Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 429 gahe

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 3645f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 30 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hiriyyaan dargaggoo Maqaleetti poolisiin ajjeesee maal jedhaa?

  2. Biyyoonni Awurooppaa uggura ture ittuma laaffisaa jiru

    Xaaliyaaniifi Ispeen biyyoota Awurooppaa uggura sababa weerara koronaavaayirasiitiif kaawwamee ture Wixata irraa kaasanii caalaatti laaffisaa jiru.

    Manneen hojiifi daldalaa Xaalyaan keessaa hedduun, manneen dhugaatiifi rifeensaa itti miidhagfatanii dabalatee ni banamu.

    Kun akka cufaman murtaa’ee ji’a lamaan boodadha.

    Ispeen magaalawwan Maadiriidiifi Baarseloonaarraan kan hafe uggura jiru kaasuudhaan namoonni hanga 10 ta’an walitti qabamuu ni danda’u.

    Tarkaanfii uggura laaffisuu fudhatamaa jiru kun lakkoofsi namoota du’anii walitti aansuudhaan gad-bu’aa waan dhufeefidha.

    Dilbata darbe Xaaliyaan ammoo, erga sochii uggurtee kaastee lakkoofsa namoota du’anii isa gad-aanaadha jedhame galmeesifteetti.

  3. Dinagdeen US gad-bu’aa deemuun isaa ‘hanga dhuma 2021tti turuu mala’

    Dinagdeen Ameerikaa miidhaa sababa weerara koronaavaayirasiitin irra gahe irraa hanga dhuma 2021tti dandamachuu dhiisuu mala jechuun akeekkachiisan dursaan Kuusaa Qabeenya Of-eeggannoo Federaalaa US, Jeroomee Paawel.

    Paawel gaaffiifi deebii CBS waliin taasisaniin akka dubbatanitti hanga vaayirasichaaf talaalliin argamutti guutummaatti deebi’uun danda’amuu dhiisuu mala jedhan.

    Jalqaba torban darbee Paawel, seera baastota US murteewwaan dinagdee biyyattii kufaatiirraa baraaran akka dabarsaniif waamicha dhiyeessanii ture.

    Ameerikaa keessatti walakkaa ji’a Bitootessaa irraa kaasee lammiileen biyyattii miliyoona 36 ta’an hojii isaanii dhabuun gargaarsaaf galmaa’aniiru.

  4. Baaraak Obaamaan ammas ittisa koroonaavaayirasii irratti bulchiinsa Tiraamp qeeqan

  5. Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covdi-19n qabamanii miil.4.7 caale

    Addunyaarratti namoonni miiliyoona 4.7 caalan koronaavaayirasiin qabamuu ragaan Yuuniversitii Johns Hopkins ni mul'isa.

    US namoota vaayirasichaan qabaman miiliyoona 1.4 dursa qabaachuudhaan lakkoofsa akka addunyaatti jiru tokko sadaffaa qooddatteetti.

    Raashiyaan 281,752, akkasumas UKn 244,995 qabaachuudhaan walduraa-duubaan lammaffaa fi sadaffaarra jiru.

    Yeroo ammaa vaayirasichi keessatti daran tatamsa'aa kan jiru Biraaziil ammoo namoota qabaman 241,0080 qabaachuudhaan Italii fi Ispeen caalteetti.

    Kan itti aantu Ispeen keessatti ammoo namoonni 230,698 qabamuun biyyattiin Biraaziilitti aanteetti.

    Ispeenitti aanuun Itaalii, Faransaayii fi Jarmaniitu jiru.

  6. Biraazil baayina namoota Covid-19n qabamaniin Ispeeniifi Italii caalte

    Biraazil lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniitiin Ispeeniifi Italii caaltee addunyaa irratti afraffaa taate.

    Sanbata darbe aanga’oonni biyyattii sa’aatii 24 keessatti namoonni haaraan 14, 919 qabamuu gabaasanii ture.

    Kun ammo guutummaatti lakkoofsa namoota qabamanii walumaa galatti 233,142 akka qaqqabu taasiseera.

    Biraaziliin tokkoo hanga sadiitti dursanii kan jiran, US, Raashiyaafi UKdha.

    Biraazil keessatti lakkoofsi namoota sa’aatii 24 keessatti du’anii ammo 816 yoo ta’u, lakkoofsi namoota walumaa galatti biyyattii keessatti Covid-19n du’anii 15,633 qaqqabeera.

    Kunis, du’aatiidhaan addunyaarratti shanaffaadha.

    Ogeessonni garuu sababii hanqina qorachuutiin lakkoofsi dhugaan kana caaluu mala jechuun akeekkachiisaa jiru.

    Hospitaalli magaalaa Sawo Pooloo jirus sababa namooni wallaansa sardamaa argachuuf dhufaniin hanga keessumsiisuu danda'uun ol ta'uu danda'a jedhamaa jira.

  7. Bakka jirtanitti nagaan keenya isin yaa qaqqabu., Aaga nu yaa dhageessisu jenne!

    Akkam jirtu hodofotoota BBC Afaan Oromoo?

    Tamsaasa kallattii Caamsaa 18, 2020 oduu dhimmoota biyyiifi addunyaan itti jirtu gaggabaabsinee isin biraan geenyu eegalleerra.

    Dhiyaadhaa!