Itoophiyaatti namoonni haaraa 17 Covid-19n qabaman

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 1382f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste oggaa tahu, namoota 17 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maalezhiyaan baqattoota hingalmaa’iin adamsaa jirti

    Namoota maaskii uffatan

    Madda suuraa, Reuters

    Poolisiin Maaleezhiyaa tatamsa’ina Covid-19 ittisuusuuf jecha baqattoota hingalmaa’iin dhibba heedduu ta’an ta’achuuf Ku’aalaa Lampur keessatti tarkaanfii taasisaa jiraachu beeksise.

    Kan to’atamanifis akka sosocho’uun dhukkubicha hindadabarsine mirkanneessuuf jechuun ture dureen poolisii biyyattii Abdul Haamid Baador midiyaa mootummaatti kan hime.

    Suuraaleen namoota kana raawwachiisanii uffannaa of-eegannoo uffatan hedduun agarsiisu qoodamaa jira.

    Tarkaanfiin kunis magaalaa guddittii biyyattii baqattoota biyyoota gara biraatiif mana ta’uun beekamtu keessatti gaggeefamaa jira.

    Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii (UN) ammo aanga’oonni Maaleeshiyaa bakka baqattoonni itti hidhaman keessaa daa’immaniifi namoota caalaa saaxilamtoota ta’an akka baasaniif gaafateera.

    Qondaalli Dhaabbata ‘Human Rights Watch’ jedhamu Fiil Robatsan fuula tiwitara isaa irratti akka barresseetti, hidhaan motummaan Maaleeshiyaa raawwataa jiru kunis kaampiiwwan keessatti vaayirasichi atta baayyatu taasisuufi akkasumas baqattoonni hingalmaa’iin tole akka hinjennee kakaasuun caalaa dubbii akka hinhammeessine jedheera.

    Suuraaleen Dhaabbata ‘Human Rights Watch’ fi kan biraatiin qoodaman garuu BBCn kan hinmirkannoof akka agarsiisaniitti namoonni dhibba hedduu ta’an poolisoota hidhataniin marfamanii walitti dhiyaachuun lafarra taa’anii agariisa.

    Hanga ammaattis Maaleshiyaan sababii Covid-19 namooti 100 ol jalaa du’aniiru.

  2. Warri bara weerara koronaavaayirasii kana walfuudhan maal jedhu?

    Namoota gaa'ela isaanii raawatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Oromoota biratti sirni fuudhaafi heerumaa waltajjii firoroonniifi hiriyyoonni fagoofi dhiyoo jiran irratti walgahaniifi gammadan bakka guddaa qabudha.

    Qophiin cidhaaf taasifamus guyyaa walkaadhimatanirraa eegalee maatiin lamaan cidha bareedaa qopheessuuf dhama'u, misirroonnis waahillan filatanii gama gama isaaniin cidhicha bareechuuf qophiin taasifama.

    Warri misirrichaa ji'a hedduu dursanii uwwisaa maatii misirrittiif oolu qopheefatu, bullukkoo, jaanoo, sabbataafi guftaa fa'a.

    Waqtiin amma keessa jirru kuni yeroo itti namni hedduun cidhaan bultii ijaarratu, sirbi cidhaa bakka hundaa itti dhagahamu ture.

    Dhibeen koronaavaayirasii chaayinaarraa ji'oota muraasa dura ka'e amma mana misirroota hedduu seenee qophii isaan waggaaf itti qophaa'aa turan jalaa gufachiisee, guyyaa cidha isaaniis yeroo hin beekamnetti dabarsee jira.

    Namoonni cidha isaanii bara kana gaggeeffatan kan dhugaa bahan guutummaa isaa dubbifadhaa

  3. Daandiiwwan qilleensaa yoom balali'uutti deebi'uu, akkamiinis deebi'uu?

  4. Nageenyi Badhaadhaa?

    Tamsaasi keenya kallattii Caamsaa 03, 2020 jalqabeera.

    Odeeffannoo haala biyyaafi addunyaan itti jirtu kan itti sonaman.

    Aaga Dhagahaa Ollaa!

    Itti dhiyaadhaa.

    Biiftuu ganamaa

    Madda suuraa, Getty Images