Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 429 gahe

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 3645f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 30 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lakkoofsi namoota addunyaarratti Covid-19 qabamanii mil. 5 galuuf

    Guutummaa addunyaarratti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamee 4,893,195 ta’eera.

    Namoonni dhibee kanarraa dandamatan 1,686,487 yoo ta’u, kanneen 322,861 ta’an ammo lubbuu dhabaniiru.

  2. Tiraamp jibba Chaayinaan Afriikaaf qabdu WHO'n callisee ilaale jedhe

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp jibba sanyummaafi loogii lammilee Afriikaa Chaayinaa jiranirratti raawwatamaniif Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n deebii cimaa kennuu dhiisuu isaatiif qeeqan.

    Lammiileen Afriikaa magaalaa Guwaanzhuu, Chaayinaa keessatti argaman weerara Covid-19n wal qabatee loogiin sanyummaatiin dhiibbaan irra gahuu gabaafamee ture.

    Pirezedaant iraamp Dhaabbata Fayyaa Addnyuutaatiin 'jala-deemtuu' Chaayinaa jechuun deeggarsa maallaqaa biyyi isaa dhaabbatichaaf taasistu akka dhaabu akeekkachiisuun isaa ni yaadatama.

    Kana malees, Tiraamp irra deddeebiin Chaayinaan weerara Covid-19 ittisuuf sochii gahaa hintaasifne jechuun wayita himatan ni dhagahamu.

    Akka biyyoonni addunyaa weerara kana dura dhaabbachuuf dursanii hin qophoofneefis odeeffannoo wayitawaafi sirrii kennaa hin turre jechuun Chaayinaa balaaleffata Pirezedaantichi.

    Komii Tiraamp Chaayinaa irratti kaasan kana keessattis ammooo gaheen WHO ni jira.

  3. Tamsaasa kallattii Caamsaa 20, 2020, Aaga DHaga'aa!

    Tamsaasa kallattii ittiin odeeffannoo weerara koronaavaayrasii kan biyyaa, ollaafi guutuu addunyaarraa gaggabaabsinee dhiyeessinudha.

    Dhiyaadhaa.

  4. Kanneen daldala saal-quunnamtii keessa jiran akkamiin Covid-19 dandamatu?

  5. ''Eenyumayyuu caala itti gaafatamuummaa feena''- Dr. Teedroos

    Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihaanoom weerara Covid-19 to’achuuf hojii Dhaabbatni isaan hoogganan hojjete akka qoratamu yaada Gamtaan Awrooppaa dhiyeesse simatan.

    Yaa’ii fayyaa addunyaa irratti haasaa xumuraa kan taasisan Dr. Teedroos. ''eenyumayyuu caala Itti gaafatamuummaan akka jiraatu feena'' jedhan.

    ‘’Hooggansa tarsiimawaa duula weerara Koroonaavaayiras irratti godhamus qindeessuu itti fufnas’’ jedhaniiru.

    Dr. Teedroos biyya madda maallaqaa dhaabata hooggananii taate US irraa qeeqa jabaa keessummeessuutti jiru.

    Doonaald Tiraamp weerara covid -19 to’achuuf dadhabina agarsiisan irraa xiyyeeffannoo dabarsuuf Chaayinaa himatuu jetti Beejiing gama isheen.

  6. UK'tti lakkoofsi namoota du'anii kuma 35 ol ta'e

    Ingilaanditti namoonni haaraa 174 kan du'an yoo ta'u kunis lakkoofsa namoota hospitaalatti du'anii gara 24,913'tti ol guddiseera.

    Kanneen manatti akkasumas bakka jaarroleen itti kunuunfamanitti du'anii dabalatee lakkoofsi waliigalaa kuma 35 ol ta'eera.

    Kanneen lakkoofsichi kana caala guddaa akka ta'e gabaasaniis jiru.

    Iskootalaand keessatti namoonni 29 vaayirasichaan du'aniiru.

    Weelsii fi Kaaba Ayiirlaand keessatti wal duraa duubaan namoonni 17 fi 7 du'aniiru.

  7. Chaayinaan doorsisa Ameerikaan WHO'irraan gahaa jirtuuf deebii kennite

    Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp weerara Covid -19 to’achuuf dadhabina agarsiisan irraa xiyyeeffannoo dabarsuuf Chaayinaa himatuu jette Beejiing.

    Chaayinaan karaa Dubbii himaa Ministeera Haajaa Alaa ishee isa Tiraamp Dhaabbata Fayyaa Addunyaa doorsisaa jiraniif deebii kenniteeTti.

    Dubbii himaan Ministeerichaa Shiyoo Lijiyaan Ameerikaan itti gaafatama ofii bahachuu qabduun rakkoo dhalateef Chaayinaa akka sababaatti fayyadamaa jirti jechuun deebii kennan.

    Erga weerara Covid-19, Chaayinaafi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irra deddeebiin qeeqaa kan jiran Tiraamp guyyaa kaleessaa daarektera Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tedros Adihaanom al-loogummaa dhaabbatichaa irratti guyyoota 30 keessatti jijjiirama akka fiduu qaban akeekkachiisan.

  8. MM Lesoottoo sababa ajjeechaa haadha warrraa isaanii duraaniitiin aango gadhiisan

    Ministirri Muummee Lesootto Toomaas Tabaanee, ajjeechaa haadha warraa isaanii duraanii keessaa harka qabaachuu hin oolan himata jedhuun walqabatee aangoo isaanii gad lakkisan.

    Himatni kun erga irratti dhiyaatee ji'ootaaaf aangoo akka gadhiisan gaafatamaa kan turan ta'uus, tole hin jenne ture.

    Dhumarratti garuu Tabaaneen miidiyaa biyyaalessaatti bahanii ''hojii koo xumuruu baadhus siyaasa keessaa sooroma of baaseera'' jechuun labsaniiru.

    MM kunifi haati warraa isaanii duraanii gaayila isaanii diiguurratti osoo muggutaa turanii galgala tokko balbala isaanii duratti rasaasa nama hin beekamne irraa dhukaafameen haatii warraa ajjeefaman.

    Haatii warraan isaanii ammaa ammoo ajjeechaa kanaan kallattiin himatni irratti banamee miliquuf osoo yaalanii ji'oota duraa daangaa biyyattiitti qabaman.

    Haatiifi Abbaan warraa kun ajjeechaa kana keessaa harka hin qabnu jechuun waakkataniiru.

  9. Keeniyaatti weerarri Covid -19 akkaan dabalaa jira

    Keeniyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabaman dabalaa deemus mootummaan tatamsa’inna vaayirasichaa ittisuurratti fooyya’iinsi ni jira jedha.

    Guyyoota sadan darban qofa qorannoowwan gaggeeffamaniin namootni haaraan qabaman 133.

    Waliigalatti lakoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis 963 gaheera.

    Ministira Fayyaa biyyattii kan ta’an Mutaahi Kaagwee akka jedhanitti lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii hir’isuurratti “fooyya’iinsa jabaa fi itti fufiinsa qabu” fidaa jirra jedhan.

    Eega gaafa Bitootessa 13 namni jalqabaa vaayirasichaan qabame ibsamerraa kaasee tarkaanfiin fudhate gahaa miti jechuun namoonni mootummaa qeeqaaru.

    Waldaan Fayyaa Keeniyaa akka jedhetti uggurri kutaalee biyyattii muraasa keessatti labsame haala fayyaa yookiin saayinsaawaarratti kan hundaa’e miti jedha.

    “Osoo qophii gahaa hin taasisni kutaalee biyyattii heddu keessatti uggurri labsameera, weerarri hammam tamsa’ee akka jiru beekuun ni ulfaata,” jedhan pireezidaantiin waldichaa Dr Jaakliini Kiituuluun.

    Gaafa Jimaataa Pireezidaant Uhuuruu Keeniyaataan guyyoota 21 biraaf uggura dheeressaniiru.

    Daangaa Taanzaaniyaafi Somaaliyaa waliin qooddatturrattis namootni hedduun vaayirasichaan qabaman argamuu wajjiin walqabatee daangaan biyyoota lameenii sochii geejiba meeshaaleetiin alatti cufameera.

  10. Seenaa dargaggoo imala konteenara lubbuu namoota 64 galaafate irraa hafe

  11. Amma nu gahe, Itoophiyaatti namoonni haaraan 14 koronaavaayirasiin qabaman

    Akka Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa ibsanitti sa'atii 24n darban keessatti namoonni 3,271 koronaavaayirasiif qoratamanii namoota 14 irratti vaayirasichi argameera.

    Kunis lakoofsa namoota hanga ammaatti biyyattii keessatti qabamanii 365 irraan ga'eera.

    Kanneen vaayirasichi irratti argame 14 keessaa 11 dhiira, 3 ammoo dubartootadha.

    Hunduu lammiilee Itoophiyaa umriin isaanii ganna 9 hanga 68 gidduu jiruudha.

    Namoonni haaraa qabaman kunneen 9 magaalaa Finfinnee, tokko naannoo Oromiyaa, sadii naannoo Somaalee fi tokko naannoo Tigraay irraati.

    Walumaa galatti namoota kaleessa vaayirasicharraa dandamatan 4 dabalatee hanga ammaatti namoonni 120 ta'an bayyanataniiru.

  12. Chaayinaan US maqaa na balleessuuf dhama'aa jirti jechuun himatte

    Chaayinaan US maqaa na balleessuuf dhama'aa jirti jechuun himatte.

    Erga weerara koronaavaayirasiin booda hariiroon Chaayinaafi US gidduu jiru daran hammaachaa dhufeera.

    Keessumaa ammoo gahee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa weerara kana ittisuudhaaf taasisuu qabu irratti ittuma fufanii wal dhabaa jiru.

    Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa bulchiinsi Tiraamp qaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan ta'e WHO kan himachaa jiru hanqina ofiin weerara koronaavaayirasii ittisuu dadhaban isaan mudate ittiin dhokfachuuf jedheera.

    Pirezedaantiin US ammoo WHO yoo akkaataa hojii isaa guyyoota 30 keessatti hin jijjiiru ta'e deggarsa Dhaabbatichaaf taasisan addaan kutuun keessaa akka bahuuf jiran akeekkachiisaniiru.

    Doonaald Tiraamp, dhaabbatichi Chaayinaarraa "rakkoo hamaa walabummaa dhabuu" keessatti kufeera jedhan.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa ammoo US itti gaafatamummaa ofiif bahachuun isaanirra ture dadhabanii Chaayinaa maqaa balleessuuf dhama'aa jirti jedhan.

  13. Talaallii Covid-19 irratti mallattoo abdii jalqabaa

  14. Kilaboota pirimeer ligiif qoronnaa tasa gaggeefamuu danda’a

    Kilabooti pirimeer liigii Ingilaand har’aa eegalanii shakala xuxuqqaa taphatoota muraasaan akka gaggeesaniif hayyamameeraf garuu qajeelfama kana hordofuuf dhisuu isaanii irratti tasa qoronnoon gaggeefamuu danda’a.

    Namoota qoronnoo gaggeessan dirree hundatti qabaachuu dabalatee, pirimeer liigichi meshaan bakka jiran mul’isuufi qoronnoon viidiyoo fayyadamuuf karoorfatee jira.

    “Kun qajeelfama kana seeraan hordofa jirra kan jedhu baruuf nu gargaara,” jechuun direektarri kubbaa miilaa liigichaa Richaard Garlik dubbataniiru.

  15. Wallagga Lixaatti ijoolleen shan boolla tokko keessatti du'an

  16. Zaambiyaan sababa ‘loogiin’ mana nyaataa Chaayinaa cufte

    Aangaa’otni Zaambiyaa mana nyaataa Chaayinaa magaalaa gudditti Lusaakaa keessatti jiraattota biyyatti irratti loogii gaggeesse jedhame cufaniru.

    Manni nyaataa kun lammii Zaambiyaa tokko ati lammii biraadha jechuun hin seentu jedhanii akka dhorkan gabaafameera.

    Namni kun gochi isaanii jibba sanyummaadha jechuun ibsa.

    Dabalataanis bulchaan Lusaakaa Maayils Sampaa manni nyaataa kun akka seeraatti Ingiliffaan barreessuu dhiisuun Afaan Chaayinaa qofaan fayyadamuun himataniiru.

    Gocha kana midiyaan biyyattii Muvi TV gabaaseera.

  17. 'Oromiyaatti namootni miiliyoona tokkoo ol balaa lolaaf saaxilamoodha'

  18. Ameerikaan Dr. Tedroos WHO keessatti 'jijjiirma bu'uura' akka fidaniif guyyoota 30 kenniteef

  19. Yugaandaan uggura laaffisuun dura maaskii bilisaan hiruuf

    Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii mootummaansaanii uggura sochii uummataa laafisuun dura nama umuriinsaa ganna ja'aa ol ta'e hundaaf maaskii bilisaan akka hiru beeksisan.

    Maaskii uffachuu jalqaba ji'a kanaarraa eegalee Yugaandaa keessatti dirqama ta'eera.

    Akka pirezidaantichi jedhanitti maaskii hiruun guyyoota 14 itti aanan keessatti kan raawwatu yoo ta'u namni tokko maaskii tokko argata.

    Haala kanaan biyyattii keessatti sochiiwwan geejjibaa, daldalaa fi kanneen biroo eegalu jedhan.

    Daangaa irratti garuu ammallee geejjibi guyyoota 21'f dhorkamee jira.

    Barattoonni bara kana qormaata biyyaalessaa fudhatan qofti mana barnootaatti akka deebi'anis murtaa'eera.

    Tarkaanfiiwwan biroon kanneen akka daangaa biyyoota alaan walquunnamsiisan cufee, sa'atii murtaa'e booda namni akka alatti hin argamne gochuu fi uummanni akka wal hin geenye kan ajaju guyyoota 21'f ammas itti fufu.

    Biyyattiin guyyoota 48 darbaniif uggura sochii uummataa jala turte.

    Yugaandaatti hanga ammaa namoota 248 vaayirasichaan qabaman keessaa hedduunsaanii konkolaachistoota konkolaattota fe'umsaa gurguddoo daangaa ce'anii konkolaachisaniidha.

  20. Seenaa dargaggoo imala konteenara lubbuu namoota 64 galaafate irraa hafee