Maalezhiyaan baqattoota hingalmaa’iin adamsaa jirti

Madda suuraa, Reuters
Poolisiin Maaleezhiyaa tatamsa’ina Covid-19 ittisuusuuf jecha baqattoota hingalmaa’iin dhibba heedduu ta’an ta’achuuf Ku’aalaa Lampur keessatti tarkaanfii taasisaa jiraachu beeksise.
Kan to’atamanifis akka sosocho’uun dhukkubicha hindadabarsine mirkanneessuuf jechuun ture dureen poolisii biyyattii Abdul Haamid Baador midiyaa mootummaatti kan hime.
Suuraaleen namoota kana raawwachiisanii uffannaa of-eegannoo uffatan hedduun agarsiisu qoodamaa jira.
Tarkaanfiin kunis magaalaa guddittii biyyattii baqattoota biyyoota gara biraatiif mana ta’uun beekamtu keessatti gaggeefamaa jira.
Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii (UN) ammo aanga’oonni Maaleeshiyaa bakka baqattoonni itti hidhaman keessaa daa’immaniifi namoota caalaa saaxilamtoota ta’an akka baasaniif gaafateera.
Qondaalli Dhaabbata ‘Human Rights Watch’ jedhamu Fiil Robatsan fuula tiwitara isaa irratti akka barresseetti, hidhaan motummaan Maaleeshiyaa raawwataa jiru kunis kaampiiwwan keessatti vaayirasichi atta baayyatu taasisuufi akkasumas baqattoonni hingalmaa’iin tole akka hinjennee kakaasuun caalaa dubbii akka hinhammeessine jedheera.
Suuraaleen Dhaabbata ‘Human Rights Watch’ fi kan biraatiin qoodaman garuu BBCn kan hinmirkannoof akka agarsiisaniitti namoonni dhibba hedduu ta’an poolisoota hidhataniin marfamanii walitti dhiyaachuun lafarra taa’anii agariisa.
Hanga ammaattis Maaleshiyaan sababii Covid-19 namooti 100 ol jalaa du’aniiru.


