Madda suuraa, Addis Ababa mayor office
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lafa kaareemeetira 30,000 ta'u ijaarsa masjiidaaf waadaa galee ture har'a dabarsee kenneef.
Masjiidi magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramu kun addunyaarratti isa beekamaa ta'a jedhameera.
Sirni wal-harkaa fuudhiinsa qabiyyee lafichaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa fi Dura taa'aa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Haji Umar Idriis akkasumas Mana Maree Dhimmoot Islaamummaa Magaalaa Finfinneetti Pirezidaantii kan ta'an Sheek Sulxaan Amaan gidduutti raawwateera.
Masjiidota magaalattii keessa yeroo dheeraaf turan kanneen ragaa qabiyyee lafaa hin qabneefis waraqaan ragaa qabiyyee seera qabeessummaa mul'isu 70 ta'u kennameeraaf.
Injinar Taakkalaan kun kennaa guyyaa Iidii ilaalchisuun hawaasa muslimaaf kennameedha jedhan.
Sirna wal-harkaa fuudhiinsaa kanarratti hawaasa muslimaaf erga baga geessanii kan dabarsan Injinar Taakkalaan hawaasi muslimaa wayita ayyaana Iid al-fixir wal gargaaruu akka qabus dhaamaniiru.
Lafa kaaremeetira 30,000 bulchiinsi magaalaa Finfinnee ijaarsa masjiidaaf kenne kanarratti giddu-gala qorannoo,iddoowwan salaataa fi wiirtuuwwan barnootaa sadarkaa idl-addunyaa eeggatantu ijaaramu.