa 2,000 Covid-19 qabaman

    Pireezidaantiin Iraan "tatamsa'inna koronaavaayiras to'achaa jirra" jedhanis biyyattii keessatti lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa jira.

    Biyyattii keessatti namoonni haaraa 2,346 koronaavaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta'u namoonni 64 du'usaanii ministirri fayyaa beeksiseera.

    Walumaa galatti eega vaayirasichi biyyattii keessatti mul'atee as namoonni 126,949 vaayirasichaan yoo qabaman namoonni 7,183 du'aniiru, ogeeyyii biyyoota biroo lakkoofsi kana caaluu danda'a jedhu.

    Caamsaa irraa jalqabee lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa dhufeera.

    Pireezidaat Hasaan Roohaanii wal gahii kaleessarratti "biyyattiin ji'oota sadan darbanitti jijjiirama mul'isteetti" jedhan.

  3. Keeniyaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii kuma darbe

    Keeniyaatti sa'aa 24 darbe namoota qorataman keessa, 66 Covid-19'n qabamuu isaani mirkana'uu hordofee lakkoofsi namootaa vaayirasichaan qabaman 1029 gaheera.

    Namootni haaraan 8 dhibee kanarraa fayyuu isaaniin lakkoofsi namoota bayyanataniis 366 gaheera jechuun Ministeerri Fayyaa biyyattii ibseera.

    Hanga ammaatti Keeniyaa keessatti namootni sababa dhibee kanaan lubbuu dhaban 50.

  4. Yeroo weerara Covid-19tti gandi namootni mana hin qabne keessa rafan qophaa'e

    Ameerikaa kutaa bulchiinsa Saanfiraansiiskotti gandootni haaraan lama namootni mana hin qabne keessa rafan qopha'e.

    Ji'a tokko dura gandi biraan kan mana fincaanii fi bakka harka dhiqannaa qabu qophaa'ee ture. Nyaannis bakkuma sanatti isaaniif dhiyaata.

    Magaalaa Saanfiraansiiskotti namootni 2,179 koroonaavaayirasiin qabamaniiru.

    Yeroo weerara vaayirasii kanatti namootni baay'een mana akka hin qabne himataa turan.

    Daandii cina dabalatee namootni godoo xixiqaa hojjetatanii keessa jiraachaa jiran baay'ataa dhufaniiru.

    Godoo namootni sharaadhaan hojjetatanii keessa jiraachaa jiranis weeraricha ittisuuf jecha wal irraa fagaachuu akka qabu himameera.

  5. Poolisiin Filiippiinsi hospitaalota Dhoksaan lammiilee Chaayinaa yaalan sakata'e

    Poolisiin Filiippiinsi hospitaalota fi mana qorichaa xixiqaa eeyyama malee dhoksaadhaan lammiilee Chaayinaa koroonaavaayirasiin qabaman jedhamuun shakkaman yaalan sakatta’uun to’ate.

    Sakatta’insichaan namootni lama kan adabaman yoo tahu mana jireenyaaViillaa gara hospitaala siree torba qabuutti jijjiruun hojjechaa akka turan poolisii wabeeffachuun AP gabaase. Dhukkubsataan tokkos manicha keessatti argameera.

    Kuusaa kosii gamoo sana irra jiru keessaas meeshaaleen qorannoo ariifachiisaa koroonaavaayirasii gochuuf gargaaran 200 argamuu ibseera.

    Namni to’atame tokko bulchaa hospitaala Chaayinaa akka tahes himameera.

  6. Ministirri Muummee Lesootoo haaraan muudame

    Ministera mallaqaa duraanii Lesootoo kan turan Moyeketsi Majoroo erga MM Toomasa Tabane aangoorra bu’anii guyyaa tokko booda Ministira Muummee ta’uun muudamaniiru.

    Obbo Majooroon mana masaraa Motii Letsii III duratti Roobii ganama waadaa seenaniru.

    Ministirri Muummee duraa aangoo kan gadhiisan ji’oota hedduuf ajjechaa hadha warraa isaa duraan shakkamaa ta’uun isaanii dhibbaa erga irratti uumeedha.

    Inni garuu homaa harka keessa akka hin qabne hima.

  7. Amma nu gahe, Itoophiyaatti sa'atii 24 darban keessatti namoonni 24 Covid-19 qabaman

    Itoophiyaan sa'atii 24 darban keessatti namoota 3,460 koronavaayirasiif qorattee namoota 24 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa ibsan.

    Kanaanis lakkoofsi namoota hanga ammaatti biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii 389 qaqqabeera.

    Namoonni qabaman kunneen hunduu lammiilee Itoophiyaa umriin isaanii waggaa afurii hanga 57, dhiira 18 fi dhalaa ja'a.

    Kanneen qabaman keessaa 9 magaalaa Finfinnee 7 naannoo Tigraay fi 8 naannoo Amaaraa irraati.

    Dhukkubsattoonni Covid-19 haaraa baraman kunneen keessaa 12 kanneen biyyoota alaarraa imalan yoo ta'an, saddeet ammoo dhukkubsattoota vaayirasichaa waliin hariiroo kan qaban turan.

    Kanneen hafan arfan garuu seenaa imalaas ta'e, kanneen kanaan dura dhibaman waliin hariioo homaatuu hin qaban.

    Namoota kaleessa naannoo Amaaraatii vaayirasicharraa dandamatan lama dabalatee hanga ammaatti Itoophiyaatti namoonni 122 Covid-19 irraa dandamataniiru.

  8. Nezarlaandis Covid-19 bineensarraa namatti darbuu hin oolu jette

    Mootummaan Daach iddoo horsiisa bineensotaa tokko keessatti koronaavaayirasiin bineensotarraa namatti darbuusaa wantoonni mul'isan jiraachuu ibse.

    Bakka kanatti gosa bineensotaa mink jedhamantu horsiifamu.

    Odeeffannoon kun marsariitii mootummaa biyyattiirratti ture kan maxxanfame.

    Bal'innisaa garuu qoratamaa jira.

    Yoo dhugummaansaa mirkanaa'e koronaavaayirasiin dhuguma bineensotarraa namatti darbuu kan mirkaneessuudha.

    Jalqaba wayita vaayirasichi argamu ogeeyyiin bineensotarraa dhufuu shakku-garuu hin mirkaneessine.

    Erga eeruun kun argamee mootummaan biyyattii bakka horsiisa bineensotaa kanarratti xiyyeeffateera.

    Bakki horsiisa bineensotaa kun akkaan guddaa fi namoota hedduu kan jiraachisu yoo ta'u yoo eeruun argame kun qorannoodhaan mirkanaa'e jiruu nama baayyee miidha jedhan Ministirri Qonnaa biyyattii Carola Schouten.

  9. Garee Pirimeer Liigii keessatti koronaavaayirasiin argame

    Taphataan tokkoofi hojjattoonni garee Pirimeer Liigii Waatdorord lama, akkasumas itti-aanaan leenjisaa Barnilee Iyaan Wohan namoota jahan liigiicha keessatti koronaavayirasiin irratti argame keessa jiru.

    Kan namoota lamaan hafanii eenyumaan isaani ifa hin taane.

    Taphattoonnifi hojjattooni vaayirasichi irratti argame guyyoota torbaaf adda of baasu.

    Gareen leenjii walxuxxuqqaa hin qabne kan eegalan Kibxata, yeroo Piriimeer Liigiin karooraa deebi’ee eegalu baafatetti.

  10. Maallaqaa baankii baasan daangessuun maaliif, dhiibbaa akkamii qaba?

  11. Finfinneetti lafti kaareemeetira 30,000 ta'u ijaarsa masjiidaaf kenname

    Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafa kaareemeetira 30,000 ta'u ijaarsa masjiidaaf waadaa galee ture har'a dabarsee kenneef.

    Masjiidi magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramu kun addunyaarratti isa beekamaa ta'a jedhameera.

    Sirni wal-harkaa fuudhiinsa qabiyyee lafichaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa fi Dura taa'aa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Haji Umar Idriis akkasumas Mana Maree Dhimmoot Islaamummaa Magaalaa Finfinneetti Pirezidaantii kan ta'an Sheek Sulxaan Amaan gidduutti raawwateera.

    Masjiidota magaalattii keessa yeroo dheeraaf turan kanneen ragaa qabiyyee lafaa hin qabneefis waraqaan ragaa qabiyyee seera qabeessummaa mul'isu 70 ta'u kennameeraaf.

    Injinar Taakkalaan kun kennaa guyyaa Iidii ilaalchisuun hawaasa muslimaaf kennameedha jedhan.

    Sirna wal-harkaa fuudhiinsaa kanarratti hawaasa muslimaaf erga baga geessanii kan dabarsan Injinar Taakkalaan hawaasi muslimaa wayita ayyaana Iid al-fixir wal gargaaruu akka qabus dhaamaniiru.

    Lafa kaaremeetira 30,000 bulchiinsi magaalaa Finfinnee ijaarsa masjiidaaf kenne kanarratti giddu-gala qorannoo,iddoowwan salaataa fi wiirtuuwwan barnootaa sadarkaa idl-addunyaa eeggatantu ijaaramu.

  12. Tiraamp US lakkoofsa namoota Covid-19n qabaman guddaa qabaachuun ‘maallattoo kabajaati’ jedhe

  13. Singaappoor gama interneetaan murtee du’aa dabarsite

    Manni murtii Singaappoor bilbila vidiyoo interneeta Zoom fayyadamuun lammii Maleeshiyaa akka fannifamee du’uuf murtoo dabarseera. Kun biyyattiif murtoo karaa interbeetan darbe isa jalqabaati.

    Akka raga mana murtiitti Punithan Genasan ganna 37 bara 2011 keessa qoricha sammuu hadoochu heroyiin seeran ala daddabrsuun hidhame.

    Namni kun garuu yakka homaa akka hin raawwanne himuun debi’ee iyyata galfachuuf jira.

    Jalqaba ji’a kanaa irraatis Naayjeeriyaan Zoom fayyadamoon ajjechaa 2018tti rawwateef nama tokkorratti murtee du’aa dabarsiteetti.

    Dhabbati mirga namoomaaf falmu Human Rights Watch murtoon akkanaa ‘hameenyaafi namuummaa hin qabnedha’ jechuun qeeqera.

  14. Wal dhabdee dhimma Hidha Haaromsaarratti 'UN' maal jedhe?

  15. Guyyaatti harkakoo si’a meeqa dhiqadhu?

    Guuyyaa keessatti harka kee si’a meeqa akka dhiqachuu qabdu qorannoon gaggeeffame tokko sitti hima.

    Qorannoon UK keessatti gaggeefame kun guyyaatti yoo xiqqaate harkakee si’a ja’a dhiqachuu qabda. Qorannoon kun bara 2006 hanga 2009tti kan gaggeeffame yoo ta’u vaayirasoota koronaavaayirasii waliin walfakkaatan bu’uura godhachuun kan hojjetamedha.

    Hirmaattonni qorannichaa 1,663 ta’an harkasaanii guyyaatti yoo xiqqaate si’a 6 dhiqachuu isaaniitiif carraan vaayirasiin qabamuu dhabuu isaanii ol ka’eera.

    Haata’u malee, guyyaatti si’a baayyee harka dhiqachuun qofti vaayirasiif saaxilamuu hin hir’isu.

    Koronaavaayirasiin yeroo baayyee akaakuu vaayirasootaa qufaa salphaadha jedhaman kan qaqabsiisanidha.

    Covid-19 dabalatee vaayirasiin gosti hundumtuu saamunaafi bishaaniin du’uu danda’u

  16. Koronaavaayirasiin Afriikaa keessatti to’atameeti moo dhokfameeti?

  17. Lammileen Buruundii filannoo gaggeeffataa jiru, WHOn walirraa fageenya eeggachuun dirqama jedhus, mootummaan Buruundii garuu kana hin dhageenye.

    Lammileen Burundii pirezedaantii haaraa filachuudhaaf gara buufata filannootti dacha'aa jiru.

    Pirezedaantiin yeroo ammaa bulchaa jiran Piyeer Nikurinziizaan waggaa 15 booda aangoo isaanii gadhiisuuf jiru.

    Pirezedaantichi erga baallii nama mo'atette dabarsanii booda umurii isaanii guutuu mana mootummaa keessa jiraatu. Miindaan umurii guutuus ni kaffalamaaf. Aangoon kabajaas ni kennamaaf jedhamees eegamaa jira.

    Pirezedaanti Nikurinziizaa bakka bu'uudhaaf ammoo kaadhimamotoota torbatu wal dorgomaa jiru.

    Akka heera mootummaa foyyaa'eetti pirezedaantiin haaraan waggaa torbaaf kan tajaajilu yoo ta'u, aangoo dheereffachuun kan danda'amu takkaa qofaadha.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sababa Covid-19 walirraa fageenya eeggachuun dirqama jedhus, mootummaan Buruundii garuu kana hin dhageenye.

    Qabxilee ijoo Guyyaa Filannoo Buruundii:

    • Takkaatti filannoo sadii: Pireezdaantii (kaadhimamtoota 7), Miseensota Paarlama (barcuma 100 ol) miseensota kawuunsilii B
    • Buufataalee filannoon akka sa’aati biyyattitti ganama 12:00tii hanga waaree booda 10:00tti hojjatu
    • Kadhiimtoota pireezdaantummaa torba keessa dursoon paartii mormituu irraa Agaton Rawasa fi paartii bulchaa irraa Ecaristee Nidayishimiyedha.
    • Har’a Burundiitti namootni 5,113,418 sagalee ni kennu jedhamee eegama.
    • Sababa koronaavaayirasiif lammileen Burundii biyya biroo jiran filachuu hin danda’ani.
    • Bu’aan filannoo jalqabaa Caamsaa 25 irratti eegama.
    • Komishiniin filannoo tajjaabdoota idil addunyaa 53 akka jiran beeksiseera isaan keessaas qondaaltonni imbaasii Taanzaniyaa, Masirii, Chaayinaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, DR Koongoo, Naayjeeriyaa, Raashiyaa fi qondaltoonni UN Burundii kessatti argamu
  18. Talaalliin Covid-19 yoom dhaqqabuu danda'a?

  19. Masiriitti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 13,484 ga'eera

    Ministeerri fayyaa Masir akka beeksisetti hanga kaleessa halkaniitti namootni 720 tahan haaraan guyyaa tokkotti vaayirasichaan qabaman.

    Kun biyattiitti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman gara 13,484 geessise.

    Wiixata darbe namoota 535 irratti kan argame yoo tahu guyyaa tokkotti caalmaa namoota 185 agarsiiseera.

    Masirii [Egypt] keessatti sababa Covid-19’n namootni hanga ammaatti du’an 659 tahuu barruun ‘ahramonline’ gabaasera.

    Dubbii himaan ministera fayyaa biyyattii Kalid Megahid namootni 3742 tahan vaayirasii kana irraa bayyaannataniiru.

  20. Keeniyaan namoota Covid-19 qaban 187 Taanzaniyaatti deebiste

    Qondaaltonni fayyaa Keeniyaa lammilee biyya biroo182 erga koronaavayirasii qabaachuun isaani baramee booda Taanzaniyaa irraan kallattii adda addaan biyyatti galuuf yaalan akka hin seennef dhorkaniiru.

    Lammummaan namoota kanaa adda hin baafamne.

    Karaa namoota daangaa ce’aniin vaayirasichi dabalaa erga dhufee booda Sanbata Pireezdaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan daangaa Taanzaniyaafi Somaaliyaa cufaniiru.

    “Akkuma konkolaachistoota Keeniyaa ragaa vaayirasicharra bilisaa ta’uu hin qabne biyyaa hin baasneetti, namoota ragaa kana hin qabnes gara Keeniyaatti hin galchinu,” jechuun Ministeerri fayyaa Mutahi Kaagwee dubbataniiru.

    Daangaa Keeniyaa- Somaaliyaa irrattis namootni koronaavaayirasii qaban 18 argamaniiru.